Manni Adoolfi Hiitler keessatti dhalate iddoo leenjii poolisootaa ta'e

Madda suuraa, AFP
Manni Adoolfi Hitlar keessatti dhalate kan Ostiriyaatti argamu poolisoonni mirga dhala namaa akka keessatti leenji'aniif kennameef.
Mooraan kun erga mootummaa Ostiriyaa galee booda, akkamiin akka itti fayyadaman irratti falmii yeroo dheeraatu ture.
Mootummaan Ostiriyaa iddoo daangaa Jarmanii irratti argamu kana bituuf waggootaaf falmeera. Dhumarratti bara 2016 bituun dhuunfate.
Namni abbaa irrummaa hamaa fi gocha sanyii balleessuun seenaa keessatti maqaansaa beekamu Adoolfi Hitlar, qe'ee bal'aa kana keessatti bara 1889 dhalate.
Biraa dhufurraa eegalee hojiin mana kana haaressuu ni eegala jedha mootummaan Ostiriyaa.
Kanaan walqabatee karoorri jiru garuu walxaxaadha. Lammiileen Ostiriyaa gariin manni kun akka diigamee barbadaa'u fedhu.
Koreen ogeeyyii dhimma kanarratti ramadaman qe'ee kana diiguuf murteessaniiru.
Manni kun mallattoo naazii ta'ee akka itti hin fufne fedhu.
Kaan ammoo, ''lakkii! kun seenaa Awustiraaliyaa darbe haaluu ta'a,'' jechuun diigamuu manichaa mormu.
Manni kun haaromfamee mallattoo araaraa ta'ee itti fufuu qaba yookiin giddu-gala tola ooltummaa ta'uun seenaa jijjiiruu qaba kan jedhanis jiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Miidiyaan Ostiriyaa ORF jedhamu akka gabaasetti, mana kana haaressuun bara waggaa lama booda bara 2025 ni xumurama, waggaasaatti ammoo poolisoonni keessatti leenjii eegalu.
Bara bulchiinsa Naazii qe'een kun 'Mana qulqulluu' Hitler jedhamee ture.
Magaalattiin tuuristoota akkaan hawwataa waan turteef, Hiter mana kana keessa ji'a muraasa jiraate.
Bara 1944 wayita Naaziin humna dhabu, manni kun golgaa nageenyaa argate.
Mootummaan Awustiraaliyaa waggoota dheeraaf abbaa qabeenyaa duraanii mana kanaa, Gerlinde Pommer, irraa kireeffatee ture.
Iddoo dhaabbileen tola ooltummaa namoota harka qalleeyyii itti gargaaran ta'ee tajaajilaa tureera.
Kun otoo kanaan jiruu Aadde Pommer manni kun akka hin haareffamne dhorkan.
Mootummaan Ostiriyaas dhimma kanarratti yeroo dheeraaf falmii seeraa erga gaggeessee booda, seera akka mana kana bituuf isa gargaaru baasee raggaasise.
Haala kanaan bara 2016 dubartii kanaaf beenyaa yuuroo 800,000 kenneefii manicha dhuunfate.
Ostiriyaan bara 1938 Naazii Jarmaniin humnaan fudhatamte, waggoota kurna hedduuf biyyoota Naaziidhaan miidhaman keessaa jalqabarra akka jirtutti of ibsaa turte.












