Jeneraalli Raashiyaa rakkoo adda waraanatti mudateef qondaaltota olaanoo qeeqe hojiirraa hari'ame

Madda suuraa, ANDREI GURULYOV
Jeneraalli waraanaa Raashiyaa rakkoo adda waraana Yukireen waliin gaggeessaniin isaan mudataa jiruuf qondaaltota waraanaa olaanoo qeeqnaan aangorraa hari'amuu dubbate.
Meejar Jeneraal Ivaan Poopov Yukireen Kibba Zapporeezhiyaatti ajajaa Aarmii 58ffaati.
Ergaa karaa sagaleen dabarseen adda waraanatti lakkoofsi loltoota du'aniifi madaa'anii olaanaa ta'uufi hanqinni deeggarsa meeshaalee waraanaa isaan mudachuu kaasee ture.
"Callisanii akka gowwaa ta'uu ykn dhugaa isaa dubbachuu qabda," jedha Jeneraal Poppoov.
Sagaleen jeneraala waraanaa kanaa miseensa mana maree Raashiyaa kan ta'an Andiree Guruliyoov Telegiraamii irratti maxxansan.
Ergaan sagalee Jeneraal Ivaan Poppoov waraabee gadi lakkise yoom akka ta'e adda hin baane.
Hanqinoota adda waraanatti Raashiyaa mudataa jiran keessaa hanqinni meeshaa waraanaa haleellaa Yukireen gaggeessitu qolachuuf gargaaru tokko akka ta'e eere jeneraalli Raashiyaa hari'ame kun.
Jeneraal Ivaan Poppoov akka jedhutti akka inni hari'amuuf kan barbaade ajajoota isaa gara olii jiran yoo ta'u ministirri ittisaa Raashiyaa Sargee Shoyiguu ammoo ni raggaasise.
Akka Jeneraalli kun hari'amu kan godhe ajajaa walii galaa humna waraana Raashiyaa Jeneraal Valaarii Geraasimov akka ta'e barreessan biloogaroonni waraana Raashiyaa.
Akka isaan jedhanitti Generaal Geraasimov kan Jeneraal Ivaan Poppoov hari'amu kan godheef waan inni qondaaltota waraanaa olaanoo qeeqeefi.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
"Qondaaltonni waraanaa olaanon dogongora cimaa narra barbaadanii ministeera ittisaarraa ajaja baasun na hari'atan." jedhe Jeneraal Ivaan Poppoov.
"Waraanni Yukireen silaa caasaa keenya hin cabsu ture, garuu qondaaltonni keenya olaanon mogolee keenya dhahan, keessumaa yeroo giitifi rakkisaa ta'etti wraana [keenya] fannisan."
Waa'ee hari'amuu jeneraala waraana kanaa Raashiyaan homaa hin jenne.
Garuu, qondaala olaanaa paartii Yunaayitif Raashiyaa- paartii mootummaa deeggaruu, Andiree Guruliyoov Telegiraamii irratti jeneraalli kun hari'amuu maxxansinaan "agasriisa siyaasaa" jechuun qeeqe.
Yeroo ammaa Yukireen naannolee akka Doneetisfi Zapporezhiyaatti xiyyeeffachuun haleellaa cimaa gaggeessaa jirti. Garuu ittisa cimaa Raashiyaarraa mudateen akka yaaddetti daagaa loltoonni Raashiyaa ijaaran cabsuu hin dandeenye.
Gama biraan ammoo jeneraalli Raashiyaa biraa Jeneraal Sargee Suroovkin jedhamu erga gareen Waagnar fincila kaasee as mul'atee hin beeku jedhame. Jeneraalli kun dursaa garee Waagnar Yevgeenii Pirigoozhin waliin walitti dhiyeenya qabu turan jedhama.
Kanarraa ka'uun Raashiyaan jeneraalicha dhoksiteetti jedhamee odeeffamaa ture. Haa ta'u garuu, yeroo ammaa boqonnaarra jira jedhame.












