Waraana Raashiyaa fi Yukireen waggaa guute lammiin Itoophiyaa achi jiran akkamiin ilaalan?

Waraanni Raashiyaa fi Yukireen ifatti eegalee addunyaa mara rifaasise waggaa har'aa jalqabe. Warri lixaa waraana kanaan ''Weerara Raashiyaan Yukireen irratti raawwatte'' jedhuun.

Dhiibbaan waraana kanaa biyyoota lamaan qofa osoo hin taane, addunyaa mara qaqqabeera - keessattuu qaala'iinsi gatii boba'aa fi midhaanii addunyaa mara raase.

Biyyoonni lameen amma bakka waggaa tokko dura turan hin jiran, bakkeewwan hedduun barbadaa'aniiru.

Kiiv fi magaalonni Yukireen hedduun bareedinasaanii duraanii gatanii, barbadaa'anii jiru.

Moskoonis akka kaleessaa ho'ituu miti, waa danuutu geeddarame.

Waggaa har'aa wayita waraanni kun baname nama waggaa dheeraaf achi jiraatan dubbisnee, haala keessa jiran hubannee turre.

Waggaa booda ammas deebisnee bira bilbille. Obbo Tafarraa Yawaalaa waanti hunduu bakka duraanii hin jiru jedhu.

Dhalataan Itoophiyaa kun waggoota 36'f Raashiyaa jiraatan. Gamtaan Sooviyeet wayita diigamu achi turan. Bulchiinsa Gorbaachev qaqqabaniiru.

Achumatti lammii Raashiyaa fuudhanii abbaa ijoollee ta'anii jiru. Bara darbe akkas jedhanii turan: ''Yoo biyyi abbaa koo Raashiyaan na waamte nan duula.''

Garuu dhuguma akka jedhan duulaniiruu? Putiin yeroo muddamanii ''Arrooy'' jedhan waamichi isaan qaqqabeeraa?

Waraanni waggaa tokko lakkoofsise kun akkam isaan godhee darbe laata?

''Moskoo haleellaan homaayyuu hin turre''

Yeroo ammaa namni tokko tasuma akka carraa osoo Moskootti argamee Raashiyaan lolarra jiraachuushee carraan ittiin baruu danda'u gonkumaa hin jiru.

Jireenyi rifaatuu tokko malee, rakkina tokko malee itti fufeera.

Kiyeev keessatti garuu uummanni ibsaa fi bishaan dhabee dararamaa jira.

Kan bishaanii fi ibsaa salphaadha, haleellaan misaa'elaa fi diroonii taatee yeroo hundaati.

Obbo Tafarraan kanatti hin gammadan. ''Uummata tokko bar jarri kun. Kaansaanii maatii tokko fa'i, waraanichi harka lafa jalaan kan warra lixaati beeki,'' jedhan.

Moskoo keessatti miirri waraanaa hin mul'atu kan jedhan Obbo Tafarraan, ''yeroo garii taankiin wayita daddarbu ni argina. Kanaan ala addana homaa wanti addaa hin jiru,'' jedhan.

Raashiyaan Yukireen weerarte yookiin ammoo waraana irratti bante kan jedhu cimsanii balaaleffatan.

Miidiyaa BBC dabalatee warri lixaa hundi isaanii akkaataan isaan itti Raashiyaa ibsan yeroo dheeraa fudhachuun qeeqan.

Ammayyummaarraa kan fagaateedha jechuunis ibsan.

''Sirreessaa! Waraana hin jedhinaa! Biyyi koo Raashiyaan waraana hin labsine,'' jedhan.

''Birmadummaashee eeggachuu fi lammiileeshee baraaruuf duula waraanaa addaa taasifte.''

Waraanni Raashiyaa fi Yukireen gatii meeshaalee kan qaalesse kan biyyoota lameenii qofa miti, gabaa Itoophiyaallee guddoo goole.

Pireezidantiin Yukireen Voloodmiir Zeleniskii waraanni kun ji'atti doolaara biiliyoona torba akka isaan baasisu ibsanii turan.

Raashiyaan waraana kanaaf doolaara biiliyoona 140 ramaduu Biiroon Tikaa Waraana Ingiliiz ibsee ture.

Haalli qaala'iinsa meeshaalee kun Moskoottihoo akkam laata?

Obbo Tafarraan dhiibbaan waraanaa Moskoorratti hagas mara miti jedhu.

''Nama waa'ee Moskoo sirriitti hin beeknetu kana odeessa,'' jedhan.

Raashiyaan bal'inasheerraa kan ka'e biyyoota hedduudhaan waldaangessiti, biyyoota 14 waliin ollaadha.

Bal'ina dachee Raashiyaa fi haalli qilleensaa garaagaraa isheen qabdu biyyattiin ''biyyummaarra darbitee akka ardiitti akka ilaalamtu ishee taasisa,'' jedhan Obbo Tafarraan.

Haala uumamaa fi qabeenya dilbii isheen qabdu Raashiyaatti ofitti amanummaa daangaa hin qabne hore jechuun ibsu.

Raashiyaan meeshaalee dheedhii galtee indastirii ta'an hedduu qabaachuu kan dhugaa bahan Obbo Tafarraan, kanaaf erga waraanni kun eegalee fi biyyoonni lixaa qoqqobanii indastiriiwwan hedduu ijaaraa jirti jedhan.

Kanaaf waraanni kun akka carraatti fudhatamuu danda'a jechuunis ibsan.

Raashiyaan biyya oomisha qamadiin beekamtuu fi ofirra dabartee biyyoota addunyaaf raabsitu ta'uusheetiin, yeroo addunyaan qoollifatte kanatti rakkoo midhaan nyaataa akka hin qabne himan.

''Qamadiin eessa nu jalaa dhaqa? Asitti mitii kan oomishamu? Biyyarra darbee addunyaaf ga'aa tureem. Homaa sababa waraana kanaa wanti dabale hin jiru,'' jedhan.

''Boba'aa yoo ta'es yeroo ammaa Ruubilii 52, doolaara tokkoo gadi jechuudha.''

''Putiin goota biyya keenyaati''

Obbo Tafarraa fi maatiinsaanii akkuma lammiilee Raashiyaa kaanii waa'ee biyyattii hordofuuf duubatti hin jedhan, Putiin TV biyyattiirra hin dhiban.

Obbo Tafarraan waa'ee Pireezidanti Putiin wayita ibsan,''Nama biyyasaa jaallatu, goota biyya keenyaati,'' jedhan.

''Uummanni Putiin cinaa jira, garuu kan biyya gananii ba'anis jiru. Diinni dhufnaan kan biyya ganee baqatu kan kasaareedha jedhanii dubbii nuuf taasisaniiru,'' jechuun jaalala pireezidantichaaf qaban ibsan.

Erga waraanni kun eegalee akkaataa miidiyaa fi aanga'oonni biyyoota lixaa waa'ee Raashiyaa itti ibsan jallina qaba kan jedhan Obbo Tafarraan, miidiyaaleen Raashiyaa ammoo soba kana qajeelchuun daba irratti odeeffame qolatu jedhan.

Obbo Tafarraan Raashiyaa akka biyya abbaasaaniitti, Itoophiyaa ammoo akka biyya haadhasaaniitti ilaalu.

Lamaaniifuu jaalalli qaban daangaa akka hin qabne ibsan.

Waan karaa kana natti dhufeef araarama tokkollee hin qabu jedhu.

''Handhuurri kiyya Itoophiyaatti awwaalame, kan ijoollee kiyyaa ammoo Raashiyaatti. Kanaafuu karaa Raashiyaa fi Itoophiyaa akka natti dhufan hin barbaadu.''