Ameerikaan biyyoota 30 keessaa maaliif dippiloomaatotashee ofitti waamte?

Tiraamp

Madda suuraa, AP

Bulchiinsi Traamp, dhimma kana ilaalchisee ibsa tokko utuu hin kenniin, Masrii fi Somaaliyaa dabalatee biyyoota addunyaa adda addaa keessatti ambaasaaddarootaa fi dippilomaatonni olaanoo gara 30 ta'an aangoo gadhiisanii gara Ameerikaatti akka deebi'an ajajeera.

Imaammata Doonaald Tiraamp Ameerikaan haa dursitu "America First" jedhuun walsimsiisuun biyyoota bulchiinsi pirezidaantichaa hariiroo idil-addunyaa biyyattii keessatti jijjiirama fiduu barbaaduu fi gahee guddaa hin qaban jedhaman keessaa dippilomaatonni akka baafaman taasifameera.

Maddeen murtee mootummaa Ameerikaatti dhihoo ta'an dhaabbata oduu Rooyitarsiitti akka himanitti, dippilomaatonni olaanoo gara biyyota 30 ta'an keessa jira biyyoota itti ramadaman gadhiisanii gara Waashingitan akka deebi'an bilbilaan itti himameera.

Dhaabbanni oduu Asoosheetid Pirees akka gabaasetti ergaan nagaa itti dhaamuu fakkaatu kun Roobii darbe irraa eegalee ambaasaaddaroota bira gahuu jalqabe jedhe.

Dippilomaatonni Ameerikaa biyyoota ramadaman irraa akka deebi'an itti himames Ministeera Dhimma Alaa keessatti gita hojii haaraa akka barbaadan gorfamuu isaanii qondaalli himmicha keessa beekan tokko himaniiru.

Dippilomaatonni Imbaasii fi qoonsilaa Ameerikaa itti ramadaman keessaa bahanii gara Waashingitanitti akka deebi'an ajajaman irra caalaan isaanii biyyoota Afrikaa yoo ta'an, ambaasaaddaroonni ammoo biyyoota addunyaa kanneen biroo irraa ta'uun himameera.

Gabaasni AP kun biyyoota ambaasaaddaroonni fi dippilomaatonni Ameerikaa akka dhiisanii ba'an ajajaman tarresse keessaa 28 kan hammate yoo ta'u, walakkaan isaanii biyyoota Afrikaati.

Kanneen keessaa michuu Ameerikaa kan taate Masrii fi mandhee al-Shabaab, kan garee al-Qaayidaa gaanfa Afrikaa keessatti argamu kan taate Somaaliyaan keessatti argamu.

Asxaa Waajjira dhimma Alaa

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Biyyoota Arabaa keessaa Masriin Ameerikaa waliin walitti dhufeenya cimaa kan qabdu yoo ta'u, waggaa waggaan gargaarsa waraanaa guddaa irraa argatti.

Ameerikaan maaliif dippilomaatii ishee Masrii irraa akka waamte hanga ammaatti hin beekamu, garuu ejjennoo biyyattii waliin qabdu gadi buusuuf ta'a jedhamee hin yaadamu.

Biyyi biraa gareewwan shororkeessitoota Somaaliyaa keessa socho'an irratti yeroo baay'ee haleellaa xiyyaaraa raawwachaa kan turte, Ameerikaan qondaala ishee Somaaliyaa keessaa baasuuf maaltu akka murtoo kanarra ishee gahe ammallee ifa miti.

Dippiloomaatota Afrikaa murtee Ameerikaa kanaan gara Waashingitanitti waamaman malees, Ambasaaddarootni biyyoota addunyaa biroo jaha Eeshiyaa, afur Awurooppaa, lama Baha Giddugaleessaa, lama Ameerikaa Kibbaa fi Giddugaleessaa, akkasumas lama ammoo biyyoota dhihaa irraa keessatti argamu.

Qondaalli olaanaa Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa, ambaasaaddaroonni meeqa akka aangoo irraa kaafaman dubbachuu didan.

Gochi jijjiiramni dippilomaatota irratti taasifamu ''bulchiinsa Ameerikaa idilee keessattis adeemsuma taasifamaa tureedha'' jedhan.

Dabalataanis, qondaallichi ambaasaaddaroonni Ameerikaa biyyoota alaa keessatti ramadaman ''bakka bu'oota pirezidaantichaa waan ta'aniif nama ajandaa isaa Ameerikaa haa dursituu hojiirra oolchu muuduuf mirga qabu'' jedhan.

Garuu qeeqxonni tarkaanfii bulchiinsa Tiraamp kun amanamummaa Ameerikaan biyyoota addunyaa al keessatti qabdu ni dadhabsiisaa jedhu.

Dubbi himtuun Waldaa Dippilomaatota Ameerikaa Nikki Gammer gochi mootummaa kun ''kan wal hin fakkanne waanuma tasa ibsa takko malee raawwatameefi hamileef bu'a qabeessummaa irratti dhiibbaa geessisu'' jechuun qeeqaniiru.

Doonaald Tiraamp erga pirezidaantii ta'uun marsaa lammaffaaf gara aangootti deebi'anii as, dhaabbilee nageenya biyyaalessaa keessatti bakka hojiiwwan imaammata alaa Ameerikaan dursa kennitu to'achuuf namoota amanatan muudaa turan.

Miseensonni mana maree fi dippilomaatonni Ameerikaa tarkaanfii Tiraamp kana qeeqaa kan jiran yoo ta'u, dhiibbaa biyyattiin dirree dippilomaasii addunyaa irratti qabdu Chaayinaa fi Raashiyaaf dabarsee kan kennuudh jechuun ibsan.