Abbaa alangaa qaroo-dhabeessi hidhattootaan butamee ture gadhiifame

Abbaa Alangaa Obbo Shibbiruu Guutaa Magarsaa

Madda suuraa, Mana hojii Abbaa Alangaa Godina shawaa Lixaa

Abbaa Alangaa qaro-dhabeessi guyyoota dura Godina Shawaa Kibba Lixaarraa gara Shawaa Lixaa osoo imaluu hidhattootaan butamee ture gadhiifame.

Waajirri Abbaa Alangaa Godina Shawaa Lixaa ibsa Mudde 12, 2025 baaseen Obbo Shibbiruu Guutaa gadhiifamuu mirkanesseera.

Ibsichi guyyaa kaleessaa (Kamisa) tilmaamaan naannoo sa'aa 8 Godina Kibba Lixa Shawaa, aanaa Walisoo, ganda Adaamii Guutuu jedhamu keessatti daandii aspaaltii gubbaattii dhiisanii deemaniiru'' jedha.

Ammaan tanas bufata fayyaa dhiyeenyatti argamutti hordoffiin fayyaa godhamaafii akka jiru ibsameera.

Obbo Shibbiruun Wiixata darbe waree boda ture hidhattoota boson keessa socho'an ittiin jedheen imalarra osoo jiruu butamuu waajirri Abaa Alangaa Godina Shawaa Lixaa ibsee ture.

Abbaan Alangaa qaroo-dhabeessa ta'e Obbo Shibbiruu Guutaa hidhattootaan butamuu waldaan mirga abbootii alangaaf dhaabatu beeksise KRoobii darbe ibsee ture.

Godina Shawaa Lixaatti Abbaa Alangaa Aanaa Ejersa Lafoo kan ta'e Obbo Shibbiruu Guutaa Magarsaa A L I gaafa 29/03/2018, Wiixata waaree booda ''qaama hidhatee bosona jiruun'' butamee fudhatamuusaa Waldaan Abbootii Alangaa Oromiyaa beeksiseera.

Waldichi odeeffannoofi ragaa na qaqqabe itti dhiheenyaan hordofuun qulqulleeffadheera jedhee ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akka fuula miidiyaa hawaasaa Waldichaarratti eerametti, Obbo Shibbiruun harmeesaa Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Bachoo Magaalaa Tullu Boolloo jiraatan dubbisee konkolaataadhaan Magaalaa Tullu Boolloorraa gara Aanaa Dandii Magaalaa Giincii bakka hojii isaatti deebi'uuf osoo deemaa jiruu butame.

Wayita harka hidhattootaa turetti miidhaan irra gahe jiraachuufi dhiisuu ilaalchisee ammatti wanti ibsame hin jiru.

Hooggansi waldichaa maqaan akka hin ibsamne gaafachuun yaada gabaabaa BBCf kennan tokko ta'iin kun raawwatamuu mirkaneessaniiru.

Obbo Shibbiruu Guutaa Abbaa Alangaa qaroo dhabeessa ''Onkoloolessa bara 2016 irraa eegalee sirna haqaatti makamee haqummaa, naamusaa fi kabaja ol'aanaan hawaasasaa tajaajilaa kan jiruu fi hojii idileesaa seeraa fi seera qofarratti hundaa'uun hojjachaa kan jirudha'' jedha Waldichi ibsa baseen.

"Abbaan Alangaa bilisummaa ogummaatiin uummata kan tajaajilu waan ta'eef, dabalataanis Abbaan Alangaa kun qaroo dhabeessa akkaataa seera biyyattii fi seera idil-addunyaatiin eegumsiifi deeggarsi addaa taasifamuufii qabu ta'ee osoo jiruu butamee fudhatamuun isaa fudhatama seeraa fi duudhaa ummataa hin qabu."

Torbanoota muraasa duras abbootiin alangaa afur hidhattootaan butamuufi tokko ajjeefamuu gabaasnee ture.

Waldichi keessuma Konveenshiniin Dhaabbata [Biyyoota] Gamtoomanii waa'ee Mirgoota Namoota Qaama Miidhamtootaa Eeguuf bahe, addatti keewwata 11 jalatti, haala balaa, waraanaa fi rakkisaa keessatti yoo ta'ees, qaamoleen hundi nageenyaa fi eegumsa qaama miidhamtootaaf taasisuu akka qaban akka dirqisiisu eeruun, qaamni Abbaa Alangaa kana seeraan ala butee fudhate akka gadi lakkisu waamicha dhiyeesseera.

Manni Hojii Abbaa Alangaa Godina Shawaa Lixaas fuula Facebook isaarratti akka baasetti, Obbo Shibbiruun maatii isaanii dubbisanii Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Bachoo Magaalaa Tulluu Boolloo irraa gara bakka hojii isaaniitti deebi'uudhaaf konkolaataadhaan gara kallattii Godina Shawaa Lixaa Aanaa Dandii Magaalaa Giinciitti imalaa osoo jiranii gidduu sanatti A L I gaafa guyyaa 29/03/2018 qaama hidhatee bosona jiruun kan butamanii fudhataman ta'uu odeeffannoo argateera.

"Erga butamanii booda Abbaan Alangaa kun eessa akka geeffamee fi haala maalii keessa akka jiru hin beekamu waan ta'eef haalli nageenya isaa yaaddoo guddaa uumee jira," jedha.

Abbootiin alangaa hidhattootaan butamuun kun kan jalqabaa miti.

Abbootiin alangaa Oromiyaa afur torban lama dura osoo Jimmarraa gara Naqamteetti deemaa jiranii hidhattootaan butamanii ture. Isaan keessaas tokko ajjeefamee, kan biraa tokko madaa'ee yaalamaa jiraachuu, warri kaan lama ammoo Mudde 6, 2025 nagana gadhiifamuu BBCn gabaasee ture.

Abbootii Alangaa kunneen gaafa A L I 17/03/2018 magaalaa Jimmaa irraa ka'uun gara magaalaa Naqamteetti osoo imalaa jiranii aanaa Jimmaa Arjoo keessatti butaman.

Namoota gadhiifamuun gara maatii isaaniitti imalaa turan keessaa abbaa ijoollee sadii kan ta'an Obbo Alamaayyoo Massalaa BBC'n dubbisee ture.

Obbo Alamaayyoon, "kan butamne qaama hin beekamneen osoo hin taane Waraana Bilisummaa Oromootiini. Jimma irraa kaanee Beddellee keessa baanee yoo Jimmaa Arjoo naannoo Dhidheessaa geenyu to'atamne,'' jedhan.

Qaamni hidhatee bosona jiru ykn Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO)n abbootii alangaa butuun himatame, hanga ammaatti dhimma kanarratti waan jedheeru hin qabu.