'Xumure se'een osoo marsaan tokko hafuu keessaa bahe' - Atileet Dirribee Waltajjii

Atileet Dirribee dorgommii Daayimand Liigii Polaanditti bara 2022 Atileet Gudaaf Tsaggaay of duuba aansitee injifatte

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Atileet Dirribee dorgommii Daayimand Liigii Polaanditti bara 2022 Atileet Gudaaf Tsaggaay of duuba aansitee injifatte

Dirree ispoortii irratti wantoonni ajaa’iboo inuma mudatu. Dogongorri xiqqoon garuu dhamaatii baatii hedduu lafatti hambisuu mala.

Atileetiin Itoophiyaa Dirribee Waltajjii dhihoo dorgommii waan xumurte seetee osoo 200m ishee hafuu jorroo fiigichaa (track) keessaa qarqaratti baatee boqotte. Hin dogongorte.

‘‘Fiigicha isa alaa natti fakkaatee edaa yeroo marsaan lama hafu bilbilama ture. Ani isuma akka alaati jedhee xumureen se’ee bahe keessaa,’’ jechuun BBC’tti himte.

Wal dorgommiin kuni fiigicha mana keessaati. Jorroon fiigicha mana keeessaa immoo kan dirreerraa addadha.

‘’Isa alaarrati fakkeenyaaf marsaa torbaafi walakkaa yoo ta’e isa mana keessaatti 15 ta’a. Garaagarummaa qaba.’’

Fiigichi isheen irratti dorgomte kuni Guraandhala bultii 04, 2023 biyya Faransaay dorgomame. Fageenyichis 3,000m ture.

‘’Muuxannoo isaa hin qabu. [Fageenya] 3,000m irratti duraan hirmaadhee hin beeku,’’ jechuun sababa dogongorteef dubbatte.

Fiigicha mana keessaa erga fiigdellee turuu himte.

Dorgommii dursaa jirtu irratti waan injifatte seetee baatee yeroo boqochuuf deemtu kan daftee hubatteefi ishee sirreessite immoo atileetii saffisi ishee akka dabalu ishee gargaartudha.

‘‘Akka carraa mucayyoon peesii [pace maker] nuuf taate achi keessa turte… Akka hin xumuramne natti himtee deebi’e xumure.’’

Dorgommii irratti atileetiin kuni akka Dirribeen fiigichatti deebitu lafa isheen teessu kaastee qajeelchite. Yeroo kana morkattoonni ishee ishee jala gahaniiru.

Ishee hubattee turtee?

‘‘Ishiin naasuudhaan waan ishiin dubbattu dura naaf hin galle ture …‘‘ jechuun himti. Garuu, lafaa kaatee fiigdee injifatte.

Waa’ee Atileet Dirribee Waltajjii:

  • Daloota: Ganda Jawwee Borii, Aanaa Dandii, Shawaa Lixaa
  • Umrii: 20
  • Fageenya fedhii irratti qabdu: 1,500m
  • Atileeti fakkeenya godhattu: Xurunash Dibaabaa
  • Kilabii jalqabaa: Dhaabbata Bosonaa B/B Oromiyaa, ALI 2007
  • Kilabii keessa jirtu: Laga Xaafoo Laga Daadhii

Osoo injifatamtee jiraattee ni aartaa?

‘’Ee baay’ee namatti dhagahama. Yeroo sanayyuu na mudachuu isaatiif natti dhagahameera garuu waan fedha Waaqaati waan ta’ef homaa gochuu hin danda’ani.

‘’Deebi’u xumuruu kiyyattimmoo deebi’en gammade.

Atileet Dirribeen umrii ishee 16'tti bara 2018 shaampiyoonaa addunyaa ganna 20 gadii irratti 800m'n injifatte

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Atileet Dirribeen umrii ishee 16'tti bara 2018 shaampiyoonaa addunyaa ganna 20 gadii irratti 800m'n injifatte

Kaatee fiigdes yeroon isheen galmeessite – 8:33:44 - saffisaan kan addunyaa dursu [world lead] kanneen jedhaman keessaati.

Osoo kuni mudatuu baatee yeroo kana caalu akka galmeessitu abdatti.

‘’Kana caalaa hin fooyya’a jedheen yaada. Waanti achitti gubate sun ‘’

Yeroo kuni hundi ta’u daawwattoonni dirree keessaa cookaa turan.

‘’Durayyuu iyyaa turani natu hin beekne malee. ….mudannoodha homaa miti. Hin darba. ‘’

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

Xumura maxxansa X

Wanti akkanaa kana dura ishee mudatee akka hin beekne himti.

Atileetiin Itoophiyaa biraa Hagos G/Hiywat bara 2019 dorgommii Daayimad Liigii Siizarlaand dorgomame irratti dogongora walfakkaataa dalageera.

Osoo hin goolabiin dorgommii xumure se’ee gammachuu ibsuu eegale.

Haa ta'u malee, atileet Yoomiif Qajeelchaa duuba isaa isa hordofaa waan tureef fiigicha isaa itti fufuun injifate.

"Akkamitti akkan dogoggore anumaafuu naaf hin galu" jechuun yeroos dorgommii booda Hagoos BBC’tti hime.

Waa’ee yeroo sanaa Dirribeen akkana jetti: ‘’Gaafa Hagos akkas ta’u argeera garuu achiin ture yeroo sana dorgommii sanarra.’’

Garuu isheenis waggaa sadii booda dogongorte. Amma maal irraa baratte?

‘’Barumsa guddaan irraa baradhe. Gara fuulduraatti of eeggannoo guddaa naaf kenne,’’ jechuun BBC’tti himte.