Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kanneen carraa kondominiyeemii dhiheenya baheen walqabatee shakkaman to'atamuun himame
Adeemsa carraa baasuu namoota mana jireenyaa waloo ykn kondominiyeemii Magaalaa Finfinnee keessatti argachuuf galmaa'aniif dhiheenya kana bahee tureen walqabate aanga'oonni bulchiinsa magaalattii to'annoo jala oolfamuun himame.
Jimaata Adooleessa 8, 2022 namoota haala sagantaa qusannaa 40/80 jedhamutiin galmaa'aniif manneen jireenyaa waloo 25,491 abbootii carraatiif akka qaqqabuu carraan fuudhamuun ni yaadatama.
Adeemsa kana hordofuunis, qaamooleen garaa garaa adeemsa carraa fudhuufi namoota carricha keessatti hammataman irratti gaaffiiwwan kaasaa turan. Haaluma kanaanis bulchiinsa magaalichaas qorannoo gaggeesseera jedheetiin rakkoolee akka turan mirkanneesseera.
Maddeen bulchiinsa magaalattii keessa BBCtti akka himanitti, dhimma kanaan wal qabatee yoo xinnaate itti gaafatamtoonni lama poolisiin to'annoo jala oolfamaniiru.
Bulchiinsi magaalattiis ibsa guyyaa Wiixataa baase irratti, sirna adeemsa carraa buusuu manneen dabarsuu gaggeeffameen booda eeruuwwan garaa garaa dhiyaachuu kaaseera.
Kana hordofee odeeffannoowwan adeemsa carraa baasuu keessatti hammataman wayita qulqulleessu, ‘’ragaa (daataa) baankiif ergamee fi adeemsa carraa baasuuf akka ooluuf kompiyuutara irratti fe’ame gidduutti adda addummaan uumameera,’’ jechuun rakkoo mudate ibseera.
Dabalataan adeemsa carraa baasuu Jimaata darbe gaggeeffamee keesatti hojii qulqulleessuu hojjateen ‘’namoota hin qusanneef carraa kennuu dabalatee hojiiwwan amanamummaan itti hanqatan hedduun hojjetamaniiru,’’ jedheera.
Bulchiinsi magaalaa kun hojiiwwan hanqinni amanummaa keessatti mudatee fi akkasumas hanqinni hagamii akka mudate bal’inaan hin ibsine.
Sababa kanaaf hanqinoota amanamummaa mudatan kunneen jaarmiyaalee dhimmi ilaallatu irratti dabalataan qaamoleen walabaa gidduu seenuun hojii qulqulleessuu keessatti hirmaataa jiru jedheera bulchinsi magaalaa kun ibsa baase keessatti.
Hoji-maata badaa fi walxaxaa mudateen walqabatee ‘’ogeeyyii fi aanga’oonni mootummaa shakkaman to’atamanii qorannoon irratti gaggeeffamaa jira,’’ jedheera bulchiinsi magaalaa kun.
Dhimmoota qorannoon irratti gaggeeffames ta’e hooggantoota seeraan to’ataman jedhaman irratti BBCn odeeffannoo dabalataa argachuuf qaamolee bulchiinsaa dhimmi kun ilaallatuuf irra deddeebiin bilbilus deebii hin arganne.
Jiraattota magaalattiif carraa mana jireenyaa mijeessuun gatii kiraa manaa akkaan dabale akka dandamatan gochuu kaayyeffatee ALI bara 1997 kan eegale sagantaan manneen jireenyaa waliinii- kondomiiniyemii, lammiileef jireenya salphisa jedhamee abdatamee ture.
Sagantaan carraa kondominiiyemii kan lammiileen dhibbeentaa 20 qusachuun dhibbeentaa 80 booda kaffalan fi dhibbeentaa 40 qusachuun dhibbeentaa 60 booda kaffalan, ijaarsi pirojektii isaa akka karooraatti deemaa hin turre.
Kanneen waggoota hedduuf qusatan hanga yoonaa akka carraa hin argannee fi maallaqi kuufame herrigi isaa kan hin buune ta'uu akkasumas qabiyyeewwan seeraan alaa hedduun madda rakkoo ta'aa turnaiiru.
Amajjii darbe magaalaa Finfinneetti manneen kondomiiniyeemii 21,695 karaa seeraan alaa qabaman argamuu isaanii kantiibaan magaalattii Aadde Adaanech Abeebee himanii turan.