UK, Faransaayii fi Jarmaniin qoqqobbii Iraanirra kaa’an akka hin kaafne ibsan

Madda suuraa, REUTERS
Yunaayitiid Kingdam, Faransaayii fi Jarman qoqqobbii nikulaaraa iraan irra kaa’an akka hin kaafne ibsan.
Dhorkaa kaa’an kan Iraan irraa hin kaafnes akka isheen diroonii fi misaa’eela Raashiyaatti hin gurgurreef dhiibbaa taasisuudhaaf.
Bara 2015tti Iraan erga waliigaltee nikulaaraa taasifteen booda dhorkaawwan irra kaa’ame akka irraa kaafamuf murtaa’ee kan ture yoo ta’u, haala waliigaltichaatti dhorkaawwan irra kaa’aman baatii dhufu keessa irraa kaafamu jedhamee eegama ture.
Haata’u malee, biyyoonni sadan akka jedhaniitti Iraan yuraaniyeem kusuu fi gabbiisuudhaan waliigalticha cabsite jirti.
Iraan gama isheetiin murteen biyyoota sadanii dubbii barbaachaafi seeraan ala jechuun deebii kennite.
Yuraaniyeemiin sadarkaa olaanaatti gabbifames meeshaa nikulaaraa oomishuudhaaf oola.
Dhorkaan Biyyoota Gamtoomanii amma yeroonsaa irra darbu amma qaama seerasaanii akka taasifatan biyyoonni awurooppaa sadan ibsaniiru.
Iraan misaa’eela baalaastiikiifi diroonnii akka hin ergine dhorkuuf murteen dabarfamus, Iraan Raashiyaas diroonii ni ergiti.
Isaanis waraana Yukireen keessatti bu’aa irra oolaniiru jedhamee ibsame.
Ameerikaa, UK, Faransaay, Chaayinaa, Raashiyaafi Jarman waggoota saddeetiin dura Karoora Hojimaataa waliigala Waloo (Joint Comprehensive Plan of Action) jedhamurratti waliigaltee taasisuun isaanii ni yaadatama.
Iraan sochii nikulaaraa akka hir’iftuufi taajjabdoota idil-addunyaa akka biyya keessa seensiiftuuf waliigaltee ture. Kanarratti hundaa’unis dhorkaawwan diinagdeen ishee laaffisan akka irraa kaafaman waadaan galamee ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waliigaltichaan dirooniifi misaa’eliin kamuu Iraaniitti akka hin gurguramne ykn Iraan irraa akka hin bitamne akkasumas akka hin dadabarsine dhorkamee ture. Waliigaltichi Iraan qofaa osoo hin taanee namoota dhuunfaafi dhaabbilee sochii hojii nikulaaraa ni deegaru jedhaman irrattilleen dhorkaan akka kaa’amu waliigalticha keessatti hammatameera.
Onkolooleessa 18 fuuldura keenyaatiin dura Chaayinaafi Raashiyaan akka biyyoota Awurooppaa sadaniitti dhorkaa Iraan irra kaa’ame hin kaafne yoo jedhan malee waliigaltichaan hin dirqisiifaman.
Biyyoonni Awurooppaa sadan E-3 jedhaman kunneenis Iraan waliigalticha ‘‘guutummaa guutuutti hanga hojiirra hin oolchineetti’’ dhorkaa akka irraa hin kaafne mirkaneessaniiru.
Iraan gama isheetiin murteen biyyoota kannen waliigaltichia akkasumas yaada murtee mana maree Nagaa biyyoota Gamtoomanii 2231 kan cabsuudha jechuun ibsite.
Pirezidantiin Ameerikaa duraanii Donaaldi Tiraamp bara 2018tti biyyasaanii waliigalcha keessaa baasuun isaanii ni yaadatama.












