Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Barsiisonni hojiif Finfinnee irraa bahuun gara Kamisee deemaa turan akkamiin ajjeefaman?
Naannoo Amaaraa Shawaa Roobit keessatti namoonni nagaa saddetii ol hidhattoota Faannoon ajjeefamuu jiraattonni BBC’n dubbise himan.
Namoota ajjeefaman keessa barsiisonniifi dubartoonni hojiif biyya Arabaa turuun gara maatiitti deebi'aa turan akka jiran jiraattonni himaniiru.
Jiraataan godinichaa BBC’n dubbiseefi nageenya isaaf jecha maqaansaa akka hin eeramne gaafate, barsiisonni baasii deddeebisa uummataan magaalaa Finfinnee irraa hojiif osoo gara Kamisee deemaa jiranii hidhattoota Faannoon karaatti dhaabsifamuun ''adda baafamuun ajjeefaman'' jedhe.
Hidhattoonni Faannoo konkolaataa dhaabsisuun waraqaa eenyummaa namootaa ilaalanii ''warra Oromoo tahan adda baasuun haala suukaneessaan ajjeesan,'' jedhe.
''Haala suukaneessaan fuula isaaniis kukkutuun waan ajjeesaniif reeffa adda baasuun rakkisaa ture. Raayyaa Ittisa biyyaatu reeffa isaanii argee kaasee akka awwalaman godhe.''
Namoota ajjeefaman keessaa barsiisonnii fi dubartoonni biyya Arabaa hojjechaa turuun gara maatiitti deebii’aa turan akka jiranis himaniiru.
Jiraataan kun barsiisonni ajjeefaman saddet akka tahaniifi dubartoonni Araba irraa deebi’an biroonis ajjeefamuu hima.
Jiraataan biraa BBC’n dubbise ammoo kan awwalaman namoota saddet tahuu fi ammayyuu kanneen reeffi isaanii hin argamne jiraachuu dubbata.
''Namoota ajjeefaman keessaa tokko hiriyyaakooti. Barsiisaa Eefreem Indaaluu jedhama. Kamisee barsiisaa ture. Haadha warraa isaa waliin achuma hojjechaa erga turanii booda isheen jijjiirraa argattee gara Bishooftuu dhufte. Manni barumsaa cufamnaan ijoolleesaa dubbisuuf dhufee osoo deebi’uutii kan ajjeefame.''
Eefreem abbaa ijoollee lamaa ture kan jedhu hiriyyaan isaa kun, dhalataa Wallagga Lixaa aanaa Najjoo akka tahe BBC'tti hime.
Haati warraa isaa magaalaa Bishooftuu jirtu kaleessa akka dhageesse himuun reeffa namootaa adda baasuun ulfaataa waan taheef gara magaalaa Sanbateetti ergamuun awwalaman jedhe.
Reeffa namoota kanneenii kan kaase raayyaa ittisaa tahuu himuun namoota muraasa ajjeefaman waraqaa eenyummaa isaaniin adda baasuuf yaalamuu akka quba qabu hime.
Ajjeechaa suukaneessaa kana hidhattoota Faannoo raawwachuu akka dhagahe kan himu jiraataan kun ''dhalattoota Oromoo adda baasuun ajjeesan,'' jedhe.
Jiraataan biraa aanaa Jiillee Xummuugaa BBC’n dubbise, reeffi namoota saddetii kaleessa magaalaa Sanbatee buufamuun booda achuma magaalichatti awwalamuu hime.
Jiraataan kunis ajjeechaan namoota nagaa kanneen irratti raawwate ulfaataafi suukaneessaa tahuu hime.
''Qaama isaanii ciciranii akka namni fuula isaanii adda hin baasne gochuun ajjeesan. Akka odeeffannoo qabnutti namoonni ajjeefamanii reeffi isaanii hin argamnes jiru. Ajjeesanii reeffa bineensa nyaachisu,'' jedhan.
Ajjeechaa kaleessa raawwate kana keessaa dubartoonni biyya Arabaa turuun maatiitti deebi’aa jiran akka turanis himan.
Ajjeechaa kana hidhhaattoonni Faannoo raawwachuu kan himu jiraataan kun ''namatu nuuf hin beeku malee yeroo hundaa hidhattoota kanneeniin marfamnee jiraanna,'' jedhan.
Hidhattoonni Faannoo dhalattoota Oromoo Godina Addaa Saba Oromoo naannoo Amaaraa keessa jiran irratti xiyyeeffachuun irra dedeebiin haleellaa raawwachuu hima jiraataan kun.
Mootummaan naannoo Oromiyaas tahe naannoo Amaaraa waa’ee ajjeechaa kanaa homaa hin jenne. BBC’n qondaalota godina Shawaa Kabaa dubbisuuf yaalus hin milkoofne.
ABO-WBO ibsa guyyaa kaleessaa jechuunis Jimaata, Guraandhala 23 bara 2024 ajjeechaa kana ilaalchisee baaseen, barsiisonni hojii isaaniif Finfinnee irraa gara Godina Addaa Saba Oromootti imalaa turan saddet hidhattoota Faannoon ajjeefaman jedhe.
Dhaabni kunis itti dabaluun ajjeechaan suukaneessaa akkasii namoota nagaa irratti raawwatu haa dhaabbatu jechuun waamicha taasieera.
Miidiyaan Addis Standard akka gabaasetti, ajjeechaa kana hordofee bulchiinsi Komaandipostii naannoo Amaaraa sochii kamiyyuu daandii guddaa Dabre Birihaanii fi magaalaa Dassee gidduutti yeroo hin ibsamneef cufeera.
Shawaa Kaabaa Shawaa Roobiitiitti ajjeechaan saba irratti xiyyeeffachuun raawwatu kun kan jalqabaa miti.
Kanaan duras namoonni miidhaan irra gahee gara hospitaalaa deemaa turaniifi maatii saanii ambulaansii keessaa buufamuun haala sukkanneessaadhaan ajjeefamuunsaanii ni yaadatama.
Kana malees hidhattoonni Faannoo kan mootummaan finxaaleeyyii naannoo Amaaraa jedhuun, yeroo adda addaatti godinaalee Wallaggaa seenuun haleellaa raawwataniin lubbuu namoota nagaa hedduu gaaga'aniiru.
Gama biraan ammoo ajjeechaa dhalattoota Amaaraa irratti naannoo Oromiyaa keessatti raawwatuuf mootummaan Itoophiyaa hidhattoota WBO himata.