'Kaayyoon koo dadhabbii haadha kootiif gatii laachuudha'

Efrem harmeesaa wajjin

Madda suuraa, FACEBOOK/SHUMETE GIZAW

Barataan Yunivarsiitii Finfinnee guyyaa eebbasaatti harmeesaa wajjin uffata eebbaa waljijjiiruun waan hin baramne mul'ise ''Haati yoo kabajamte biyyillee kabajamti,'' jechuun BBCtti hime.

Dargaggoo Efreem Ballaxa dhuma torbee dabre kana Yuunvarsiitii Finfinneerraa Saayinsii Kompiyuuteraatiin eebbifame. Efreem guyyaa eebbaasaa kanatti waan hin baratamne tokko raawwatee tibbana ijoo dubbii ta’eera.

Efireem guyyaa eebbasaatti gaawonii eebbaa ofiisaatii uffata jedhamee eegamu haadha isaatti uffisee, ofii baala mukaa hidhaan dugdatti baatee argame.

Barataan kun seensa Yunvarsiitii Finfinneerratti haadhasaa qoraan baatte, hiyyumtee isa barsiiste guyyaa sanatti kabajaa itti mul’isuuf jecha uffata eebbaa haadhasaatti uffisee, ofii qoraan baatee akka ture BBCtti himeera.

Efireem haadha isaa miila duwwaa deemtee, qoraan funaantee isa barsiiste kabajuuf kana raawwachuu dubbate.

''Kaayyoon koo dadhabbii haadha kootiif gatii laachuudha, kana jedheen baala baadhe.

Haadholiin Itoophiyaa ijoolleesaanii guddisuuf miila qullaa deemu, qoraan funaanu, hojii guyyuu hojjatu, baala mukaa funaanu, simintoo bukeessu, seenaan koo jireenyaa lammilee Itoophiyaa miliyoonaan lakka’aman keessa tokkodha,’’ jedhe.

Battala qoraan baatee balbala Yuunvarsiitii duratti haadha isaa waliin argametti kolfaa ture, garuummoo imimmaan buusaa ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Itti fufee akkas jedhe Efreem: Haadha kootiif beekamtii laachuu kootti nan gammade, haati biyyatti fakkeeffamti, biyyas yaadaan dhaamsa dabarsuufi,’’ jedhe.

''Haati yoo kabajamte biyyillee kabajamti, ba’aa haadha ofii baachuun ba’aa biyyaa baachuudha,’’ jedhe Efreem.

''Akkuman ba’aa haadha kooti ofii baadhetti, kabajaan akkasii haadholii Itoophiyaa kaanifillee ni barbaachisa,’’ jedhe.

Viidiyoon Efreem wayita baala mukaa dugdatti baatu agarsiisu erga miidiyaalee hawaasaarratti qoodame booda, dargaggoota kaanis waa’ee haadha isaanii akka yaadatan taasiseera jedhee akka amanullee kaase Efreem.

Dargaggoonni biroo waan ilaalu dhiisan deebi’anii ilaaluu eegalan jedhe Efreem.

‘‘Dargaggoonni gola ofiisaanii mil’achuu eegalaniiru, haadha ofii kabajuun nama kabachiisa isa jedhu ilaaluu eegalaniiru.''

Efireem guyyaa eebbaa dursee baala mukaa ykn qoraan baachuuf akka karoorse haadha isaatti himee akka ture hime.

Taatullee haatisaa ''nan amanne ture, natti qoosaa turte,’’ jedhe. Gara boodaattimmoo gocha Efreemitti haatisaa, Aadde Tawaabech Kosheen gammaduu dubbate.

Kanaan durallee suuraa kee foddaa TV irratti, addabaabahitti nan baasa jechaani akka ture dubbateera Efreem.

Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanacha Abeebee maatii kanaaf mana jireenyaa kennaniiru

Madda suuraa, FACEBOOK - ADANECH ABIEBIE

Ibsa waa'ee suuraa, Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanach Abeebee maatii kanaaf mana jireenyaa kennaniiru

Efreem akka himetti, ji’oota torba darbaniif Aadde Tawaabech dhibee onneen dhukkubsachaa waan turteef, namoonni kaan ni duuti jedhanii yaadda’aafi turan.

Haadha isaa addabaabahiitti beeksisuuf waanti yaade milkaa’ufii kan dubbate Efreem, lammileen Itoophiyaa biyyoota hambaa jiraatan hedduun ta’ii sana booda bilbilaa akka jiran hime.

Waa’ee egereesaa fuulduraa wayita dubbatummoo hojii qacaramee hojjachuu akka hin feene kaasuun, dargaggoota biroo dammaqsuurratti akka hojjachuu barbaadu kaase.

Dargaggoonni ofii isaanii jijjiramanii, biyyaaf jijjirama akka fidan nan hojjadha jedhe.

Haatiisaa ijoollee kaanis akka qaban kan dubbatu Efreem, isaan keessaa inni ilma hangafa akka ta’e dubbate.

Efreem ijoollummaa isaatii kaasee haati isaa qoraan baatte akka isa guddiste hime.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

Xumura maxxansa X

Mudannoo Aadde Tawaabech

Efreem haati isaa wayita qoraan baatanitti mudannoo hedduu akka qabdu hime.

Yeroo haati isaa qoraan Finfinnee gaara Inxooxxoorra funaanuun baattu ijoollummaarra kaasee gargaaraan ture jedhe.

Yeroo tokko Aadde Tawaabech qoraan funaanuuf bahanii waraabeessa sodaatanii otoo qoraan hin funaaniin gara manaatti deebi’anillee jira jedhe.

Kana malees, guyyaa biraallee eegdonni bosonaa akka qoraan hin funaanne dhorkanii, otoo baqatanii Aadde Tawaabech kufanii kophee gatuu hime.

Akkasumallee yeroon otoo qoraan hin gurguriin hafanii waan maatii ittiin bulchan hin bitiin hafanillee akka turan yaadatee dubbate Efreem.

''Seenaan kun kan haadhakoo qofaa mitii, kan haadholii Itoophiyaa hedduuti,'' jedha Efreem.

Ta’ii eebba isaa hordofuun Eejansiin Nageenyaa Odeeffannoo (INSA)’n waan inni hojjachuu barbaadurratti akka deeggaruuf fedha qaban itti himuu dubbateera.

Efreem guyyaa eebbifamurra kaasee ''haadha koo nan boqochiisa,'' jedhee BBCtti dubbate.