Seraaliyonitti muki mallattoo biyyaa rooba hamaan jige godambaatti akka kunuunfamu murtaa'e

Muka jige

Madda suuraa, BBC/UMARU FOFANA

Seraaliyoonitti muki waggoota dhibba hedduuf magaala guddittii Firiitaawon keessa ture bubbee hamaadhan jige. Pirezidantin biyyattii muki kun jiguutti gadduu isaanii ibsan.

Pirezidaant Juuliyees Maadaa Baayoo muki kun jiguunsaa "biyyattiif gadda guddaadha" jedhan.

Mukichi uummata jalqaba achi qubateef mallattoo walabummaa akka ta'e himan.

Muki kun nootii maallaqa biyyattii irrattis akka mallattoo biyyoolessaatti kaa'amee jira.

Haa ta'u garuu Kiristaanonni tokko tokko namoonni akka waaqa tolfamaa itti sagadu jechuun balaaleffatu.

Muki kun jiguuf kan sababa ta'e ammoo torbee darbee kaasee Seraaliyoon keessatti roobi bubbee cimaa makate roobuu irraa kan ka'eedha.

Torbee darbe rooba bubbee cimaa makate kanaan dameen isaa caccabee turus kaleessa Roobii, Caamsaa 24, guutummaatti jige jedhame.

Seraaliyoon keessatti muka kana mukkeen biroo umuriin gitan hin jiran; muki kun cotton tree jedhamuun beekama.

Bakka mukti mallattoo biyyoolessaa Seraaliyoon ta'e itti jige kana pirezidaantiin biyyattii Juuliyees Maadaa Baayoo daawwataniiru.

"Mukti Cotton Tree seenaa keenya keessatti iddoo inni qabu yaadachuuf bakka mukichi jige yaadannoo wayii dhaabuu qabna," jechuun Tiwitara irratti barreessan.

Mukti kun hundeen waan hin buqqaanef jalaa biqiluu danda'as jedhamee abdatama.

Mukicha osoo hin jigin dura

Madda suuraa, Getty Images

Nammoonni kaan ammoo mukicha irraa muramee godambaa biyyoolessaa keessa yaadannoof kaa'amuu qaba jechuun gaafatan.

Haaluma kanaan muki kun godambaa biyyaalessaatti akka kunuunfamu pireezidantiin biyyattii Juuliyees Maadaa Baayoo murteessaniiru.

Muki umrii dheeraa jiraate kun calliseetuma muka qofa miti jedhan pireezidantichi, wayita hnadguura magaalaa Firiitaawon iddoo muki kun itti jige daawwatanitti.

''Seenaa darbe, kan ammaa fi kan egeree kan walquunnamsiisuudha,'' jechuun ibsan.

Muki meetira 70 dheeratu kun biyyattii keessatti hangafa mukeeniiti jedhama, umriinsaa waggaa 400 ta'uu ragaan mootummaa biyyattii ni mul'isa.

Pireezidanti Juuliyees Maadaa Baayoo iddoo muki kun itti jige daawwatan

Madda suuraa, Julius Maada Bio/Twitter

Lammiilen biyyattii hedduun mukti mallattoo walabummaa Seraaliyoon ta'e jiguusaatti gadduu ibsataa jiru.

Waloon beekamaan Seraaliyoon Umar Faaruq waa'ee muka kanaa walaloo barreessen, "Eifal Taaworii keenya in kufe! Istaachuu of Libartiin keenya in kufe! Taaj Mahaal kenya in kufe! Simboon magaala keenya in godaane!" jechuun hambaalee gurguddoo addunyatti fakkeesse.

Kiristaanonni tokko tokko garuu 'muka namoonni itti sagadan kana Waaqayyotu nurraa garagalche' jechuun gammadaa jiru.

Seraaliyonitti barsiisan amantii beekamaan waldaa Faith Healing Bible Church gaggeesu Paatar Firaansis Maambuu hiddi muka kanaa hojii falfalaatif akka oolu amana.

Achuma Seraaliyoonitti paastariin biraa hordoftoota heddu qabu ammoo torbanoota muraasa dura mukti kun akka jigu 'raajii' dubbatee ture jedhama.