Bakkeewwan falmisiisoo humnoonni jiran hin ba'an taanaan referendamiin hin gaggeeffamu- Obbo Getaachoo Raddaa

Pirezidantiin yeroo naannoo Tigraay Obbo Getaachoo Raddaa bakkawwan naannoleen Amaaraafi Tigraay irratti wal falamaa jiran humnoonni to'atanii jiran hanga hin baanetti murteen ummataa akka hin gaggeeffamne dubbatan.

Obbo Getaachoon kana kan jedhan, marii jila Itoophiyaatti ambaasaaddaa Ameerikaa Herviin Maasingaa waliin Kibxata Maqaleetti taasisaniin ture.

"Humnoonni hidhatan naannicha keessaa gadhiisanii bahanii, namoonni buqqa'an ammoo qe'ee isaaniitti hanga deebiyanitti Tigiraayitti murteen ummataa (rifarandamiin) hin jiraatu. Akkas jedhanii yaaduun mataan isaayyu fudhatama hin qabu," jedhan.

Imbaasiin Ameerikaa Itoophiyaatti argamu fuulasaa X irratti akka odeeffannoo qoodetti taanaan, "Ambaasaaddar Masingaan kaaba Itoophiyaatti nageenyi waara'aa karaa ittiin dhufuu danda'urratti bulchiin yeroo Tigraay Obbo Getaachoo Raddaa waliin dubbanneera," jedheera.

Ministirri Muummee Abiy Ahmad dhiyeenya kana hireen bakkawwan falmisiisoo ta'an humnoota Amaaraatiin to'atamanii jiran murtee ummataatiin fala akka argatu mana-maree bakka bu'oota ummataatiif ibsuun isaanii ni yaadatama.

"Naannoo Tigraay fi Amaaraatti nageenya waara'aa fiduudhaaf adeemsa murtee ummataa giddu-galeessa godhate yoo hordofne wayya jedhee amana mootummaan Federaalaa. Nuti deebii kennaa jirra jennee amanna; furmaata keenyeerra. Furmaatichi ammoo kan irratti waliif galamudhamoo miti kan jedhurratti garuu dubbachuun ni danda'ama jechuun miseensota mana-maree Itoophiyaa seera baasaniif ibsa kennanii turan.

Waliigaltee nagaa Piritooriyaa erga mallatteeffamee waggaa tokko guuteen bakkawwan naannoon Tigraay fi Amaaraa anaaf mala jechuun irratti wal falman bu'uura Heera Mootummaa biyyatiitiin furmaanni akka kennamuuf waliigalteerra gahameera.

Waliigateen kun humnoonni kan mootummaa Federaalaatiin ala ta'an Tigraay keessaa akka ba'an kan gaafatu ta'ullee, humnoonni Amaaraafi Ertiraa naannicha keessa bakka gara garaa keessatti akka argaman aanga'oonni Tigraay ni ibsu.

Sababa kanaan ammoo namoonni miliyoona tokkoo ol ta'an Tigraay lixaa jiraataa turan qe'eerraa buqqa'anii naannoo Tigraay kutaa gara garaa keessa kaampii keessatti akka argaman himameera.

Aministii Interenaashinaal gabaasa dhiyeenya kana baaseen Tigraay Lixaatti erga waraanna uumameefi waliigalteetiin erga xumuramee boodas yakkawwan waraanaafi sanyii balleessuu bal'aan raawwatameera jedheera.

Bulchiinsi yeroo Tigraay bakkawwan naannoo Amaaraa jala jiran bakka yeroo waraanaan dura turetti akka deebiyu barbaadu.

TVn Tigraay gabaasa Kibxata baaseen, "murteen ummataa akka gaggeeffamuuf gaaffichi mana-maree naannoo filannoo bilisaatiin filatetti dhiyaachuu qaba," jechuun Pirezidant Getaachoon dubbachuu isaanii eereera.

"Ejjennoon mootummaan Federaalaa dhiyeenya fudhateen Tigraay lixaatti murteen ummataa hin gaggeeffamu... Maaliif jennaan, warri kaleessa uumata keenya buqqaasan, namoota keenya ajjeesan, gidirsaniifi shororkeessan achuma aangoorra osoo jiranii uummata keenya gara bakka sanaatti deebisuu bu'aan isaa nutti hin mul'atu," jedhan.

"... Kanaaf, mootummaan Fedeeraalaa akkaataa bu'uura waliigaltee Piritooriyaafi Heera Mootummaatiin dhaabbileen Tigraay Lixaafi Tigiraay Kibbaa akka diigaman, humnoonni seeraan ala jiran akka ba'an gochuu qaba," jedhan.Ministirri muummee Abiy Ahmad waliigalteen nagaa akka hin booroneef bakkawwan yaaddoo qaban ilaalchisuun yaada kennaniin fedhii ummataa dhaga'uun akka barbaachisu kaasanii turan.

"Ummaticha waliin mariyanneera. Deebii ummatichaa ni beekna. Garuu 'filannoon kun filannoo tokkicha miti; hayyoonni Amaaraafi Tigraay; abbootiin amantaafi jaarsoliin biyyaa mariyatanii ' nageenya waara'aa kan fidu furmaata biroo filannoo biraa qabna' yoo jedhan gammachuudhaan ni fudhanna," jedhanii ture Mnistirri Muummichaa.