Marii Mootummaa fi WBO: Furmaanni karaa nagaa hanga argamutti murannoo qabna- Maayik Hamar

Ergamaan addaa US kan Gaanfa Afrikaa Maayik Hamar mariin nagaa mootummaa Itoophiyaa fi WBO ''ulfaataa waan tureef, yeroo gabaabaa keessatti bu'aa barbaadamu argamsiisuu akka hanqate dubbatan.

Qondaalli US kun marii nagaa Mootummaa Itoophiyaa fi WBO gidduutti Taanzaaniyaatti godhamaa turee irratti jaarsummaan hirmaachaa turan.

Maayik Hamar ''Bu'aa barbaannu yeroo gabaabaa keessatti fiduuf ulfaataa ta'eera'' yaada jedhu kan kennan walgahii Koreen dhaabbii Hariiroo Alaa Koongireesii US Kamisa darbe dhimma Itoophiyaarratti gaggeesse irrattidha.

Walgahiin kun koree dhimma Afrikaa ilaalu jalatti mata duree ''Itoophiyaa: Abdifi balaa, haala yeroo imaammata US'' jedhuun gaggeefame.

Mariin kun abdiifi balaan Itoophiyaa keesssa jiru maal akka ta'e hubachuufi dhiibbaa imaammata alaa US, Itoophiyaafi naannichaatti qabdu irratti kan xiyyeefate ture.

Waraana gaaga'aa Kaaba Itoophiyaa goolabuuf gahee olaanaa kan bahan Maayik Hamar, waliigaltichi milkaahina guddaa ta'us, walitti bu'iinsa naannoo Oromiyaa fi Amaaraatti gaggeefamaa jiru marii nagaan akka xumuramu dhiibbaa gochaa akka jiran dubbatan.

Qondaalli kun walitti bu'iinsi naannolee lamaan keessatti gaggeeffamaa jiru biyyasaanii akka yaaddessu miseensota koree kanaatti himaniiru.

Lolli kun gaaga'ama lubbuu, sarbama mirgaa fi mancaatii diinagdee mudachaa jiraachuu himuun qaamoleen lolatti jiran lolarraa akka of qusatan hubachiisaa bahuu isaaniis dubbataniiru.

''Hidhattootni garaagartummaasaanii gara mariitti fidanii akka furan waamicha dhiyeessineerra'' jechuun kanuma hordofee Waraanni Bilisummaa Oromoofi Mootummaa Itoophiyaa Taanzaaniyaatti mariirra turuu ibsan.

Maayik Hamar ''dhibdee jiruuf waraanni furmaata akka hin taane'' hubachiisuun ji'ootaaf dhiibbaa gochaa erga turanii booda qaamoleen lamaan gara marii Taanzaaniyaatti dhufuu dubbataniiru.

Ammoo ''furmaatni hanga argamutti yeroo fudhachuu danda'aa'' jedhan.

Mariin Taanzaaniyaa guyyootaaf Mootummaa Itoophiyaa fi waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti gaggeefamaa ture milkii malee akka xumurame qamooleen lamaan ibsa Sadaasa 21 baasaniin himaniiru.

Sababa milkii dhabeefis quba walitti qabaniiru.

Ergamaan addaa US Maayik Hamar dhuga bahuumsa karee dhaabbii Hariiroo alaaf kennan keessatti ''furmaata barbaannu yeroo gabaaba keessatti fiduun ni ulfaata. Marichi ulfaataa ture. Daar es Salaam torban lamaafi walakkaa turre. Jijjiiramoonni gaggaariin jiru. Furmaanni karaa nagaa hanga argamutti murannoo qabna'' jedhan.

Mootummaa fi WBO gidduu bu'uura kennanii fudhachuurratti murannoofi fedhiin jiraachuun barbaachisaa akka ta'es dubbataniiru.

Itti dabaluun rakkoo nageenyaa naannoo Oromiyaa fi Amaaraa keessatti mudate furuuf tarkaanfii waraanaa fudhchuun furmaata akka hin taanee fi mootummaan karaa marii nagaa furuu akka qabu ejjennoo Ameerikaa tahuu mootummaa Itoophiyaaf beeksisuu himan.

Lola naanno Amaaraa keessatti gaggeefamaa jiruun walqabatees ''carraan yoo jiraate marichiisuufi mariin nagaa akka godhamu deeggarsa gochuuf qophi ta'uu'' dubatan.

Rakon nananoo Amaaraa kunis karaa lola hidhannoon furmata akka hin argane jala muranii dubbatan.

Itti dabaluunis labsiin yeroo muddamaa naannicha keessatti labsame akka ka'u, miidiyaaleen naannicha galuu akka danda'aniifi tajaajilli intarneetii adda cite akka deebi'u mootummaa Itoophiyaa gaafachuus dubbataniruu.

''Naannoo Oromiyaa fi Amaaraa keessatti ajjeechaan adeemsa seeraa malee raawwatamu, dararaa fi hidhaan akkaan yaachisaadha'' kan jedhan Maayik Hamar ''kana mootummaaf ifa gooneerra....haasaa keenya hunda keessatti kabajamuun mirga namoomaa xiyyeeffannoo ijoo hariiroo alaa bulchiinsa Baayideen ta'uu hubachiifneerra'' jedhan.

Haala qabinsa mirgaa Itoophiyaa keessa jiruun gammadoo akka hin taaneefi akka fooyya'u mootummaa Itoophiyaa waliin dubbii godhan akka itti fufaniis dubbatan.

Gaaffii miseensa koree irraa ka’e

Kongireensii Ameerikaa, koree dhimma alaatti, walitti qabaa koree dhimma Afrikaa kan tahan Joon Jeemsi, haasa baninsaa taasisan irratti bulchiinsa mootummaa Itoophiyaa qeeqaniiru.

Jeemsi waggoota muraasa darban keessa waanta Itoophiyaa keessatti mudatee fi ammas tahaa jiru kaasuun, biyyi Baha Afrikaa Itoophiyaan hariiroo isheen Ameerikaa waliin qabdu hir’ataa dhufuu dubbataniiru.

Jeemsi ‘’waa’ee Itoophiyaa hammuman baraa adeeme mootummaan Itoophiyaa nagaa buusuuf fedha akka hin qabne hubachaan jira. Waanti [mootummaan Itoophiyaa] nurraa barbaadu keessumaa mootummaa Ameerikaa irraa barbaadu rakkoo dinagdee hammaataa dhufeef furmaata argachuudha’’ jedhan.

Miseensa paartii Rippaapilikaanii kan tahanii fi Mishigaan irraa kan filaman Joon Jeemsi, mancaatii waraanni Tigiraay dhaqabsiise ammas naannoo Oromiyaa fi Amaaraa keessatti itti fufeera jedhan.

Dabalataan Itoophiyaan hula galaanaa argachuuf yaada kaasuun ishee waraana biraa kaasuu danda’aa jedhanii Maayik Hameriin gaafataniiru.

Waraana Kaaba Itoophiyaa fi dingadee Itoophiyaa

Gaaffii miseensota irraa dhiyaateefiin booda Maayik Haamer Imaammata Alaa Ameerikaa fi fedha Ameerikaan Itoophiyaa irraa qbadu irratti ibsa kennan.

Bulchiinsi Joo Baayidenii fi Kamaalaa Haaris faayidaa uummata Itoophiyaa guutuuf biyyyattii keessatti dimokiraasiin akka babal’atuu fi misoomni dhufu barbaada jedhan.

Ergamaa Addaa Gaanfa Afrikaa tahanii erga muudamaniis waraana Kaaba Itoophiyaa dhaabsisuu fi muddama hidha Haaromsaa waliin wal qabatee jiru tasgabbeessuu irratti akka xiyyeeffatan himaniiru.

Erga waraanni Kaaba Itoophiyaa xumuramee gara Itoophiyaa kan deeman Antoonii Biliinkenis waraanicha keessatti miidhamtootaaf haqi jiraachuu akak qabuu fi itti gaafatamni jiraachuun dubbii ijoo imaammata alaa isaanii tahuu himan.

Waraana Tigiraay keessatti yakka namoomaa kanneen raawwatan irratti himatni akka banamuuf mootummaa Itoophiyaa fi Eertiraa irratti dhiibbaa gochaa jirra jedhaniiru.

Maayik Haamer waraanni Tigiraay dhumatus loltootni Eertira daangaa Itoophiyaa guutummaatti gadhiisanii akka hin baanee fi humnoota TPLF hidhannoo hiikkachiisuu fi gaggeessuun ammas harkifachuu himan.

Daangaa naannoo Amaaraa fi Tigiraay irratti wal dhaban ammas furmaata akka hin arganne himuun, waliigaltee TPLF fi mootummaa federaalaa malatteessan karaa guutuu taheen hojiirra akka hin oolle ibsan.

Dabalataan Maayik Haamer akka hojii jalqabaniin gara Tarkii fi UAE deemuun diroonii nama malee biyyi isaanii Itoophiyaaf kennan biyyicha keessatti balaa geesisaa jiru akka Ameerikaa yaaddesse himuu dubbatan.

Gama biraan dinagdeen Itoophiyaa daddaaqama guddaa keessa galuu kan himan Maayik Haamer, biyyattiin qaala’insi jireenyaa waggoota lamaan darban keessa giddugaleessaan %30 tahuu himan.

“Waggoota 20 darban keessatti bifa hin mudanneen sharafni biyya alaa Itoophiyaa sadarkaa gadi aanaa irra gahe kan jedhan Haamer dhimma dinagdee ilaalchisee Itoophiyaan IMF waliin mariitti jiraachuu himan.

Waraana Kaaba Itoophiyaa hordofee ganaa AGOA keessaa kan baate Itoophiyaan deebistee carraa gabaa Ameerika akana rgachuuf qoratama ajiraachuu Maayik Haamer himan.

MM Abiy Ahimed Itoophiyaan hula galaanaa argachuun dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuuti jechuun isaanii qaxanichatti waraana biraa kaasa yaaddoo jedhu uumeera.

Maayik Haamer biyyoota qaxanichaa irra darbee Ameerikaafiyyuu yaaddoo tahuu himaniiru.

Hidha Haaromsaa ilaalchisee Ameerikaan faayidaa wlaoo karaa mirkaneessuu danda'uun wlaiigalteerra akka gahan hojii dippilomaasii itti fuftee akka jirtus himaniiru.