'Yoon rafuudhaaf gara sireekoo dhaqu namoota harkakoo irratti du'anan arga'

''Yoon gara ciisichakoo deemu ajajootan dhabe, attamiin akka isaan miidhaman itti harkisee baaseee, attamiin kaasuukoo keessatti akka du'anan arga. Kunis bara jireenyaakoo guutuu kan na waliin jiraatudha.''

Yaadannoo hamaa ija Dimiitiroos irra naannawutu jira. Innis loltuu dhiheenya kana adda waaraanaatii deebi'edha.

Dimiitiroos erga baatiiwwan 15'f bulchiinsa Donetsk keessatti lolarra tureen booda, jidduugala keessatti bayyanachiifamu kan kaaba-lixa Yukireeniitti harka haadha warraasaaTeeti'aanaa cimsee qabateera.

Haati warraa isaatis erga abbaan manaashee Dimiitiroos boqonnaan kennameefiin booda jidduugala namoonni rakkoo sammuu qaban keessatti bayyanatan kana dhaquuf km 966 imalte.

Bara darbes loltoota gara 2,000tu gorsaafi tajaajila xin-sammuu argachuuf gara sana dhaqe.

Qopheessitoonnis kun aara galfannaa yeroo gabaabaati malee bakka bayyanachiisuu miti waan jedhaniif baayyeensaanii gara adda waraanaatti deebifamu.

Hojjattoonni jidduugalichaas Yukireen loltoonni ishee ''hanga dhumaatti akka dhaabbatani'' gochuuf yaalaa jirti jedhu.

''Bu'aa isaa hanga dhuma jireenya keenyaatti ittiin rakkanna'' jedha Dimiitiroos ijjiisaa imimaaniin jiidhaa.

Dimiitiroos hanga waraanni xumuramuutti areedasaa akka hin haaddannee waadaa galeera.

Dheerinni areeda isaas dheerinuma guyyoota 400 erga Raashiyaan weerara eegalte sana mul'isa.

Teeti'aanaan garuu waa'een abbaa manaashee kan qaamaan mul'atu caalaa cimaa akka ta'e yaaddi.

''Baayyee geeddarameera,'' jetti. ''Waan baayyee dandamachu akka danda'us mirkaneesseera; nu ittiisuufi Yukireeniis dhaabbachu akka danda'u mirkanneesseera. Waan hedduu raawwachu akka danda'u agarsiiseera.''

Akkuma Dimiitiroos waraanicharratti balaliisaa diroonii kan ta'e Paavloos BBCn dubbiseera. Innis rafuuf baayyee rakkata.

''Yeroo tokko tokkoos sababii fedhiin durii sun amma jijjirameef hiriyoota kee durii waliin waan dubbattu dhabda,'' jedha.

''Waanan isaan waliin arge hunda dubbachu hin barbaadu. Wantoota duri wanii raawwataa tureef har'a fedhii omaatu hin qabu. Wanti ta'e jijjirameera.''

Gaheen Paavloo bakka kiyyeeffannaa fi waan sukkaneessaan ta'eef saaxilameedha.

Innis rakkoo xin-sammuutiif isa saaxileera.

''Guyyaan adda waraanaa ta'e hundatti, gara manaa deemuun barbaada. Garuu yoo manatti deebii'e ammoo, deebii'ee akkan ajajootakoo bira deemuuf natti dhagahama. Kunis miira baayyee adda ta'eedha,'' jedha.

Hoggantoonni jidduugala bayyanachiisa kanaas, ummanni Yukireen waraanaan booda sammuudhaan fayyuudhaaf hanga waggaa 20 itti fudhata jedhu.

Yaanaa Yukiraayinskaa Ministeera Fayyaa biyyattii irraa, raagaa akkasii duree argachuun ''lammiilee biiyyattii lama keessaa tokkoof'' deeggarsa fayyaa sammuu kennuuf karoorfanneera jedhan. Kun hundi akka hin barbaachifne abdanna garuu qophii ta'uun gaariidha jennee amannnees jedhan.

''Lammiilee miiliyoona 15 ta'aniif tajaajila xin-sammuu gahaa kennuuf sirna keenya qopheessaa jirra'' jedhan.

Kunis erga Raashiyaan weerarra raawwatteen booda kan Yukireenoota hunda miidheedha. Miiliyonoonni manasaanii gadhiisanii bahuuf kan dirqiisiifaman yoo ta'u, kanneen jaalataniin adda bahuun kan qabanii hunda dhabanuun waraanichaan miidhamaniiru.

Eksipartoonnis dukkubni sammuu baramaan dhiphina ykn rakkoo yaaddoon dhufu ta'u dubbatu, garuu ammoo miidhaan sammuu booda keessaa (post-traumatic stress disorder (PTSD)) ammoo baroota dhufan keessa dhugaatti mudachu akka malu himan.

Giiftii Dureen Yukireen Oleenaa Zalenskii dhiheenya kana sagantaa fayyaa sammuu biyyattii guutuutti labsite. Ta'us ammalleen hanqina oggeessotaatu jira. Kanaafuu mootummaan kunuunsa dhuunfaa ofii irratti xiyyeeffannaa kenna.

Daree Khaarkiiv keessatti ammoo qamaan leenjii argatu. Bakka itti qaamaan argamuun waliin taa'anii miirasaanii waliin qoodan keessatti hirmaatu. Booda ammoo wal qabatanii waliin socha'u.

Inaan rakkoo sammuu isheetiif kuunuunsa argachuuf as dhufte. Achumaanis akka oggeettiitti wara kaan gargaarti.

''Dhugaatti waanan namoota kaaniif kennuu danda'u qabaachuun turuun anaaf barbaachisaadha,'' jetti.

Inaan magaalaa keessa jiraatutti erga waraanaatin booda namoonni attamiin akka geeddaraman argu himti.

''Ammaan tanas, namoonni waanuma ammaa jiraataa jiru. Jireenya boruu hin yaadan. Kunis jijjirama gaariidha akka yaada kootti.

"Garuu ammoo mudannoowwan taatee hamaa, PTSD fi dhiphina kan deeggarsa oggeessa xin-sammuu barbaadan hedduutu jira.''

Namoonni bakka fe'e jiraatanu, haala hin beekamneen waraanicha waliin hidhata qabu.