Guyyaatti tarkaanfii 5000 lafoo deemuun du'a yeroo malee hambisa - Qorannoo

Madda suuraa, Getty Images
Guyyaatti tarkaanfii 10,000 yoo adeemne qaamni keenya fayya-qabeessaafi jabaa akka tahuuf fala gaarii dha jedhameetu amanama ture.
Qorannoon haaraa amma bahe garuu tarkaanfiin 5000 gadi bu'aa kana argachuuf gahaa dha jedha.
Xiinxallii namoota addunyaa 226,000 irratti taasifame tarkaanfiin 4000 balaa yeroo malee du'uu hambisuuf gargaara jedha.
Ujummoowwan dhiiga keenyaafi onneen keenya fayyaalessa akka tahan gochuuf tarkaanfiin 2300 gahaa dha jedha qorannoon kuni.
Hammuma sochii keenya daballu bu'aan fayyaa argannus ni dabala jedhu qorattoonni.
Tarkaanfii 4000 booda trakaanfii dabalataa 1000 adeemnu balaa dafnee du'uu keenyaa harka 15nin hir'isa, kunis hamma tarkaanfii 20,000 tahu nu gaafata.
Gareen Yunivarsiitii Fayyaa Looz Poolaand jiruufi Manni Barumsaa Fayyaa Joon Hopkiins Ameerikaa dhaan qorannoon dalagame lafoo deemuun umrifi saala adda otoo hin qoodiin namoota biyya hunda jiraniif bu'aa qaba jedha.
Tahus lafoo adeemuun irra jireessaan namoota waggaa 60 gadi jiraniif bu'aa qaba jedha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Piroofeesar Maajesh Baanaash Yunivarsiitii Looz irraa qorichi dhukkuba fayyisu ammayyaa'aan guddachaa dhufullee rakkoo keenya hundaaf deebii hin tahu jedhan.
''Akkaataa jireenyaa, soorataa fi sochii jijjiiruun dhimma ijoo xiinxala keenyaa yoo tahu, dhukkuba onnee hir'isuuf umrii dheeressuu irratti dhiibbaa gaarii qaba,'' jedhan.
Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa sochii gahaa taasisuu dhabuun du'a namoota miiliyoona 3.2 tahaniif sababa dha. Kunis daafii du'aa addunyaa sadarkaa arfaffaa irra jiru dha jedha.
Hanii Faayin dhaabbata gahumsa qaamaa Beerii jedhamutti namoota dhuunfaa sochii jabeenya qaamaa leenjisti. Dhukkubni baayyee yeroo dheeraaf iddoo tokko taa'uurraa madda jetti.
''Hojii keemikaalota qaama keenyaa akkasumas guddina fi jabina maashaa keenyaa huba. Kuni ammoo qaama keenya irratti dhukkubbiin akka nutti dhagahamu godha,'' jetti.
''Namoonni hojii waajiraa dalagan yeroo dheeraa barcumarra waan taa'aniif dhukkubbii dugdaa himatu. Umriin isaanii hammuma dabalaa adeemu rakkoon hammaataa,'' jechuun ibsiti.
Sochii idilee hin taane ykn ispoortii jalatti hin ramadamne qaama keenyaaf murteessaa tahus ibsiti. ''Kunis sochii gosa kamiyyuu kan aannisaa fayyadamuufi kaaloorii qaama keenyaa gubu dha,'' jetti.
''Dhaabachuu, korojoo waa itti binne baachuu, mana haruu fa'i,'' sochii al-idilee jettu keessatti ramaddi qaama keenya dammaqaa kan taasisan waantota xixiqqoo guyyuu taasifnu dha jetti.
''Lafoo adeemuun ammoo dhiibbaa dhiigaa hir'isa, maashaa jabeessa, yoo nyaata madaalawaa wajjin dabaalame ammoo aannisaa qaama keenyaa ni fooyyessa,'' jechuun obsiti.
Gorsa leenjistuu jabeenya qaamaarraa kenname
- Yoo hojiin kee yeroo dheeraaf kan si teessisu tahe yeroo yerootti ol kaatee dhaabbachuufi asii fi achi adeemuu of yaadachiisi.
- Ulfa yoo taateef lafoo adeemuun gosa sochii isa filatamaa tahe dha.
- Bilbila keerraa waa dhaggeeffachaa guyyaattii daqiiqaa 30f lafoo adeemi.
- Hiriyyoota wajjiin gara iddoo bashannanaa adeemi
- Bartee kana guyyaatti daqiiqaa 10 lafoo adeemuun of barsiisuu jalqabuu dandeessa.












