Injifannoo Arsanaal booda Teen Haag 'dogoggora hojjenne', Artettaan ammoo 'si'a lama gammadne' jedhan

Arsenaal goolii sadaffaa booda gammachuu yoo ibsatan

Madda suuraa, Getty Images

Piriimiyeer Liigii Ingiliziin taphni murteessaan liigichaa Arsenalaafi Maanchistar Yunaayitiid gidduutti godhame injifannoo Arsenaaliin goolabame.

Leenjisaan Arsenaal Maayikil Arteettaa ''dhugumattiin itti gammade'' jechuun goolii injifannnoo isaanii mirkaneessiteen gammaduu ibsan.

Tapha booda yaada kan kennan leenjisaan Yunaayitiid Eriik Teen Haag ammoo ''dogoggora hojjenneerra'' jedhan.

Tapha dirree Arsenaal Eemireetisitti morkattoota seenaa lameen gidduutti godhameen dursee goolii kan lakkoofsise Yunaatiid yeroo ta'u gahumsa walitti fufaa agarsiisaa kan jiru Maarkus Raashfoord ture daqiiqaa 17ffaarratti kan lakkoofsise.

Osoo boqonnoo hin bahiin Bukaayoo Saakaa Arsenaaliif goolii bareeda fageenyarraa dhiitee lakkoofsiseen qixxee bahanii boqotan.

Boqonnaa booda goolii Nikitiihaan lakkoofsiseen Arsinaal injifachuufi jedhamus Martineez addaan dhahee Yunaatiid qixxeesse.

Qabxii qooddatan jedhamee daqiiqaa 90'ffaa irratti ammas Nikiitihaan ofii lammeeffatee Arsenaal dhugumatti barana waancaa liigichaaf akka falmu mirkaneesse.

Kubbaan Nikiitihaan gooliitti jijjiire wayita inni taphaan ala ture isa qaqqabde jedhame VAR'n irra deebi'amee ilaalame. Gammachuun jalqabaa qabbanaa'ee yaaddootti jijjiirame. Murteen dhumaa goolicha yoo mirkaneessu yeroo lama gammadnee jedhe leenjisaan Arsenaal Maayik Arteettaa.

Gooliin VAR'n ni kennamaafi ni hafaan akka isa shakkisiisee ture kan dubbatu Arteettaan ''Abbootiin seeraa wanta nuti hin argine arganii, nutis aara galfanne. yeroo lama gammadne'' jedhe.

''Goolii kanaan dhugumattiin gammade'' kan jedhu Arteettaan, yeroo bareeda ture uummata of duuba hiriirsifnee imala itti fufna. Bareeda ture.''

''Haalli dhiibbaa irratti uumameef deebii laatan na ajaa'ibeera'' jechuun taphattoota isaa kan jaje Arteettaan, garee ciccimoorratti irra deddeebiin waan agarsiisneef taphni har'aa fuula duratti abdii gaarii natti horee'' jedhe.

Gahumsa ammaarratti dabalaa yoo deeman miirri gaariin jiraachuu dubbate.

Tapha Yunaaytidiifi Arsanaal dura Maanchistar Siitiin gooliiwwan sadii Halaand lakkoofsiseen Wolverhaampitoon injifatee gargaagartummaa qabxii Arsenaal waliin qabu lamatti gadi butuu dhiibbaa uumee ture.

Amma Arsenaal osoo tapha tokko harkaa qabuu garaagartumma aqabxii shaniin liigicha dursuu itti fufeera.

YunaayitidiifiArsenaal tapha FA Cup marsaa afraffaanis jimaata dhufu walitti dhufu.

Maayikil Arteettaa

Madda suuraa, Getty Images

'Dogoggora hojjenneerra'

Yunaayitiid Kaaba Landanitti kan dhufe Kiristaal Paalaasiin waliin 1-1 qixxee bahee hiree tahawalitti aanu 10 injifachuurraa danqameeti.

Raashord erga waancaa addunyaa booda tapha hunda irratti goolii sagalaffaa isaa yoo lakkoofsisu abdii horatus ''gooliiwwan nutti galan hunduu dogoggora, hambisuun danda'ama ture'' jedhe Teen Haag.

Torbee darbes injifachuuf rakkachuu kan himu leenjisaan lammii Nezerlaands kun sarara giddutti gahumsa Yunaatiid kan jijjiire Kaasemiroo malee Arsenaaliin morkate.

''Carraalee banaan hedduun hin turre. Dogoggora dalaguu hin malle dalagne. Taphni kun dogoggoroota xixiqqaan murtaaha akkasumas murtee fudhachuurratti.''

Teen Haaga ''injifatamuu isaa kana akka hin fudhanne himee ''irraa barachuu qabna. Injifachuun barbaada. Gahaa miti. Tokkoffaa ta'uu barbaanna, garuu ammoo dogoggora hojjechuu hin qabnu. Kuni ifa, itti himeeras'' jedhe.