Waancaa Addunyaa Kaataar: Istaadiyemii keessa alkoolii gurguruun dhorkame

Istaadiyeemota saddeettan dorgommiin Waancaa Addunyaa Kaataar itti gaggeeffamurratti dhugaatii alkoolii gurguruun dhorkame.

Kun kan dhaga’ame Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Addunyaa (FIFA) dorgommichi banamuu dursee imaammatasaa geeddaruu hordofeeti.

Gurgurtaan dhugaatii alkoolii biyya Muslimaa kan taate Kaataaritti garmalee daangeffamuun, istaadiyeemota keessaa iddoowwan ‘filatamanitti’ ni dhiyaata jedhamee karoorfamee ture.

Kanneen iddoowwan isteediyeemichaa addaafi murtaa'oo tahan keessatti ammallee dhugaatii alkoolii bitachuun ni danda’ama.

Waancaan Addunyaa Dilbata dhuftu kan eegalu yoo ta’u, Kaatar - Ikuwaador waliin taphachuun eegalama.

Budweiser ispoonsara FIFA isa guddaa yoo ta’u, qabeenyummaan isaa kan dhaabbata biiraa AB InBev jedhamuti. Kaampaaniin kun mirga biiraa Waancaa Addunyaarratti gurguruu addatti qaba.

''Qondaaltoonni Kuwaatariifi FIFA waliin mariyachuu hordofee murtoon Feestivaala deeggartoota dorgommichaa dhugaatii alkoolii gurguruu irratti xiyyeeffatu murtaa’era," jedhe Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Addunyaa.

"Dhugaatiin [alkoolii of keessaa hinqabne] Bud Zero istaadiyeemota hunda Waancaan Addunyaa Kuwaataritti gaggeeffamurratti ni dhiyaata,’’ jedhame.

"Qondaaltonni biyya dorgommicha keessummeesituu fi FIFA istaadiyemoonni fi naannoowwaan istaadiyeemoonni itti argaman bakka daawwattoonni fi dinqisiifattoonni ispoortii itti gammadan fi kabajaan keessummaa’an ta’uu mirkaneessuu itti fufu,’’ jedhe FIFAn.

Dhugaatii alkoolii daangeffamuu hordofee Budweiser toora tiwitaraa gubbattii Jimaata kana ''murtoon ulfaataadha’’ jedhee maxxanseetu gara boodaarra maxxansa sana haqe.

Dubbi-himaan dhaabbata AB InBev akkaataa istaadiyeemii keessatti hojjachuuf karoorfanneetti itti fufuu hin dandeenye, sababiin isaammoo ''haalichi to’annoo keenyaan oli'' jedhan.

Waldaan Deeggartoota Kubbaa Miilaa (FSA) yeroo murtoon deeggartoota dorgommichaa baayyeetti dhugaatii alkoolii gurguruu daangeffame qeeqe.

''Daawwattoonni kaan isaanii dhugaatii alkoolii yeroo taphaatti argachuu fedhu, kaan isaanii ammoo hin fedhan. Gara xumuraatti murtoon geeddarame rakkoon bal’aa jiru ibsa.

Koreen dorgommicha qindeessu deeggartoota dorgommichaa waliin wal hubachuu dhabuu fi iftoomina dhabuu mul’isa,’’ jedhe Dubbi-himaan Waldaa Deeggartoota Kubbaa Miilaa.

Hagayya darbe FIFA’n guyyaaa dorgommiin Waancaa Addunyaa itti eegalamu kan geeddare yoo ta’u, tapha jalqabaatiin Kaataar - Ikuwaador waliin morkatti.