Arsenaal dursuu kan itti jabeeffafate, Maan Siitiifi Chelsiin kan itti mo'aman dabalatee Piriimer Liigiin torban kana maal fakkaata?

Taphatoota Pirimer Liigii Ingiliiz

Madda suuraa, Getty Images

Piriimer Liigiin Ingiliiz Sadaasa 12, 2022 taphatameen Arsenaal garaa garummaa qabxii kilaba sadarkaa lamaffaarra jiru Maanchester Siitii waliin qabu gara shaniitti guddifachuun Liigicha keessatti dursa qabachuu isaa jabeeffateera.

Shaampiyoonaa bara darbee kan ta'e Maanchester Siitiin ammoo dirree isaarratti mo'amuu isa mudatee hin beekne fudhachuuf dirqameera.

Namni kamiyyu Arsenaal garaa garummaa qabxii shaniitiin Piriimer Liigiii dursuu cimee itti fufuu isaa waan akka ajaa'ibaatti ilaalu, leenjisaan garee kanaa Mikeel Arteettaa garuu taphattoonni isaa inifannoo cimina isaaniitiin argatan kanatti gammadhuu qabu jedhe.

Arsenaal tapha gara dirree isaanii deemuun Woolvis waliin taasiseen 2-0n kan mo'ate yoo ta'u, Maartiin Odefaard boqonnaa boodaa goolii lamaanuu lakkoofsiseera.

Arsenaal boqonnaa dura Wolvis baayyee cufee ittisaa waan tureef yaaliin gooliin cimaan hin mul'atiin tureera.

Boqonnaa booda garuu daqiiqaa 55ffaa fi 75ffaa irratti taphataan umuriin waggaa 23 Odegaard gooliiwwan Arsenaal dursa qabate cimsatee itti fufu taasisan lakkoofsiseera.

Odegaard goolii lakkoofsisuu qofa osoo hin taane, qeellisaa (dursaa garee) Arsenaal ta'uutiinis taphattoota hamilee cimsuudhaan gahee isaa bahateera jedhe Mikeel Arteettaan.

Sadarkaa amma Arsenaal amma qabatee jiru kun kilaba erga bara 2016 kaasee shanaffaa ol ta'ee xumuree hin beekneef milkaa'ina guddaadha.

Amma Arsenaal taphoota 14 taphate keessaa 12 mo'atee, tokko mo'amee, tokko ammoo walqixa bahee qabxii 37n dursaa jira.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Piriimer Liigii Ingiliiz Sambata taphatame kanarratti Maanchester Siitiin Bireentifoordiin mo'atamuun isaa waan hin eegamne ture.

Maanchester Siitiin kubbaa of harka tursiisuun taphatanillee carraan goolii lakkoofsisuu isaanii bal'aa hin turre.

Jifataan Maan Siitii Eerliing Halaand sarara ittisaa Bireentfoord darbuu hin dandeenye.

Taphataan Bireentfoord umurii waggaa 26 Ivaan Toonii karra eegaa Maan Siitii irra deddeebiin qoraa turuun boodarra garuu goolii ajaa'ibaan harka kennachiiseera.

Bireentifoord Maanchester Siitii goolii 2-1n mo'atee galeera.

Kun ammoo Piriimer Liigii Ingiliiz keessatti qabxii lamaan caalamee Arsenaalitti dhiyaatee deemaa kan ture qabxii shaniin akka caalamu taasiseera.

Tapha Piriier Liigii Ingiliiz Sambata darbee kanaan Tootenhaam Liids Yunaayitidiin 4-3n mo'ateera.Warri Liids Tootenhaamiin dirree isaaniirratti itti cimanii turan.

Hanga dhumaatti dursanii lakkoofsisuun dursaa turaniiru. Dhuma irratti garuu mo'achuun tapha Waancaa Addunyaa Qaataariif jecha boqonnaaf bahaniiru.

Niiwuukasil Yunaayitid Chelsii 1-0n mo'achuun sadarkaa sadaffaarra dhufeera.

Niiwuukasil tapha 15 taphate keessaa qabxii 30 qabachuun sadaffaarra yoo ta'u, Chelsiin garuu tapha 14 keessaa qabxii 21 qabaachuun sadarkaa 8ffaa irratti gadi bu'eera.

Liiverpuul ammoo Saawozhampitaniin 3-1n moateera.

Kun garee Yargan Kilooppiif mo'icha boqonnaa sababa Waancaa Addunyaatiif bahuma dursa argate miyooftuudha.

Gooliiwwan sadan Liiverpuun lakkoofsise keessa lama kan taphataa lammii Uraagaay Daarwiin Nuuneez turan. Tokko ammoo kan Roobertoo Firmiinooti.