Hammi bishaan Hidhi Haaromsaa gadhiisu Masrii fi Sudaaniif akkamiin 'oduu aagaa' ta'e?

Madda suuraa, FBC
Ministirri Muummee Abiy Ahmad jila aanga'oota mootummaa olaanoo federaalaa fi naannolee of keessaa qabu dursuun gara iddoo pirojektii humna ibsaa Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa imaluun daawwataniiru.
Naannoo Beenishaangul Gumuz iddoo Gubaa jedhamurraa ''oduu gammachiisaa'' jechuun kan labsan Ministirri Muummee Abiy Ahmad, ''gammachuu kana biyyoonni yaa'a gadii- Sudaan fi Masriinis ni qooddatu,'' jedhan.
Oduu aagaa jechuun kan Ministirri Muummee Abiy ibsan, balballi hidha haaromsaa bishaan qabuu fi gadhiisuun to'achuuf hojjetame (spillways) hojii eegaluusaati.
Akkasaan jedhanitti balballi hidha haaromsaa banamuun sekondii tokkotti bishaan meetir kuubii 2,800 ta'u gadhiisuun danda'ameera.
Kunimmoo kallattiidhaan biyyoota yaa'a gadiif qaqqaba kan jedhan Ministirri Muummee Abiy ''Hidhi Haaromsaa Guddichi Itoophiyaa yaa'a bishaanii to'achuudhaan, yaaddoo balaa lolaa hir'isuun biyyoota yaa'a gadiif bishaan hammisaa hin jijijjiiramne akka isaan gahu taasisa,'' jedhan.
''Gadhiifamuun bishaanii madaalameefi hammisaa beekamee deemu kun hojii qonna fooyyessuuf, anniisaa maddisiisuu, akkasumas itti fayyadama qabeenya naannawaa sanaa wayyeessuuf haalaan gargaara,'' jedhan.
Hojiin ijaarsa Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa maqaa GERD jedhamuun beekamuu erga eegalee waggaa kurnaa ol lakkoofsiseera, ergasii biyyoonni yaa'a gadii, keessattuu Masriin ijaarsa pirojektii kanaatti gammaddee hin beektu.
Masriin hammi bishaanii na jalaa hir'ata jechuun hojii ijaarsa pirojektii kanaa mormiti.
Itoophiyaan ammoo inumaa yoo hidhi kun ijaarame biyyoonni yaa'a gadii bishaan hammisaa hin jijjiiramne (yeroo garii guutee yeroo garii hin hir'anne) argatu jechuun pirojektiin humna ibsaa kun faayidaa waloo akka mirkaneessu himti.
Biyyoonni sadeen- Itoophiyaa, Masrii fi Sudaan, dhimma kanarratti mari'atanis ammallee waliigalteerra hin geenye. Mariin Muddee darbe keessa Finfinneetti taa'anis milkii malee xumurameera.
Hidha Guddicha Laga Abbayaarratti Itoophiyaan ijaaraa jirtu ilaalchisee mariin addaan citee ture ji'a Adoolessaa keessa MM Abiyyiifi pirezidaantin Masirii Abdul Fattaa al-Siisin marichi irra deebiin eegalee furmanni akka argamuuf walii galuusaanii hordofeeti kan eegale.
Ergasii mariin marsaa afuriin kan gaggeeffame ta'us hanga ammaa biyyoonni kun yaada furmaataa irra gahan hin qaban.
Ministirri Muummee Abiy balbala bishaan ittisuu fi dhangalaasuu to'achuuf hojjetame (spillways) wayita hojii eegalsiisan bishaanni biyyoota yaa'a gadiirraa hir'atu akka hin jirre dubbatan.
''Sa'atiitti bishaan meetir kuubii 2,800 kan gadi dhiisnu bishaan tarbaayinii rukutee darbu irratti dabalataan kan dhangala'udha. Bishaan hanga kana biyyoota yaa'a gadiif ergina,'' jedhan.
Balbala bishaan ittisuu fi dhangalaasu banuudhaan bishaan akka gara biyyoota yaa'a gadiitti dhangala'u gochuun, bishaan hammisaa hin daddaaqamne (yeroo garii guutee yeroo kaan ammoo kan hin hir'anne) biyyoota yaa'a gadiif erguun alatti ijaarsa pirojektichaa haala gaariin xumuruufis baayyee fayyada jedhan MM Abiy.
''Kana kan goonuuf waan lamaaf. Tokkoffaa balbala kana osoo hin banin osoo guyyaama 10 turree bishaanni irraa dhangala'uu eegala. Kun ammoo hojii ijaarsa riqichaa hanga Sadaasa dhufuutti xumuruuf karoorfanne nu jalaa balleessa,'' jedhan.

Madda suuraa, FBC
Akka MM Abiy jedhanitti hidhi haaromsaa guutummaatti ijaaramee wayita xumuramu mataasaarratti riqicha sibiilaatu ijaarama.
''Dhimmi lammaffaan bishaan dhangalaasuun barbaachiseeef ammoo bishaan hidha ijaaramerraan akka dhangala'u hin gorfamu,'' kan jedhuudha jedhan.
Erga ijaarsi pirojektii humna ibsaa kun sadarkaa kanarra ga'ee booda bishaan gubbaa irraan dhangala'a osoo hin taane, karaa tarbaayinii yookiin ammoo balballi banamee darbuu qaba jedhan MM Abiy.
Bishaan tarbaayinii rukutee darbuun alatti balbala hidha kanaa banuun hammi bishaanii biyyoota yaa'a gadiif gadi lakkifnu, ''fedhiin keenya of qofaafa fayyadamnee isaan ammoo akka miidhaman gochuu akka hin taane agarsiisa,'' jedhan.
''Waggaa har'aa hojiin ijaarsa hidha haaromsaa guutummaatti xumuramee argina''

Madda suuraa, FBC
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hidhi guddichi qixxee laga Abbayyaarratti ijaaramaa jiru kan dhagaa fi simintoon (concrete) hojjetamu xumuramuu kan ibsan MM Abiy, ''kanaan booda gubbaa hidhichaa sibiilaan haguugnee riqicha irratti ijaaruu qofatu hafa,'' jedhan.
Hidhi haaromsaa tarbaayinoota anniisaa maddisiisan qabu keessaa lama bara darbe hojii eegalan, barana ammoo tarbaayinoonni lama dabalataan hojii eegalaniiru jedhan MM Abiy.
Tarbaayinoonni bara darbe hojii eegalan abbaa meegaa waatii 375 yoo ta'an kan baranaa ammoo tokkoon tokkoonsaanii meegaa waatii 400 maddisiisu.
Hanga Muddee dhuufuutti yoo xiqqaate tarbaayinoonni dabalataa sadi hojii ni eegalu jedhan MM Abiy.
''Garuu ujummoowwan humna bishaanii gara tarbaayinii geessan (Penstocks) hunduu hojjetamanii xumuramaniiru. Iddoon anniisaan itti maddisiifamus (power House) irra jireessi qophaa'ee xumurameera. Jenereetarri yoo dhufe dhaabuu qofa.''
Akkasumas Mudde keessa qabiyyeen bishaan hidhamee yoo xiqqaate meetir kuubii biiliyoona 70 akka ga'u ibsan.
''Yeroo ammaa bishaan hidhi kun qabatee jiru duubatti hanga kiilomeetira 210 uwwiseera. Gadi fageenyisaa meetira 133 ga'eera. Waliigalatti bishaan kuufame meetir kuubii biiliyoona 62.5 ga'eera,'' jedhan.
Akka Ministirri Muummee Abiy jedhanitti yeroo ammaa guyyatti bishaan meetir kuubii miiliyoona 900 kuusuutu danda'ama.
Hanga Muddee dhufuutti hojiin ijaarsaa guutummaatti ni xumurama kan jedhan MM Abiy, tarbaayinoonni torba anniisaa maddisiisuuf qophii ta'anillee garuu ''humna anniisaa baatee gara tajaajilaatti geeddaru akka diriirsinee xumurrutti akkanumaan maddisiisnee lafatti hin balleessinu,'' jedhan.
''Har'a tarbaayinoonni hunduu yoo ka'anii anniisaa maddisiisuu eegalan nuuf faayidaa hin qabu. Anniisaa amma maddisiifamaa jiruttiyyuu guutummaatti hin fayyadamne. Callisnee yoo anniisaa maddisiisne ammas akkanumaan lafatti bada.''
Rakkoon jiru anniisaa maddisiifame waliin ga'uun tajaajilaaf akka oolu gochuurratti kan jedhan MM Abiy, ''iddoowwan hedduutti buufataalee anniisaa (substation) fi sararoota ibsaa yoo diriirsine dhiyeessii anniisaa eegalla,'' jedhan.

Madda suuraa, FBC
Bu’uurri ijaarsa hidha Haroomsa guddichaa ALI Bitooteessa 24 bara 2003 Ministira Muummee duraanii Mallas Zeenaawiin kaa'ame.
Eddoonsaas karaa daangaa Itoophiyaan Sudaaniin waldaangeessitu, Naannoo Beenishaangul Gumuz Aanaa Gubaa keessatti argama.
Ijaarsa hidha kanaaf baasiin doolaara biiliyoona 4 ol akka barbaachisu ibsamee ture.
Ol ka’iinsa meetira 145 fi bal'ina kiilo meetira 1.8 qaba kan jedhame hidhi kun wayita xumuramutti Afrikaatti madda anniisaa humna bishaanii isa guddaa ta'a jedhameera.
Hidhichi gutummaatti wayita ijaarsi isaa xumuramutti bishaan meetir kuubii biiliyoona 74 qabachuu akka danda’u himame.
Itoophiyaan osooma Masriin mufattuu marsaa sadiin bishaan guuttee xumuruu ibsiteetti. Yeroo ammaa hidhi kun bishaan meetir kuubii biiliyoona 62.5 qabateera.
Hidhi haaromsaa tarbaayinoota anniisaa elektirikaa maddisiisan 13 kan qabu yoo ta’u, tokkoon tokoo tarbaayinichaas annisaa meegaa waattii 375 maddisiisuuf dandeettii akka qabantu himame.
Hidhi kun guutummaatti wayita hojii eegalu anniisaa meegaa waattii 5,150 maddisiisuu akka danda'u ragaan mootummaa Itoophiyaa ni mul'isa.












