Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kooriyaan Kaabaa torban lama keessatti misaayela ja’a dhukaaste
Kamisa irratti Kooriyaan Kaabaa misaayela lama biraa dhukaasteetti – kun dhukaasa dhorkamaa ja’affaa torban lamaan keessatti biyyattiin gaggeessitedha.
Mootummaan biyyatti tarkaanfii tibbana fudhate kanaan, shaakala waraanaa US fi Kooriyaa Kibbaan gaggeeffameef “deebii kenname qofadha” jedheera.
Kibxata irratti Kooriyaan Kaabaa misaayela gara Jaappaanitti dhukaasuun ishee US wal ga’ii Mana Mree Nageenyaa UN hatattamaa akka waamtu tasiseera.
Wal ga’ii kana irratti qoqqobbiiwwaan cimoo Kooriyaa Kaabaa irraa dhorkuun Raashiyaa fi Chaayinaa himatteetti.
Qoqqobbii dabalataa mormuun Raashiyaa fi Chaayinaan “eegumsa” Kooriyaa Kaabaaf kennaniiru jechuun UN’tti ambaasaaddarri US dubbataniiru.
Bakka buutonni Chaayinaa fi Raashiyaa ammo adabbii irra marii dabaluun fooyya’aadha jedhaniiru.
Ji’oota lamaan darbaniif US, Kooriyaa Kibbaa fi Jaappaan akkamiin akka haleellaa Kooriyaa Kaabaa ittisaanii fi mo’atan irratti shaakala waliinii adda addaa gaggeessaa turaniiru.
Shaakalli kunneen hoogganaa Kooriyaa Kaabaa Kim Joong-un muufachiisuun, kana akka diinotni isaa waraanaaf qophaa’aa jiranitti ilaaleera.
Hima baaseen mootummaan Kooriyaa Kaabaa “waldhabdee waraanaa biyyootii Kooriyaa lamaan jidduu jiru hammeessuun” US’n himateera.
Dhukaasa Kibxata Kooriyaan Kaabaa gaggeesiteef deebiidha jechuun, Roobii irratti US, Jaappaan fi Kooriyaan Kibbaa shaakala dabalataa gaggeessaniiru.
US akka jettutti misaayela dhorkame yaaliif dhukaasuu fi shakaala nageenya gaggeessuun “waan wal gitu miti.”
Dabalataanis US doonii xiyyara waranaa fe’u, USS Roonald Reegan jedhamu deebistee naannoo daangaa Kooriyaatti bobbaafteetti.
Kooriyaa Kibbaa fi Jaappaan akka jedhanitti misaayelli Kamisaa dhukaafame inni jalqabaa akka sa’aatii biyyattiitti barii naannaa sa’aatii 12:00tti ture. Misaayelli inni jalqabaa fageenya km350f yoo furguggifamu inni lammaffaa ammo gara kn 800 akka tures himaniiru.
Dhuukasi walitti aanaan dhiyeenyaa, haala bara 2017’tti gara yaalii meeshaa waraanaa nuukileeraatti geese waliin baayyee wal fakkaata.
Bara sana, akkuma yeroo ammaa, Koriyaan Kaabaa yaalii misaayelootaa gaggeessitee, US waliinis mariin hin turre, dabalataanis Kooriyaan Kaabaa kisaayela lama kallattii Jaappaaniin dhukaasteetti.
Suuraan Saatilaayitii akka mul’isutti, Kooriyaan Kaabaa wiirtuu yaalii nuukileeraa isaanii kana bara 2018’tti barbadeessineerra jedhanii turan haaressaa akka jiran mul’isa.
Ji’a darbe, Kooriyaan Kaabaa seerotaa nuukileera isaa fooyyessuun, hogganaan Kim Joong-un biyyattiin human nuukileeraa “hin jijjiiramnedha” jedheera.
Kim Joong-un yaalii nuukileeraa torbaffaa isaa gaggeessuuf haala siyaasaa mijaata waan eegaa jiru fakkaata.