Ajajaan waraanaa Israa'el haleellaa Onk. 7 raawwatame ittisuu dadhabuutti aangoo gadhiise

Madda suuraa, IDF
Hogganaa Olaanaan waraanaa Israa'el, haleellaa cimaa gareen hidhattoota Filisxeem Hamaas Onkoloolessa 7 bara 2023 raawwachuudhaan lubbuu namaa galaafatee biyyattis waraanatti galche dhaabuu dadhabuutti itti gaafatamummaan kan isaa ta'u hubachuudhaan aangoo gadhiisuu beeksise.
Hogganaa Olaanaan Raayyaan Ittisaa Israa'el (IDF) Letinaal Janaraal Herzi Haalevi Xalayaa ministeera ittisaatiif barreesseen, ''ergama lammiilee Israa'el eeguuf qabu akka naaf hin milkoofne amaneen jira" jedhe.
"Kufaatii hamaa kanaaf itti gaafatamummaakoo ba'uu dadhabuun gaabbiin guyyaa guyyaan, sa'aatii hunda na waliin deema. Umuriikoo guutuus akkasuma ta'a," jechuun ibse.
Jeneraalichi kaayyoon waraanaa Israa'el "hunduu" galma ga'uu dhabuu isaa beekus, IDF'f "bu'aa guddaa" argate gidduutti Bitootessa 6 aangoosaanii akka gadhiisan dubbatan.
"Waraanni Hamaasii fi dandeettii bulchiinsa isaa daran diiguuf, booji'amtoonni akka deebi'an mirkaneessuuf akkasumas Israa'eloonni haleellaa gareewwan hidhataniin buqqa'an gara biyyaatti akka deebi'an dandeessisuuf qabsaa'uun itti fufa" jedhan.
Yeroo muraasaan booda, hogganaan Ajaja Kibbaa IDF, Meejar Jeneraal Yaaron Finkelmaan, akkasumas "itti gaafatamummaa lammilee eeguuf qabu" akka hin milkoofne ibsuun aangoo gadhiisuu isaanii beeksisanii jiru.
Aangoo gadhiisuun isaanii waliigalteen dhukaasa dhaabuu fi booji'amtoota gadhiisuu Gaazaa kan Israa'el, Ameerikaa fi kanneen birootiin akka dhaabbata shororkeessummaatti dhorkame waliin waliigaltee irra ga'amee guyyoota sadii booda.

Madda suuraa, Reuters
Qondaaltonni waraanaa fi basaasaa Israa'el ji'oota 15 dura hidhattoonni Hamaas dhibbaan lakkaa'aman daangaa Israa'el cabsanii hawaasa Israa'el dhiyoo jiran irratti haleellaa banuu isaanii dura akeekkachiisa turetti xiyyeeffannoo hin kennin turan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akka waraanni eegaleenis namoonni 1,200tti siqan ajjeefamanii, 251 kan ta'an ammoo butamanii gara Gaazaatti geeffaman.
IDF kana haaloo bahuuf Gaazaa keessatti duula qilleensaa fi lafa irraa eegaluun, waraana tureen lammiileen Filisxeem 47,100 ol ajjeefamuu ministeerri fayyaa Hamaasiin geggeeffamu kan beeksise.
Jeneraal Haleviin Kibxata darbe akka jedhanitti, kutaa waraanaa Hamaas ''miidhaa guddaa irra ga'eera'', hoggansaa fi ajajoonni waraanaa garee kanaa harki caalaan duula itti banameen ajjeefamaniiru jedhan.
Qorannoon IDF taateewwan Onkoloolessa 7 irratti gaggeessu aangoo gadhiisuu isaanii dura xumuruuf karoorfate, "qulqullina olaanaa, gadi fageenyaaniifi iftoomina guutuun" akka ta'u waadaa galaniiru.
Haata'u malee, qorannoon waraanaa kun "IDF qofa irratti kan xiyyeeffate yoo ta'u, wantoota bal'aa gara fuulduraatti taateewwan wal fakkaatan ittisuu danda'an kan hin hammanneedha" jechuun gaafate.
"Komishiniin qorannoo ykn qaamni walabaa biroo kamiyyuu qorachuu barbaadu qorachuu kan danda'u yoo ta'u, iftoomina guutuu IDF irraa ni argata," jedhan.
Ministirri Mummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun yeroo waraanaa sanatti Jeneraal Halevii ''tajaajila waggoota dheeraaf kennaniifi IDF ajajuu isaaniif'' galateeffataniiru, kunis ''Israa'eliif bu'aa guddaa argamsiiseera'' jedhan.
Hanga ammaatti Netaaniyaahuun waan Onkoloolessa 7 ta'eef baay'ee akka gaddee fi gahee gahee isaa ilaalchisee "gaaffii ciccimoo tokko tokko" deebisuu akka qabu qofa ibseera. Akkasumas, komishiniin qorannoo walaba ta'e hanga waraanni Gaazaa xumuramutti eeguu akka qabus dubbataniiru.
Hogganaan paartii mormituu Yahir Lapid murtee Halevi ejjannoo sirrii ta'uu fi Netaaniyaahuun illee ijjannoo kana qabatee akka aangoo gadi dhiisu gaafataniiru.
"Amma, yeroon yeroo qondaaltootni tokko tokko qofti itti gaafatamummaa fudhatanii aangoo gadhiisan utuu hin taane kan Ministirri Mummee fi mootummaa isaanii guutuu balaa guddaa geessisan aangoo itti gadi dhiisanii," jedhan.

Madda suuraa, Getty Images
Jeneraal Halevi yeroo ammaa kana IDFn waliigaltee dhukaasa dhaabuu Gaazaa marsaa sadii Hamaas waliin taasise kan hidhamtoota Falasxiinota dhibbaan lakkaa'aman mana hidhaa Israa'el keessatti argaman jijjiiruuf booji'amtoota Israa'el hafan akka gadhiifaman taasisuu akka qabu to'achaa jira.
Walumaagalatti marsaa jalqabaa torban jaha turu keessatti booji'amtoonni 33 gadhiifamuu qabu. Hamaas Dilbata, yeroo dhukaasa dhaabuun hojiirra oole dubartoota sadii dabarsee kan kenne yoo ta'u, Sambata dubartoota afur biroo bilisa akka baasus dubbateera.
Humnoonni Israa'el naannoo Gaazaa baay'inaan jiraatu irraas bahuu qabu, Falasxiinonni qe'ee isaanii irraa buqqa'an gara mana isaaniitti deebi'uu akka jalqaban, akkasumas guyyaa guyyaan konkolaattonni gargaarsaa dhibbaan lakkaa'aman naannoo sanatti akka seenan hayyamame.
Mariin marsaa lammaffaa - kan booji'amtoonni hafan gadhiifamuu, loltoonni Israa'el guutummaatti akka ba'ani fi "tasgabbii itti fufiinsa qabu deebisuu" agarsiisuu torban lamaa booda kan jalqabu ta'a.
Sadarkaan sadaffaa fi dhumaa Gaazaa irra deebiin ijaaruu kan waggoota fudhachuu danda'u fi reeffa namoota ajjeefamanii deebisuu kan of keessatti hammate ta'uu qaba.
Haa ta'u malee, lammiileen Falasxiinota Gaazaa jiranii fi maatii namoota booji'aman gidduutti walii galteen kun ni raawwatama fi dhiisuu isaa irratti yaaddoo guddaatu jira.
Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp dhukaasa dhaabuu taasifamuu galateeffatanii walii galteen marsaa saddiin raawwataman hunduu hojirraa ooluu isaaf shakkii qaban ibsaniiru.
Netaaniyaahuun Israa'el "mariin marsaa lammaffaa bu'a qabeessa miti jettee yoo amante gara waraanaatti akka deebitu deeggarsa Ameerikaa qabdi," jedhan.












