'Maan Yuunaayitid bara taphaa kana hunda eessa ture?'

Madda suuraa, Getty Images
Bara taphaa kana hunda Maan Yuunaayitid eessa ture?
Tapha Waancaa FA xumuraa injifachuuf ga'umsa Erik Teen Haag Sanbata kaleessaa agarsiisan wayita ilaaltu gaaffii kana kaasta jedha barruu BBC Ispoortiif kan barreessu Alan Sheerer.
Kaleessa 2 fi 1'n Maanchister Siitii injifatan.
Garuu cimina, cichoominni, fedhii fi naamusni Maan Yuunaayitid dirree Wembileeyitti agarsiisu namoota hedduu jalaa dhokateera.
Taphattonni garee laman [Siitii fi Yuunaayitid] hundisaanii wal'aansoo walqabaa, wal morkachaa turan jedha Alan.
Gareen Teen Haag garuu otoo torban darban hunda akkanattiin taphatanii Primiyer Liigiirratti sadarkaa 8ffaa bahuun hin goolaban jedhe.
Teen Haag gama isaatiin gahuumsa gadaanaa kan mul'isaaniif taphattoonni miidhamuun walqabsiisa. Garuu bara kana gareewwan kubbaa miilaa kamiyyuu taphattoota jalaa miidhaman qabu jedhe.
Yuunaayitid yeroo taphaa 2023-24 taphattonni garichaa tattaaffii gahaa hin goone jedhamuun qeeqamu.
Sambata kana garuu boqonnaa booda wayita taphni jabaatu tattaaaffiin garichaa miidhagaa ture.
Taphattoonni garichaa wal tumsanii injifachuu danda'aniiru.
'Taphattoonni Yuunaayitid torban hunda ga'umsa akkasii mul'isuu qabu'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Otoo taphi hin eegalamiin dura Yuunaayitid deeggartootasaattii bara kana gahumsa gadaanaa mul'ise xumurarratti hanga tokko gammachisuuf carraan xumuraa ta'uu himeen ture jedha Alan, taphattoonni garichaa kanuma mul'isan jedha.
Garee fooyyee qabu ta'anii dhiyaatan, kanaafuu injifachuun isaaniif mala jedhe.
Teen Haag karoora taphaa baasaniin morkotaasaanii waliin taphatan, karooricha taphattoonni qabatamaan hojiitti hiikaniiru jedhe.
Yuunaayitid kanarratti jalqabarraa kaasanii sirrii turan jedhe.
Warri Yuunaayitid, Siitiin akka yeroo kaaniitti akka taphatu hin eeyyamneef, carraa dhoowwata, karaa itti cufatan, sirumayyuu akka dogoggora uuman dirqisiisan jedhe.
Tapha boqonnaan duraarratti Siitii muddama keessa galchan jedhe.
Taatullee yeroo ittaanutti Teen Haag Yuunaayitid keessa turuuf dhiisusaanii amma yoonaatti hin beeknu, garuu namni fedheyyuu yoo leenjise taphattoonni garichaa tattaaffii fi tokkummaa akkasii torban torbaniin mul'isuu qabu.
Taphattoonni tattaaffiisaanii tapha gurguddaa qofaaf qusachuu hin qaban jedha.
Teen Haag irra deddeebiin kun tapha kee isaa xumuraatimoo garicha keessa turta moo egereen kee eessa ta'a jedhamanii gaafatamutti mufii qaban nan hubadha jedhe.
Yuunaayitid otoo Teen Haag ni tursiisu ta'ee ifatti ibsu jedheen amana, kanas silaa Waancaa FA dura raawwatu ture jedhe. Taatullee callisuun isaanii waan akeeku ni qabaata jedheen yaada jechuun ibsa.
Egereen Teen Haag shakkii keessa kan seene sababa gahumsa gadaanaa bara kana garichi mul'iseen walqabata jedhe.
Maanchistar Yuunaayitid kilaboota gurguddoo addunyaa keessaa tokko yoo ta'u, sadarkaa 8ffaa bahuun ykn waltajjii Chaampiyeensi Liigii keessaa bahuun goolabuun isaa fudhatama hin qabu jedhe.












