Addunyaarratti biyyootni uummata gammadoo qabaachuun dursan eenyu fa'i?

Madda suuraa, Getty Images
Fiinlaand yeroo walitti aanu saddeettaffaaf addunyaarraa biyya gammachuu qabdu ta'uun sadarkaa qabatte. Uumama waliin hariiroo jabaa qabaachuufi sirni nageenya uummataa kunuunsu jabaan jiraachuun sababa ijoodha jedhameera.
Gabaasa Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii deeggaruu fi waggaa waggaan hojjatamu, World Happiness Report, kan baranaa akkuma baroota torba darbanii Finlaadiin tokkoffaarra yoo kaahuu, biyyootni Noordiik biroon sadii ammoo hanga 10 keessa jiru.
UK fi Ameerikaan walduraa duubaan sadarkaa 23ffaafi 24ffaarra kaahamaniiru. Biyyoota lamaaniifuu sadarkaan bara kana argatan isa gad-aanaadha.
Namootni biyyoota adda addaa keessatti keessummaa ta'an namoota kaan caala garraamii ta'uus gabaasni kun eereera. Waaletii cinaa namoottii gatuun amanamuummaa isaanii madaaluuf yaalameera.
Qorannoo bifa kanaan gaggeeffameen garraamummaan namootaa gammachuu qabaachuu waliin hidhata guddaa qabaachuun hubatamuu ibseera.
Yunivarsiitii Biriitish Kolombiyaa keessatti oogeessa diinagdee kan ta'e Jon F. Heliweel gulaalaa olaanaa gabaasa kanaati. Akka inni jedhutti, ''bakka uummatni waliif yaada jedhanii amanan keessa warri jiraatan kaan caala gammadoodha.''
Gabaasni yeroo 13ffaa bahe kun guyyaa gammachuu idila addunyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniin labsame irratti ifa godhame.
Gabasichi gammachuu qabaniin sadarkaan kan kaahu yoo ta'u, Uummata biyyoota addaa addaa gaaffii gaafachuun qophaa'a.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Fiinlaand qabxii 10 keessaa gidduugaleessaan 7.736 argachuun tokkoffaa yeroo taatu, Deenmaark sadarkaa lammaffaa qabatteetti.
Koostaarikaafi Meeksikoon sadarka isaanii fooyyessanii hanga 10 warra jiran keessa galaniiru. Kanaaf sababa kan jedhame ammoo hariiroo jabaa maatii gidduu jirudha.
Qorannoon kun namootni jireenya isaaniitti gammachuu qaban sadarkaa tokko hanga 10 gidduutti akka ramadan gaafachuun hojjetama.
Biyyootni hanga sadarkaa 10 jiran:
1. Finlaand
2. Deenmaark
3. Ayislaand
4. Siwiidin
5. Nezerlaands
6. Koostaa Riikaa
7. Noorwaay
8. Israa'el
9. Luksenbeerg
10. Meksikoo
Akka gabaasa kanaatti gammachuu qabaachuufi wal-amantaan hawaasaa US fi Awurooppaa keessatti hiri'iseera. Sababni ammoo ilaalcha siyaasaa walirraa fagaataa jirudha.
Soorata namaa biraa waliin soorachuun fayyummaa wajjin walqabataadha amantaan jedhu dabalaa dhufuus gabaasichi ibseera.
Lakkoofsi maatii fi gammachuu qabaachuunis hidhata qabaachuu gabaasichi ibseera. Meksikoofi Awurooppaa keessatti maatiin miseensa afuriifi shan qabu gammachuu olaanaa qaba.












