Biyya akka addunyaattuu 'gammadduu' jedhamtu keessa jiraachuun miira akkamii qaba?

Madda suuraa, Tim Bird
Finlaand walitti fufiinsaan waggoota saddeetiif 'biyya akka addunyaatti gammadduu taate' jedhamuun sadarkaa tokkoffaa qabatteerti. Haa ta'u malee dhimmi namoota gara biyyattiitti imalan qalbii hawwatu duudhaalee jireenyaa: madaala, uumamafii gammachuu guyyuuti.
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii-UN Gabaasa Gammachuu Addunyaa (World Happiness Report) ALA Bitootessaa 2025 baaseen Finlaand biyyoota addunyaa gammadoo jedhaman keessaa walitti fufiinsaan yeroo saddeettaffaaf sadarkaa jalqabaarra jirti jedheera. Lammiileen biyyattii garuu gabaasa kana akka waan guddaatti hin ilaalan, sirumaa tokko tokko miira shakkiin ilaalu.
Haa ta'u malee gabaasni kun Finlaand fi gammachuu gidduutti hidhata kan uumu ta'uusaatiin dhaabbilee tuurisootaaf haala mijeessaniif maamiltoota kan fidudha.
Gama biraatiin garuu 'Finlaand biyya gammadduudha' jechuun wayita buufata xayyaaraa Helsiinkii geessan yookiin dooniidhaan gara magaalattii yemmuu seentan kolfaan simatamtu jechuu miti.
Lammiileen Finlaand gabaaasa UN kana fudhatanillee jechi 'gammachuu' jedhu garuu jecha sirriitti isaan ibsu akka hintaane himu. Gammachuurra jechoonni 'milkaa'ina fi jireenya miijataa' jedhan haala biyyattii keessa jiru haalaan akka ibsan himu.
Dhimmicha ilaalchisee fuula Feesbuukii isaaniirratti kan barreessan Pirezidaantiin Finlaand, Aleksaandar Stub, "Namni kamuu yeroo hunda miira gammachuu keessa turuu hindanda'u; yeroo tokko tokko haalonni wanta kana ulfaataa taasisan ni jiraatu" jedhan.
"Garuummoo dhimmoota bu'uraa akka nageenya, bilisummaa fi walqixxummaa qabaachuun jalqabbii gaariidha" jechuunis kataban.
Finlaand keessatti gammachuun yaadrimee walxaxaafii aadaan walqabatu ta'ullee jiruufi jireenya lammiilee biyyattii walin hidhata cimaa kan qabudha. Lammiileen biyyattiis yeroo hunda miira gammachuu olaanaa barbaaduurra jireenya madaalawaa, waloomafii miira gaarii qabu jiraachuu filatu. Kun immoo namoota gara biyyattii imalaniif dhimma halaalaa mul'atu osoo hintaane jiruuf jireenya lammiilee biyyattii keessa seenanii jiraachuun akkasumas uumama, aadaa saawunaa, sooratafii diizaayinii biyyattii dinqisiifachuufii keessatti hirmaachuun kan mul'atudha.
Dhaabbata 'Visit Finlaand' keessatti daayerktara hojiilee idil addunyaa kan ta'an Teemu Ahola, "nuti lammiileen Finlaand gammachuun cuunfaa dhimmoota shanan kanaa akka ta'etti ilaalla. Kanaafis gammachuu akka hawwata qeenxee tokkootti madaaluuf ragaa walitti hinqabnu yookiin qorannoo hingaggeessinu" jedhu.
Dhimmoota Finlaand jalqaba tarree biyyoota gammadoo ta'aniirra kaayan kunneen qabatamaan ilaaluufis aadaa lammiilee biyyattii akka addunyaattuu beekamaa ta'e aadaa saawunaa ilaaluun akka danda'amu Aholan himu. Kana malees biyyattiin naga qabeettii ta'uusheetiin tuuristoonni yaaddoo malee kan daawwatan ta'uu dubbatu. Dabalataan qopheessitoonni soorataa akka addunyaattuu beekamtiifi kabaja horachaa jiran as bahaa jiraachuunsaanii sooranni biyyattii dhimmoota daawwattoota hawwatan keessaa tokko ta'uu himu.

Madda suuraa, Tim Bird
Biyyoota gammadoo bara 2025
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akka gabaasa UN'tti biyyooni bara 2025 keessa gammadoo jedhamuun sadarkaa tokkoffaa hanga shanaffaa qabatan tartiibaan: Finlaand, Denmaark, Aayislaand (Iceland), Siwiidin fi Neezarlaandis dha. Biyyoonni akka Koostaa Rikaa, Noorwey, Israa'el, Luksambarg fi Meeksiikoon immoo sadarkaa 6ffaa hanga 10ffaa jiru irratti argamu.
Gabaasni kun dhimmoota akka walqixxummaa, gargaarsa hawaasaa, omisha waliigalaa nama dhuunfaa (GDP per capita), umrii jireenyaa giddugaleessaa, bilisummaa, arjummaa, ilaalcha malaammaltummaaf jiru, miira gaarii fi fedhii tola ooltummaa ofkeessatti kan qabatedha.
Manni nyaataa Tapio jedhamufii magaalaa Ruka-Kuusamo keessatti argamu mana nyaataa sadarkaa idiladdunyawaa 'Michelin star' qabudha. Manneen nyaataa magaalaa guddoo biyyattii Helsiinkii keessatti argaman heddus qabeenyawwan uumamaa biyyattin qabdu akka waakoo/coomee, muduraalee, qurxummii fi bineeldota bosonaarraa nyaata qopheessuun beekamu. Dabalataan lammiin biyyattii kamiyyuu seera biyyattii 'mirga nama hundaa' jedhu bu'uura godhachuun qabeenyawwan uumamaa bosonawwan fi odolawwan biyyattiirratti argaman kunneen fayyadamuu danda'a
Uumama dhandhamuu
Magaalaan Helsiinkii iddoo daawwattoonni baay'een imala isaanii itti eegalan yookiin itti xummuranidha. Magaalli tun qarqara galaanaarratti kan argamtu ta'uusheetiin iddoo daawwattoonni qabeenya uumamaa biyyattii jalqabarratti itti dhandhamanidha.
Buufataalee bishkiliittii magaalattii keessatti argaman heddu keessaa iddoo fedhanii bishkiliittii fuudhanii daandiiwwan qarqara galaanaarra imaluun uumama biyyattii dinqisiifachuun miira gammachuu kan uumudha. Qarqara galaanaan alatti bosona paarkii magaalattii keessatti argamu keessa bishkiliittii oofuunis qalbii haaromsa.
Heddumina qabeenya uumamaa biyyattii bifa kanaan qooddachuunis ulaagaalee UN gammachuu ittiin safaru kan akka umrii jireenyaa giddugaleessaa, bilisummaa fi miira gaarii waliin walqabata.
Dandamattoota fi mata-jabeeyyii
Finlaand biyya gammadduu addunyaa ta'uun sadarkaa tokkoffaarratti argamtus lammiileenshee dhiibbaa diinagdeerraa bilisa jechuu miti. Kana malees ganni dheeraafii dukkanaa'aan lammiileen biyyattii bara baraan dabarsan fayyaa sammuurratti dhiibbaa kan uumudha.
Kanaaf lammiilee biyyattiif gammachuun yaadawwan akka dandamannaa, jabina qabaachuufi miira mo'amuu dhabuu ofkeessaa qaba.
Barreessituu kan taate Katja Pantzar dandeettii lammiilee Finlaand kana yeroo ibsitu, "dandeettii xinsammuu namoonnifii hawaasni qormaataan osoo hin mo'amin yookiin qaama biraa osoo hin komatin, waliin ta'anii itti hojjetanidha" jetti.
Biyyoonni sadarkaa biyyoota gammadoorratti sadarkaa tokkoffaa hanga afraffaa jiran hundi isaanii biyyoota Kaaba Awurooppaa (Nordic) ta'uu kan himtu Katjaan, biyyooni kun sagantaa mootummaan lammiileef deeggarsa maallaqaafii hawaasummaa itti taasisu (welfare) cimaa ta'e kan qaban ta'uu kaafti.
Kana malees wantoonni lammiilee biyyattiif gammachuu guyyuu uuman heddu jiraachuu kan himtu barreesituun kun, bosonni, paarkiiwwan, saawunaawwan, qarqarri galaanaa, manneen kitaabaa, tajaajilli geejibaa si'ataa ta'e, dhiyeessiin bishaanii qulqulluufii bilisa ta'e, barnoonnifii tajaajilli fayyaa karaa salphaafii dhiyeenyatti kan argaman ta'uus himti.
Gama biraatiin lammiileen Finlaand tokko tokko maqaa "biyya gammadduu" jedhu ija shakkiin ilaalanis, baay'een garuu wanta qabaniif galata qabu.
"Finlaand biyya gammadduu addunyaati kan jedhu salphaatti fudhachuu hin danda'u" kan jedhan maanguddoon sooramarra jiran Juha Roiha, "biyyoota hiyyeeyyii akka Taayilaand fi Neeppaal keessatti namoonni haala ulfaataa keessattiyyuu jireenya tasgabbaa'aa jiraatu" jedhu.
Dabaluunis "Finlaand keessatti yeroo tokko tokko namoonni osoo biyya biraa keessa ta'anii caalmaatti akka gammadan yeroo dubbatan dhageessa. Garuummoo sadarkaa biyyuma keenyaatti yoo ilaalte waan qabnuun gammadoodha" jedhan.












