Fiinlaand maaliif biyya gammadduu addunyaa taate?

SHamarree Fiinlaand seeqaa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Lammiileen Fiinlaand waggaa torbaaf walitti fufinsaan gammachuu qabaachuun akka addunyaatti dursaa jiru. Kana akkamiin milkeessuu danda'an?

Dhimmi kun yeroo baayyee suga (satisfaction) gidduugalaan jireenya keessatti namoonni biyyoota tokkoon tokkoo addunyaa qabaniin madaalama.

Biyyoonni Awurooppaa kaabaa ykn Noordiik jedhaman biyyoota addunyaa irratti gammadoo ta'aniin yeroo baayyee sadarkaa tokkoo hanga shanii qabatu.

Piroofeesar Jukka Saavoolaaneen Yunivarsiitii Waayin irraa, gulantaa 0-10 jirutu dhimma kana ibsuuf faayidaarra oola jedhu.

Haala kanaan zeeroon haala jireenyaa isa badaa tahe ibsa jedhu Piroofeesar Jukkaan. Lammiileen Fiinlaand gammachuu jireenyatti qaban bu'uura kanaan lakkoofsaan akka kaa'an yeroo gaafataman deebisaniin saddeet faa dha taha.

Qajeelfamni jireenyaa ''LAGOM'' jedhamu jira, achi dhufeen yaada kanaa Siwiidiin yoo tahu, hiika ''Akka malee xiqqoos, baayyees kan hin taane, waan sirrii, waan qixaa'' jechuu dha.

''Biyyoota Siwiidiin, Finlaandiifi Deenmaarki fa'i keessatti nama milkaa'ina guddaarra geesse taatee, mana badaa qananii hin taane keessa jiraachuufi konkolaataa ittiin sochootu tokko qofa qabaachuun waan baramaa dha, faallaa warra Ameerikaatiin'' jedhu Piroofeesar Jukkaan.

Mootummaan hawaas-diinagdee uummataa ni deeggara, ni tiksas. Kanneen wantoota bu'uuraa jireenyaaf barbaachisan warra argachuu hin dandeenyes ni gargaara.

Biyyoota kunneen akka Fiinlaand keessa namoota haala jireenyaa akka malee badaa keessa jiran baayyee hin argitu.

''Kan daandiirra bulan, tajaajila dhabuun dhukkubaan yeroo dheeraaf rakkatan fa'i hin jiran.''

Fiinlaand biyyoota daa'immaniif filatamoo jedhaman keessaayis, daa'imman dubbisuu, barreessuu, dubbachuufi dhagahuun akkasumas dandeettii herregaa qabaniin sadarkaa olaanaa qabu jedha gabaasni UNICEF bara 2023.

Hariiroon maatiifi manneen barnootaas biyyoota kaan caala jabaadha jedhameera.

Abbaafi ilma cabbiirra taphacha jiran

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Namoonni lammiilee Fiinlaand hin taane akkamiin biyyi kuni gammachuudhaan tokkoffaa taate waan jedhu hin galuufi sababiinsaa alaa gaafa mul'atu gammadoo waan hin fakkaanneefi jedhan piroofeesarichi.

''Sababiinsaa biyyattiin qorrituu, namni biyya sanaas fuula ifaa hin qabu, kan baayyee of qaban. Lammiileen biyya Noordiik biroollee amala isaanii kanaaf itti qoosu.''

Tahus namni biyyanaa nama amantii guddaa qabu dha. jedhu Piroofesar Jukkaan. ''Uummanni mootumaa, miidiyaafi namoota siyaasa amana biyyoota kaan caala.''

Kana malees biyya waan hundi akka garaa hojjetu keessa jiraachuun namatti tola.

Tajaajila gaarii akka argattu amanuu qofa osoo hin taane mirkanaan eeguu dandeessa. Tajaajilooti addaan hin citanii, birookiraasiin isaa akka gaariitti hojjetaa jedhan.

''Jireenya kee hawaasaa akkasii keessatti jiraachuun eebba guddaa dha,'' jechuun ibsu Piroofeesar Jukkaan.

Naamuusa, qulqullina, amanteefi caasaan garagaraa rakkoo malee hojjechuu kana namoonni ni jaalatu, ni dinqisiifatu.