Motummaan Itoophiyaa lammiileen biyya alaa haala adda addaatiin biyya keessa jiran akka galmaa’an gaafate

Madda suuraa, Immigration and Citizenship service
Tajaajjilli Lammummaa fi Immigireshinii Riippaablika Dimokraatawa Federalaa Itoophiyaa lammiileen biyya biraa haala adda addaatiin seenuun biyya keessa socha’an akka galmaa’aniif guyyaa murteessuun kaa’e.
Haaluma kanaanis lammiileen biyya alaa sanadoota yeroo irra darbee qaban ykn kanneen homaa hin qabne, Finfinnee fi magaaloota naannawashee keessatti argaman hundi ALI Adooleessa 11-25, 2014tti bakkeewwan jedhamaniitti dhiyaachuun akka galmaa’aniif akeekkachiseera.
Dhaabatichi ibsa fuula facebook isaarratti Kibxata Adooleessa 12, 2022 baaseen, beeksiisi kunis lammiileen biyya biraa viizaa adda addaatiin Itoophiyaa seenuun yeroon viizaa isaanii darbe, kan hayyamni jireenyaa isaanii irra darbee, kanneen viizaa ta’e hayyama jireenyaa hin qabne akka ilaallatu ibseera.
Beeksisni lammiileen biyya alaa Itoophiyaa keessa sochoa’an akka galmaa’aniif bahe kunis, namoota tajaajila baqattootaafi koolu galtummaatiin akka baqataatti galmaa’an ykn kanneen beekkamtii baqatummaa argachuun hayyamaan ykn hayyama malee baqatummaa magaalaatiin Finfinneefi magaaloota naannawa ishee keessatti argaman kan ilaallatu ta’u ibsi kun himeera.
Galmeen lammiilee biyya biraa kunis guyyoota jedhaman kanneen keessatti Sanbataafi Dilbata dabalatee yeroo hunda sa’aatii hojiitti kan galameeffamu ta’u dabaluun ibseera.
Dhaabbatichi dabalunis lammiilee biyya alaa kunneen guyyoota kaa’aman keessatti yoo hin galmoofne ta’e tarkaanfii seeraa kan fudhatu ta’us cimsee akeekkachiseera.
Kanaafuu, sanada eenyummaasaanii agarsiisuu kan akka paaspoortii, hayyama jireenyaa, waraqaa eenyummaa baqatummaa ykn sanada ragaa galmee baqatummaa, sanadoora imalaafi/ykn kanneen wal qabatan kan biraa qabachuun qaamaan dhiyaatanii akka galmaa’aniif gaafateera.
Ibsi kun dabalunis iddoowwaniifi magaaloota lammiileen biyya biraa kunneen tajaajila galmee kana itti argachu danda’anis tarreesseera.
Haaluma kanaanis kanneen magaalaa Finifinnee keessatti argaman, waajjiiraalee galmee sanadawwan aanaa hundaa fi waajjira damee tajaajila lammummaa fi immigireshinii Piyaassaatti argamutti galmaa’u akka danda’an ibseera.
Lammiilee biyya biraa magaaloota godinaalee addaa naannawa Finfinneetti argaman keessa jiraniif ammoo, waajjiraalee galmee ragaalee bu’uura murteessoo magaalaa Dukam, Galaan, Laga Xaafoo, Suluultaa, Buraayyuu, Holotaa, Sabbataa fi Bishooftuutti haa galamaa’an jedha.
Akkasumas qaamoolee lammiilee biyya biraa mindeessuun hojjachiisan, kanneen mana saanii kirreeffasaniif ykn kan dahoo kennuufiin jiraachisan hundi, guyyaa kaa’aman keessatti galmaa’u saaniifi ragaa fudhachusaanii akka mirkanneessan gaafatamaniiru.
Dhaabbanni Tajaajilichaa kunis lammiilee biyya biraa karaa garaa garaatiin biyya keessa seenanii socha’an galmeessuufi to’achuuf aangoon labsii 354/1995 fi lakkoofsa danbii 114/1997 kunnamuuf kaaseera.












