Namichi Afrikaa Kibbaatii ka'ee fiigichaan Tuniiziyaatti qajeele guyyaa dhiisee halkan fiiguu eegale

Raasel Kook fiixee Kaabaa fi Kibbaa aardii Afrikaa gidduu fiigaa jiru

Madda suuraa, GUUS VAN VEEN

Raasel Kook jedhama. Lammii UK ganna 26ti. Tola ooltummaaf maallaqa walitti qabuuf jecha fiixee Kaabaa fi Kibbaa aardii Afrikaa gidduu fiiguu erga eegalee waggaa ta'uuf deema.

Kook fiigicha kana yeroo jalqabu maaraatoonii 360 (15,120km) guyyoota 240 keessatti xumuruuf karoorfate ture.

Haata'u malee daangaa biyyootaa wayita qaaxxaamuru dhamaatii viizaa argachuu argu, rakkoolee biyyoota gidduu jiruu fi saamicharraa kan ka'e sarara irra bahuuf karoorse jijjiiruun yeroo qabate ool akka itti fudhatu godheera.

Kook amma gammoojjii Sahaaraa qaxxaamuree gara Kaaba Afrikaatti fulla'uuf jedha.

Gammoojjii kana garuu guyyaa qaxxaamuruun gubaa o'a isaaf waan danda'amuu miti. Kanarraa kan ka'e fiigicha maaraatoonii 360 gaggeessuu kana galgala sa'aa tokkorraa eegalee barii sa'aa 11tti xumuruuf karoorse.

Murtee kana gochuun hiree miidhamuuf qabu xiqqeessuun carraa baayyee fiiguu akka uumuuf dubbate.

Fiigicha kana dukkana halkan keessa gochuusaatiin naannoo ilaalaa fiiguu dhabuun akka isa hin yaaddessine dubbate.

''Arguu dhabuu koon homaa natti hin fakkaatu. Wantin baayye itti dhimmamu Tuniziyaa gahuukooti. Waa ilaaluuf umrii koo guutuun naaf jira'' jedhe.

Chaaleenjiin rakkisaan yoo xiqqaate biyyoota 16 qaxxaamuruu gaafatu kun Ebla 22, 2023 Afrikaa Kibbaarraa eegale. Galmisaa ammoo Ebla 7 fiixee Kaabaa Afrikaa, Tuniiziyaa gahuudha.

Kook amma guyyoota 310f fiigee, Moriteeniyaa gaheera.

Kaayyoon chaalenjii kanaa dhaabbata tola oolaaf maallaqa walitti qabuu yoo tau hanga ammaatti paawundii 190,555 sassaabuu danda'eera.

Fageenyi inni gabaabaan Afrikaa Kibbaafi Tuniiziyaa gidduu jiru 10,500km yoo ta'u ta'u osoo hin dhaabataniin yoo konkolaataaddhaan deemame gara sa'aa 146 ykn gara torban tokkoo fudhata.