US waliigaltee dolaara biliyoona jahaan lammiileeshee Iraan hiite gadi lakkisiifte

Hidhamtoonni US yeroo xayyaararraa bu'an
Ibsa waa'ee suuraa, Hidhamtoonni US yeroo xayyaararraa bu'an

Ameerikaan lammiileeshee shan waggootaaf Iraanitti hidhaa turan amma gara US'tti qajeelaniiru.

Namoota kana shanan hiiksisuuf US maallaqa Iraan jalaa Kooriyaa Kibbaatti qabdee turte dolaara biliyeena 6 gadi lakkifteetti.

Iraaniifi US qaamaan walitti dhufanii osoo hin taane dippilomaasii qaama sadaffaa kan Kaatar taasifteeni kuni raawwate.

Gama biraan ammoo lammiileen Iraan US keessatti seera qoqqobbii Iraanirra kaa'ame cabsan jechuun to'attee turte akka hiikaman walii galtee jirti.

Lammiileen US shanan yeroo Teehran irraa gara Kataaritti geeffaman qondaaltota US'tiin simannaan taasifameeraaf.

Kanneen hidhaadhaa bahan keessaa nama ganna 51 fi abbaa qabeenyaa waggaa saddeetiif mana hidhaa Iraan keessa turan Si'aamaak Namaaz tokkodha.

Abbaan qabeenyaa lammii Ameerikaa kun mana hidhaa Eviin jedhamuufi namoonni hedduu keessatti dararamanitti hidhamanii turan.

Iraan dubbiidhuma barbaacha hiite malee lammiileen koo yakka hojjatan hin qaban jetti US.

Giddu deemtummaa Kataariin lammiileen US kun ji'a Hagayyaa keessa mana hidhaa Eviin keessaa baafamanii bakka jireenyasaanif mijataa ta'e akka kaa'amantu himama.

Pirezidant Baayidan lammiileen US mana hidhaa Iraanirraa hiikamuusaanii ilaalchisee, "Har'a, lammiileen Ameerikaa yakka homaatuu hin hojjanne gara biyyaa dhufaa jiru" jedhan.

Namoonni shanan hiraarsa, dararaa mana hidhaa keessatti isanirra gahe dandamatanii har'a akka gahan dubbatan Baayidan.

Iraaniifi US hidhamtoota hiikanii wal-jijjiiruf walii galaniis, ammallee taanaan qoqqobbiin Iraanirra kaa'amu akka hin dhaabbanne himan Baayidan.

Kanneen hidhaa gadi dhiifaman

Madda suuraa, ANYHOPEFORNATURE/FREETHENAMAZIS/NEDASHARGHI

Ibsa waa'ee suuraa, Kanneen hidhaa gadi dhiifaman
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Biyyoonni lamaan bara darbee kaasee Kataar gidduu deemun erga walii galanii booda hidhamtoota kan wal-jijjiiran.

Walii galteerra gahuuf marsaa sagaliin mariin akka turetu himama.

Baayidan lammiilee Iraan waggoota hedduuf Iraanitti dararamaa turan gadi lakkisiisuu danda'uunsaanii akka milkiitti ilaalama.

Addumatti filannootti deemaa waan jiraniif kana akka milkaa'inaatti itti fayyadamuus danda'u jedhama.

Haa ta'u garuu, US maallaqa Iraan gadhiisteef biyyattiin hojii deeggarsa namoomaf qofa itti fayyadamuu akka dandeessu himte.

Iraan garuu maallaqa koo waanan barbaadefan itti fayyadama jetti.

Maddeen BBC'tti akka himanitti maallaqni kun qabeenya Iraan sababa qoqqobbiin US jalaa qabdee miti.

Namoonni paartii Rippaabilikaanotaa, US maallaqa hanga kana Iraanif gadi lakkisuunshee lammiileeshee gadi lakkisuuf beenyaa kaffaluun tokkuma akka ta'e kaasun qeeqan.

Biyyoonin lamaan hidhamtoota hiikuf walii galuunsaanii gara fuulduraatti walitti dhufanii mariyachuufis abdiin akka jiru agarsiisa kan jedhan jiru.