Abbootiin amantaa Tigraay gaaffii araaraa Bataskaanni Ortodoksii Itoophiyaa dhiyeessiteef kuffisan

Abbootii amantaa Ortodoksii Tigraay

Madda suuraa, DW

Abbootiin amantaa Ortodoksii naannoo Tirgraay, walitti dhufeenyi sababii waraana naannichaatiin wal qabate Bataskaanni Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa adda cite ture deebii’ee akka eegaluuf gaaffii dhiyaateef fudhachu didan.

Waraana cimaa waggoota lamaaf naannoo Tigraayiitti gaggeeffamee tureen wal qabatee, kutaa biyyattii kaaniin adda citanii kan turan abbootiin amantaa Ortodoksii naannoo Tigraay, tibba waraanichaatti wayita bataskaanaa fi amantoota naannichaa irra badiin qaqqabuutti bataskaanni jidduugalaa balaaleeffachu dhiisuutti komachaa turuun ni yaadatama.

Kana malees dureewwan amantichaa ''tokko tokko hanga adda waraanaatti imaluun loltootaaf jajjabina kennuun obbolaasaanii waraansiisan'' jechuun komii hordoftoota amantichaa gama Naannoo Tigraayiin wayita ka’u ni dhagahama.

Waggaa tokkoon dura Batasikaana Ortodoksii Itoophiyaa irraa adda bahuun addatti Mana Lubummaa Tigiraay hundeessuuf murteessuu ifa taasisuun isaanii ni yaadatama.

Amma ammoo, haala xalayaa abbootii amantaa olaanoo bataskaana Ortodoksii naannichatti argamaniin mallattaa’uun miidiyaa naannichaatiin gabaafameetti, gaaffii batasikaana Ortodoksii Itoophiyaatiin walitti dhufeengi adda cite ture deebiisee akka eegaluuf dhiyaate osoo hin fudhatiin diduun ibsameera.

Haata’u malee batasikaanni Ortodoksii Itoophiyaa gaaffii dhiyeessiteef deebii abbootii amantaa Tigraayiin kenname kanarratti hanga yoonaatti kan jetti omtu hin jiru.

Abbootiin amantaa Naannoo Tigraay kunneenis xalayaa deebii gaaffii kanaa fuula jahaa irratti sababiiwwan walitti dhifeenyi akka adda citu taasisaniiru jedha gadi fageenyaan bareessaniiru.

Adda durummaanis badiifi miidhaa mana amantichaa fi ummata naannichatti argamurra qaqanee batasikaanittiin hin balaaleeffannee akkasumas ni waliin hin dhaabanne kan jedhudha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Lammaffaarratti tibba waraanni naannicha keessatti gaggeeffamaa tureetti haasaa jibbiinsaa hordoftoota amantichaafi kanneen mana mantichaa keessatti aangoo addaa addaa qaban taasisaniif manni amanitichaa haaluma ittiin bulmaata mana amantichaatiin akka dhaabsiiftuuf gaafachu yaadatana.

Sababii kanaanis Mana Lubummaa Waliigalaa Salaamaa Kasaatee Birhaan jechuun addatti Mana Lubummaa hundeessu isaaniifi kunis naannichaa fi hordoftoota amantichaa addunyaa adda addaatti argaman biratti fudhatama waan argateef gaaffii keessa akka hin seenneefi daandiidhuma eegalaniin akka itti fufan ibsaniiru.

Kana malees xalayaan Bataskaan Ortodoksii Itoophiyaan barraa'ee qofaatti phaaphaasoota shaniif ergamu kaasuun, ''kunis karaa mana Lubummaa hundeeffame Waliigalaa Salaamaa Kasaatee Birhaanstiin malee dhunfaan ergamu hin qabu ture'' jedha xalayaan deebii kun.

Sababii kanaatiifu, gaaffii amma Sinidoosiin Batasikaana Ortodoksii Itoophiyaa walitti dhufeenyi adda cite ture akka deebii’ee haaromuuf dhiyeesse ammaan tanatti kan abbootii amantaa naannichaa qofaan deebiifamu waan hin taaneef akka gaaffichi hin simanne xalayicharratti ibsaniiru.

Gaaffii batasikaanittiif deebii kennuuf kan mallatteessan ammo Phaaphaasoota sabakaa kutaa biyyaa Kaaba-lixa Tigraay, Baha Tigraay, Jidduugala Tigraay fi kan Maqaleeti.

Paatiriyaarikiin Bataskaana Ortodoksii Itoophiyaa Abuna Maatiyaas gaaffii fi deebii yeroo garaa garaatti tibba waraanaa sanatti taasisaniin, Tigraay keessatti badiin raawwatamuufi waraanichi akka dhaabbatuuf irra dedebiin gaafataa turan.

Waggoota lamaaf wal waraanaa kan turan mootummaa federaalaafi humnoota Tigraay, wal waraansa dhaabuun waldhabdee isaanii karaa nagaatiin furuudhaaf waliigaltee nagaa Sadaasa sadarbe Afriikaa Kibbaatti mallatteessuun isaanii ni yaadatama.

Waliigaltee nagaa mallattaa’een boodas waraanichi dhaabbachuun alatti, tajaajiloonni bu’uuraa waggoota lamaaf naannichatti adda citanii turan debbii’anii tajaajila eegaluun alatti mariin hojiirra oolmaa waliigaltee nagaaf daandii mijeessu qondaaltoota mootummaa federaalaafi bakka bu’oota naannoo Tigraay waliin gaggeeffamuun gabaafameera.

Batasikaanni Ortodoksii Itoophiyaas haaluma waliigaltee nagaatiin booda umamee kana hordofuun walitti dhufeenyi abbootii amantaa naannoo Tigraay waliin adda cite ture akka deebii’ee haaromuuf xalayaan gaaffii kan dhiyeessite.

Sababii waraanichaatiin naannoo Tigraay keessatti badiin namoommaafi qabeenyaa olaanaan kan qaqabe yoo ta’u, bataskaanootaafi hordoftoota amantichaa hedduurras miidhaan qaqaabuun gabaafamaa ture.

Kanumaan wal qabatees abbootiin amantaa Ortodoksii Tigraay walitti dhufenya mana amantichaa jidduugalaa waliin qaban addaan kutuun addatti Mana Lubummaa Tigiraay hundeeffachuuf murteessu ibsunsaanii ni yaadatama.