Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Netaaniyaahun 'ajjeefamaniiruu'? Iraan doonii Ameerikaa mancaasteettii?
Tibbana miidiyaa hawaasummaa gubbaa keessumaa waraana Giddugala Bahaatti adeemaa jiruun wal qabatee waan danuutu adeemaa jira.
Yeroo waraanaa wantoota mudatuu keessaa tokko oduufi odeeffannoon hin mirkanoofne, akkasumas burjaajiin baay'achuudha.
Yeroo waraanaa nama yookiin qabeenya qofa miti dhugaanis ni miidhamti jedhu qorattoonni.
Kanneen tibbana namni walii qoode kan dhaggeeffattoonni keenyas akka adda baasnu nu gaafattan keessaa muraasa mee haa ilaallu.
Waa'ee Netaaniyaahuu
Ministirri Muummee Isaa'el Benjaamin Netaaniyaahu biyyi isaanii waraana jabaa keessa jirti.
Osoo waggaa hin guutin yeroo lammataaf Iraan waliin waraana seenaniiru. Ameerikaanis isaan waliin hiriirteetti.
Iraanis misaa'eeliifi diroonii gara Israa'el fi michuuwwan US Giddugala Bahaa keessa jiranitti dhukaasaa jirti.
Gama kaaniin haleellaa michuu Iraan kan ta'e Hezbollaa hordofee Israa'el Libaanos haleelaa jirti.
Namoonni dhibbaan lakkaa'amanis hanga yoonaa akka ajjeefaman aangawoonni biyyattii dubbataniiru.
Pirezidantii Faransaay dabalatee aangawoonni Libaanosiis mariin akka hiikamu yaalaa jiru.
Osoo kanaan jiru waraanni dirree miidiyaarras itti fufeera.
Miidiyaan Iraan Ministirri Muummee Israa'el Benjaamin Netaaniyaahu haleellaa Iraaniin ajjeefaman jedhee gabaase.
Akkasumas, viidiyoo miiliyoonotaan TikTok fi miidiyaalee hawaasaa kaanirratti akkasumas suuraaleen namoonni baay'ee qoodan ergaa wal fakkaataa dabarsaa turan.
Akkasumas ilmi Netaaniyaahuu, Yaayir Netaaniyaahu midiyaa hawaasummaa irraa booda kana barreessu dhaabu isaa itti dabalanii qoodan.
Erga waraanni eegale dhimmi Netaaniyaahu yeroo ka'u kuni kan jalqabaa miti. Guyyaa waraanni eegale ''gara Jarman baqatan'' jedhamees ture.
Boodarra xiyyaara isaanitu nageenyaaf jecha garas akka geeffame, isaan keessa akka hin jirre aangawoonni Jarman Rooyitarsiif yeroos mirkaneessanii turan.
Erga waraanni eegalemmoo bakkee haleellaan Iraaniin miidhaa dhaqqabe dhaqanii daawwataniiru.
Waajjirri Ministira Muummee Israa'el oduu Netaaniyaahuun ''ajjeefamaniiru'' jedhuufi namoonni walii qoodaniif deebii kenneera.
''Kuni oduu sobaati; Ministirri Muummee [Netaanuyaahu] nagaa qabu,'' jechuu isaanii miidiyaan Turkii Anaadolu gaafatee deebii argate gabaaseera.
Waraana adeemaa jiruun qiyyaafannoon buufatalee waraanaa qofa osoo hin taane dureewwan biyyaas ta'aniiru.
Haleellaa guyyaa jalqabaa US fi Israa'el waliin raawwataniin Hogganaa Olaanaan Iraan kan turan Ayaatolaa Ali Kaamenii ajjeefamaniiru.
Isaan waliin maatii isaanii keessaas muraasa, akkasumas qondaalonni waraanaafi nageenyaa olaanoo Iraan ajjeefamuu kana dura gabaafameera.
Iraanis bakka angawoota ajjeefaman namoota haaraa muuddeetti.
Booda kanammoo Eegduun Warraaqsa Islaamummaa Iraan Ministira Muummee Israa'elif akeekkachiisa kenneera.
Gareen kuni kana duras bulchaa Israa'el irratti xiyyeeffachaa turuu ibse.
Ibsa marsariitii isaa Sepah News irratti baaseen ''yakkamaan daa'ima ajjeese kun lubbuun yoo jiraate humna guutuun adamsinee ajjeesuu itti fufna'' jedha.
Waraana torban lama darbe kana keessatti diinummaa fi waraaanni Iraan, Israa'elii fi Ameerikaa gidduu jiru akka malee cimee itti fufeera.
Iraan Israa'el irratti xiyyeeffachuun haleellaa raawwataa jiraachuu fi buufataaleen Ameerikaa sadi naannoo baha giddu galeessa keessa jiran barbadeesse jedhe.
Dhimma buufata waraanaa haleele jedheerratti ammatti gama US deebiin kenname hin jiru.
US waa'ee dooniishee maal jette?
Ameerikaafi Israa'el Iraan irratti haleellaa raawwachuu dura dooniin waraanaa US USS Abraham Lincoln jedhamu gara Giddugala Bahaa imalee ture.
Dooniin waraanaa Giddugala Bahaatti ergame garuu isa qofa miti.
Dooniin waraanaa guddicha humna galaanaa US, USS Gerald Ford, jedhamuus Giddugala Bahaa jira.
Waraana duraa dooniin kuni qarqara bishaanii Omaan, Iraanirraa 700km fagaatee, akka argamu BBC'n mirkaneessee ture.
Eegduun Warraaqsa Islaamummaa Iraan haleellaa dirooniifi misaa'elaa raawwateen doonii US USS Abraham Lincoln jedhamuurratti 'miidhaa jabaa' dhaqqabsiisuu gaafa Jimaataa ibsee ture.
Ibsi humni Iraan abdattu kuni hamma miidhaa dhaqqabe jedhe waan ibse hin qabu.
Garuu, dooniin kuni haleellaa Iraan naannawa Giddugala Bahaattii taasistuun itti qiyyaafatamu hime.
Kana booda ture Ameerikaan waa'ee dooniishee Iraan oduu sobaa facaasaa jirti jechuun kan himatte.
Ajajaan Jiddugalaa waraana Yunaayitid Isteet Eegduun Warraaqsa Islaamummaa Iraan ''ammas irra deebiin'' doonii waraanaa kana ''mancaasuu'' hime jedhe.
''Mee ifa haa goonu: gareen Abraham Lincoln galaanarraa daangaa qilleensaa Iraan olaantummaan to'achuu itti fufaniiru,'' jedhe.
Yunaayitid Isteet humna dabalataa gara Galoo Galaanaatti ergaa akka jirtu miidiyaaleen US gabaasaniiru.
Kanneen keessaa amphibious ready group (ARG) jedhamuufi humna galaanaafi daaktuu 5,000 ta'an of keessaa qabu ni argamu jedhameera.
Dooniin biraa USS Tripoli jedhamullee gara Giddugala Bahaa akka ergamu gabaafameera.
Mojtaabaan 'du'aniiruu'?
Ameerikaafi Israa'el haleellaa jalqabaa Iraan irratti Guraandhala 28, 2026 raawwataniin Ayaatolaa Ali Kaameniifi hoggantoota biroo ajjeesaniiru.
Gabaasonni garagaraa eegasii akka jedhanitti bakka jiran dursee kan odeeffate tika Ameerikaa, CIA dha.
Odeeffannoo kanas gara Israa'elitti dabarsuun haleellaa duraan Ayaatolaan ajjeefaman. Hanga yoonaas hin awwaalamne.
Iraanis haaloo bahuuf biyyoota Galoo Galaanaa michuu US ta'aniifi buufatawwan Ameerikaa keessa buufatan haleeluu itti fufteetti.
Iraan waraana keessa osoo jirtuu adeemsa karaa dhoksaa raawwate jedhameen hooggansa haaraa filatteetti.
Hogganaan Olaanaa haaraa Iraan kunis ilma Ayaatolaa Ali Kaameniifi ga'eessa ganna 56 Mojtaabaa Kaameeniidha.
Abbaan isaanii ajjeefamanii torban booda filatamanis hanga yoonaa ummatatti hin baane, bakki jiranis hin beekamu.
Guyyoota muraasa dura ibsa isaanii miidiyaa biyyattiirratti dubbifameen haaloo bahuuf dhaadataniiru.
Ulaa Hormuuz cufamee akka turuullee dubbatan.
Israa'el akkuma abbaa isaaniirratti tarkaanfii fudhatte, hogganaa haaraa irrattillee akka tarkaanfii fudhattu kakatteetti.
Pirezidant Tiraampiis Mojtaabaa Kaameeniin filatamuu isaaniin gammachuu hin qaban.
Aangawoonni Iraan immoo isaan filachuun isaanii sirni jiru akka itti fufu ergaa dabarsuufi jechuun xinxaltoonni dubbatu.
Filatamuu isaaniin deeggartoonni isaanii yoo gammadan, kanneen isaan qeeqan immoo ''kan abbaa caalu dhufe'' jedhuu isaanii BBC Afaan Pershiyaa gabaaseera.
Ragaan tikaa US akka agarsiisutti Ayaatolaa Ali Kaameniin bara lubbuun turan ilmi isaanii aangoo isaanii fudhata jedhanii akka yaadda'aaniifi of eeggataa akka turan maddeen US michuu BBC, CBS News'tti dubbataniiru.
Akka maddeen jedhanitti, sababa Ayaatolaa Kaameniin ilmi isaanii akka aangoo biyyattii bulchu kan hin barbaannef ''qaroo'' waan hin taaneefi 'ga'umsa hooggansaa' waan hin qabneefi.
Akkasumas ilmi isaanii jireenya dhuunfaa isaaniirratti rakkoo akka qaban akka quba qaban maddeen tikaa kuni akeekaniiru.
Pirezidant Tiraamp gaaffiifi deebii miidiyaa US, NBC, jedhamu waliin taasisaniin waa'ee hiree hogganaa haaraa Iraan Mojtaabaa Kaamenii gaaffii kaasaniiru.
Erga Mojtaabaan filamanii ummatatti mul'achuu dhabuu isaanii eeran.
''Yoo lubbuun jiraate hin beeku. Hanga ammaa namni nutti mul'ise hin jiru,'' jechuun dubbatan.
Mojtaabaa Kaameniin erga filamanii yeroo duraaf barreeffamaan miidiyaa Iraan irratti ergaa dhaamanii turan. Ammoo, viidiyoon isaanii hin mul'anne.
Qeeqxonni tarii ergaan darbeyyuu kan isaanii miti jedhanii yaadu.
''Lubbuun hin jiru waan jedhu dhagahaan jira, yoo lubbuun jira ta'e, biyya isaaf waan bareedaa gochuu qaba innis harka kennachuudha,'' jedhan Tiraamp.
Oduun du'ee jedhamu garuu ''jette jetteedha'' jedhan.
Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araagchii gama isaaniin gaaffiifi deebii Alaraby Aljadeed waliin taasisaniin waa'ee Mojtaabaa dubbataniiru.
''Fayyaa qabu'' akkasumas ''haalicha guutummaan guututti to'achaa'' jiru jedhan.
'Miidhamaniiru'
Amma gaaffiin ijoo Mojtaabaa Kaameniin erga fayyaa qabu jedhame eessa jiru isa jedhudha.
Mojtaabaan Bitootessa 08 erga filatamanii as bahanii ifatti ummatatti dubbatanii hin beekan.
Bitootessa 12 ibsi isaanii miidiyaa mootummaarratti dubbifamee ture. Maaliif mul'achuu dhaban?
Gaafa Jimaataa Ministirri Waraanaa US Piit Hegiset Mojtaabaa Kaameniin ''miidhamaniiru'' jedhan.
Akkasumas, ''fuula isaanii adda baasuun ni dhiba'' jedhaniis turan.
Mataan Iraan yeroo waraanaa bulchuuf filataman kuni ummatatti bahuu kan sodaataniif yaaddoo nageenyaan akka wal qabatu gabaafameera.
Niiw Yoork Taayims bakki isaanii yoo ibsame balaarra isaan buusa jechuu isaanii qondaalota Iraan sadii nageenyaaf jecha maqaa dhokfatan eeruun gabaaseera.
Sababi ijoo biraa ummatatti mul'achuu dhabaniif garuu ga'eessi umrii 56 guyyaa jalqabaa haleellaan raawwate waan miidhamaniif ta'uu qondaalonni kuni dubbataniiru.
Qondaalonni Iraan sadii aangawoota olaanoorraa guyyoota lamaan darban akka dhagahanitti Mojtaabaa Kaameniin miila isaanii rukutaman.
Sababa kanaaf, of eeggannoof jecha bakkee nageenya olaanaa qabutti maloota kominikeeshiniirraa fagaatanii akka jiran odeeffachuu gabaase.
Ameerikaafi Israa'el tikaafi hordoffii jabaa taasisuun Hogganaa Olaanaa duraanii Iraan kan ajjeesan.
Sababa kanaaf Iraan hoggana biraa dhabuu hin feetu jedhu xiinxaltoonni.
Akka gabaasa Niiw Yoork Taayimsitti, odeeffannoon qondaalonni waraanaa Israa'el lama walitti qaban Mojtaabaa Kaameniin guyyaa jalqabaa haleellaan raawwatameen miila isaanii rukutamuu mirkaneessaniiru.
Miidhamuu isaaniif agarsiistuun tokko miidiyaan biyyattii yeroo gabaasu Hogganaa Olaanaa ''yeroo waraanaa miidhaman'' jedhee ibse.
Isa irrattimmoo ilmi Pirezidantii Iraan Masuud Pezeshkiyaan, Yuusef Pezeshkiyaan kan yeroo ammaa gorsaa mootummaa Iraan ta'an Mojtaabaan miidhamuu isaanii dubbataniiru.
''Mojtaabaa Kaameniin madaa'uu isaanii dhagahe. Hiriyyoota itti dhihoo jiran gaafadhe. Galata Waaqaa nagaa qabu jechuun natti himan,'' jedhanii Telegiraama gubbaa kataban.
Ta'us, ammallee haalli isaan itti jiran hin beekamu.