Raashiyaan hidha bishaan Yukireen rukkuttee diiguu hordofee namoonni sodaa lolaa mukaarra bulaa jiru

Hidhaan bishaani Yukireen haleellaa Raashiyaan irratti raawwate hordofee diigamuu isaatiin lolaan gandoota baayyeerra dhangala'ee namooni kuma hedduu qe'ee gadhiisanii baqachaa jiru.

Diigamuu hidhaa kanaan balaa lolaa dhufuu malu sodaachuudhaan namoonni laga kana gara gajjallaan jiraatan baqatanii bahaniiru.

Pirezidantiin Yukireen Voloodmiir Zeleniskiin akka jedhanitti, gandoonniifi safaroonni 80 ta'an lolaan luqimfamuu malu.

Hidhaan Noovaa Kakovaakaa jedhamu kan haleelame Raashiyaan ta'uun isaa ibsameera.

Raashiyaan garuu hidha kana akka hin haleelle dubbatti.

BBCn gama Raashiyaanis ta'e Yukireeniin wanta jedhame qulqulleeffachuu hin dandeenye.

Lagni Dinaapiroo jedhamu lolaa hamaa qaqqabsiisuu danda'a jedhamee sodatamaa jira.

Hidhaan kun naannawaa sanaaf faayidaa guddaa qaba ture. Qonnaan-bultootaaf madda bishaanii ta'uun dabalata madda ibsaas ture.

Bishaan gara kutaa Raashiyaatiin qabamte, Kireemiyaatti bishaan kan darbu karaa kanaanidha.

Bishaan kun erga dhangala'uu jalqabee hanga guyyoota afuriifi shaniitti itti fufuu akka danda'us eerameera.

Awurooppaa keessatti madda annisaa guddicha kan ta'e Humni Nuukilara Zapporiiziihaa bishaan kana fayyadamuun ture kan akka qabbanaa'u ta'u.

Ammaaf garuu Humna Nukilarichaarratti balaan uumama yaaddoon jedhu akka hin jirre dhaabbanni Humna Atoomii Addunyaa ibseera.

Magaalonni hedduun amumarraa lolaan liqimfamaa kan jiran yoo ta'u, jirattonni osoo konkolataafi baaburaan naannwaa gadhiisanii bahaa jiranii mul'ataniiru.

Balaa uumame kanaan namoonni kuma 40 ol buqqa'uu akka danda'an himamaa jira.

Hangi bishaan dhangala'uu dabalaa dhufuu isaatiinis bakkawwan abuudaarra miidhaa geessisuu mala sodaan jedha dabaleera.

Namni Andirii jedhamu hidhaa kanatti dhiyoo jiraatu "Raashiyaan Yukreen akka liqimfamtu barbaaddeetti" jedhe.

Keerson kan jiraattu Lodiimiyaan ammoo "Lolaan akka nu fudhataa laata jechuun sodaatti jirra," jette.

"Warri Raashiyaa as keessaa bahuu qabu. Nutti dhukaasaa jiru. amma ammoo bishaaniin akka liqimfamnu gochaa jiru," jechuun itti fuftee ibsiti.

Namni biraa jiraataan Sherlii ta'e ammoo, "waan hunda dhabna. Wanti lubbuu qabu martinuu ni bada," jedhe.

Kantiibaan naannoo sanaa Raashiyaatiin aangoon kennameef Vilaadmiir Leentevii magaalichi bishaan kan irra jigeefi namoonni 900 akka bahan taasifamuu dubbate.

Bishaan kun hanga meetira 11 ol baheera.

Bakki bineensota tursiisan Kaazikov Diiviroov, bishaan lolaan guutamee beeyladoonni 300 du'aniiru.

Hidhi kun sababa maaliin akka diigame ifa ta'uu baatus Yukreen garuu, Raashiyaa himatteetti.

Hidha kana gargaaramuun loltoonni Yukireen gara bakkawwan Raashiyaan qabamanii jiranitti deemuu danda'u yaaddoo jedhuun Raashiyaan hidha kana haleeluu dandeessi shakkiin jedhu bal'aadha.

Raashiyaan gamasheetiin tarkaanfii Yukireen deebistee haleelaa jirtu milkaa'aa akka hin taane dhokfachuudhaaf hidha kana diiguu dandeessi jechuun himatteetti.

Pirezidant Zeleniskiin miidhaan hidha kanarra gahe Yukireeniin akka hin dhaabsisne ibsuun, "ammallee biyya keenya bilisa ni baafna," jedhe.

Itti-gaafatamaan NATO Jeens Istooltibarg ammoo haleellaan hidha kanarratti raawwatme, "agarsiisftuu gara jabina" Raashiyaan Yukireen irratti agarsiiftedha jedhe.