'Har'a Tootenhaamiin mo'achuuf gorsa Arsen Wenger barbaada'- Arteettaa

Arteetaan Tootenhaamiin mo'achuuf gorsa Arsen Wneger barbaada jedhe

Madda suuraa, Getty Images

Leenjisaan Arsenaal Maayik Arteettaan tapha Tootenhaam waliin qaban dursuun akkamitti akka Tootenhaamiin mo'atan leenjisaa duraanii Arsenaal Arsen Weenger irraan gorsa barbaada jedhe.

Arsenaal waggaa 20 booda waancaa Piriimer Liigii mo'achuuf taphoota muraasatu isa hafa. Garuu Maanchister Siitii waliin ammallee kokkee wal qabaniiru.

Arsenaal Waancaa Piriimer Liigii isa dhumaa kan mo'ate bara 2003-04 ture.

Amma qabxii tokkoon Maanchister Siitii caalanii tokkoffaa irra jiru.

Arsen Weenger jalatti Arsenaaliif taphachaa kan ture Arteettaan, yeroo muraasaaf leenjisaa isaa duraanii Weenger waliin dubbachuu himeera.

''Yero muraasaas isa waliin dubbadheera. Akkamitti akka mo'atanii fi wantoota gara dhumaatti turan irratti Wenger waliin dubbadheera.''

Arsenaal har'a Tootenhaamiin kan mo'atu yoo tahe hanga Maan Siitiin Nootingihaam Fooresti waliin taphatutti qabxii afuriin dursuu jalqaba.

Tapha Marsii Saayidiin Liiverpuul masaanuu isaa Everteeniin mo'amuun fiigicha waancaaf taasisu keessaa duubatti hafeera. Har'as taphni darbii kun Arsenaaliif carraa gaarii uumamoo hiree Liiverpuul itti fida?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Leenjisaan Tootenhaam Anji Poostikoogiluu taphattootni isaanii dhiibbaa taphni har'aa isaan irratti qabu ni hubatu jedhan.

Tootenhaam har'a Arsenaaliin yoo mo'ate, gama tokkoon sadarkaa arfaffaan xumuree hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii argachuuf, gama biraan ammoo carraa masaanuun isaanii Arsenaal waancaa mo'achuuf qabu balleessuun akka milkaa'inaatti kan ilaallatan taha.

''Tapha jabaa akkasii dirree keenya irrati taphachuun masaanuun keenya akka nu hin mooneef bu'aa akkamii akka nuuf qabu ni hubanna,'' jedhan.

Miirri deeggartoota keenyaa maal akka fakkaatu amma ibsuu na hin barbaachisu kan jedhan leenjisichi bara kana dirree isaanii irratti Liiverpuulii fi Maanchister Yuunaayitidiin mo'ataniiru.

Dilbatni kun gareen keenya hagam akka gahan carraa ittiin of madaalanidha jedhan.

Leenjisaan Arsenaal Arteettaan taphataa tahee taphoota darbii hedduu irratti hirmaateera. Garuu amma leenjisaa tahee mo'achuun inumaayyuu hiika guddaa qabaaf.

'Waan fedhe jedhameyyuu kaka'umsa guddaatu jira'' jedhe Arteettaan. ''Uummatakeef [deeggartoota] maal akka kennuu dandeessu beekta, keessumaa tapha kana yoo mo'anne, gammachuu guddaa taha.''

Arsenaal taphoota isa hafan mo'atanis Maan Siitiin ammayyuu qabxii gatuu isaa eeggatu. Taphni Aston viilaa waliin taasisuun mo'aman gatii isaan kaffalchiisuu hin oolu. Bara dorgommii kana riphee duubarra hordofaa kan jiru Maan Siitiin ammayyuu tapha haftee tokko qaba.