'Osoo goolii eegaa hin jijjiirree Arsenaal shaampiyonaa ta'ee ture'-Gaardiyoolaa

Madda suuraa, Getty Images
Maanchistar Siitiin galgala Totenhaamiin 2-0n injifachuun seenaa priimiyeer Liigii haaraa galmeessuuf fiixeerra gaheera.
Qophii guyyaa lamaan tapha murteessaa kanaaf kan dhiyaate Gaardiyoolaan miira taphichi qabu qarqara dirreetti agarsiisaa ture.
Boqonnaa booda yaalii Son goolii eegaa waliin fuulleetti dhufee Orteegaan qolate irratti Peep dugdaan garagalee ture. Yeroon jilbaan lafa qabates tureera.
Yaalii goolii gochuun Ispars olaantummaa qabaatus, Siitiin tapha kana dirree Tootenhaamitti mo'achuu danda'eera.
Taphicha booda yaada kan kenne Peep goolii eegaa jijjiiruun tapha kana akka injifatan gargaaruu dubbate.
Goolii eegaa idileen Siiti, Enderson miidhamuu booda osoo hin eegiin fedha taphachuu osoo qabuu jiijjiirame.
Enderson tessoo jijjiirraa reebee jijjiiramuusaatti gadduu mataa cabsuun agarsiise.
Peep ''ijjisaa rakkoo godhateera, akka ta'utti itti mulachaa waan hin turreef doktarootatu akkan jijjiiru natti hime'' jedhe.
Orteegaan jijjiiramee erga galee booda kubbaawwan goolii ta'an hedduu baraaruun taphataa cimaa taphichaa jedhamee filatameera.
Debriyuunaanis jijjiiramee kana bahe miidhama koronyoosaa mudateen akka ta'e peep dubbateera.
Amma taphni xumuraa eenyu shaampiyoonaa ingiliz akka ta'u murteessuu Dilbata sa'aatii walfakkaataatti gaggeefama.
Siitiin kan amma qabxii 88n tokkooffaa ta'e dirreesaatti Weestihaamiin keessummeessa.
Arsenaal ammoo qabxii 86n lammaffaadha. Tapha dhumaa Evertan waliin dirreesaatti taphata.
Siiitiin tapha dirreesaa kanatti godhamu injifannaan walitti aansee yeroo arfaffaaf shaampiyoonaa ta'uun riikardii haaraa galmeessa.
Siitiin qixxee bahee Arsenaal injifannaan ammoo garaagartummaa gooliin hiree waancicha injifachuu argata.












