Landan Kaabaatti gungummiin dabale: Arsenaal taphataa goolii galchu barbaaduu qabaa?

Taphattoota Arsenaal

Madda suuraa, Getty Images

Arsenaal Mudde 14 dirreesaa Emireetis irratti Everten waliin taphatee walqixaan xumure, isayyu goolii osoo hin lakkoofsisiin.

Ze Gaaners akkuma kana tapha Piriimer Liigii torban 15ffaa Fuulhaam waliin taphate walqixaan xumuruun ni yaadatama.

Kun ammoo kilabni kun suutuma suuta dorgommii waancaa Piriimer Liigii keessaa fagaachaa deemaa akka jiru agarsiisa.

Tapha Everten waliin taphate goolii osoo hin galchiin haferratti deeggartoonni gungumaniiru.

Deeggartoonni Arsenaal kilabichi dirreessaarratti qabxii gatuun carraan dorgommii waancaa Piriimer Liigii keessa turuu akka harkaa ba'aa jiru waan hubatan fakkaatu.

Waancaan Liigichaa wagga 20 olii booda gara Landan Kaabaa akka dhufu kan barbaadamu yoo ta'e, Arsenaal akka kanatti qabxii gatuu hin qabu kanneen jedhan baayyeedha.

Arsenaal waggoota lamaan darban keessa Maanchester Siitiin waliin kokkee walqabuun osoo waancaa hin argatiin lamaffaa ta'uun xumurellee, sadarkaa bara kanaatiin garuu hanga ammaa Liiverpuuliin qaqqabuu hin dandeenye.

Liiverpuul ammallee fageenyaan Liigicha dursaatuma jira. Tapha Mudde 14, 2024 dirree ofiisaarratti Fuulhaam simatee taasiseen 2-2n walqixaan xumureera. Liiverpuul taphataan sarara gama bitaa Roobartisaan daqiiqaa 17ffaa irratti kaardii diimaan jalaa ba'us itti lakkoofsa taphattootaan caalamaallee itti muddee taphachuun xumure.

Kana jechuun Liiverpuul miiraafi hamilee guutuu dorgomaa waancaatiin taphata.

Arsenaal kubbaa to'achuutiin (%76) qabaatus, Everten irratti garuu goolii lakkoofsisuu hin dandeenye. Kubbaa 13 karra Evertenitti yaalame keessaa goolii kan ta'e hin jiru.

Sarara ittisaa Everten cabsanii seenuun gaara itti ta'eera. Karra Everten kan eegu Piikfoord akkuma kana kubbaa sarara ittisaa bira darbes ga'umsa addaatiin qolataa ooleera.

"Tapha kana mo'achuu dhabuu keenyaaf baayyee aareen jira," jechuun dorgommichaan booda yaada isaa kenneera leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaa.

"Gama hundaan ol aantummaa qabannee turre. Carraawwanis uumnee turre. Haata'u malee, lakkoofsisuu hin dandeenye. Taphattoota kiyya kanan isaan gaafachu goolii akka lakkoofsisan qofaadha," jedheera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Liigicha keessatti sadarkaa sadaffaarratti kan argamu Arsenaal, taphoota 16 taphateen qabxii 30 walitti qabateera. Walumaagalatti taphoota Liigicha keessatti bara kana taphate keessaa walakkaa isaatiin mo'achuu hin dandeenye.

Kun ammoo baroota dorgommii lamaan darban agarsiisaa ture waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu gahumsa dadhabaa ta'edha.

Bara darbe yerooma kanatti qabxii 36 qabatee sadarkaa lamaffaarra jira ture. Bara dorgommii waggaa lama duraan ammoo qabxii 40 qabatee Liigicha dursaa akka ture ni yaadatama.

Ze gaaners taphoota 16 bara kana taphatan keessaa lama mo'amanii, ja'a ammoo wal qixa bahan. Kun ammoo gatii guddaa isaan baasisaa waan jiru fakkaata.

Kaniifidha egaa deeggartoonni Emireetis ykn Landan Kaabaa kan gungumuu itti fuan.

Arsenaal torban lamaan darban dirreesaarratti dabalatee walitti aansuun walqixa bahuun isaa gungummiin dhaga'amaajiru akka dabalu godheera.

Erga Amajji bara 2023 as dirreesaarratti osoo goolii hin lakkoofsisiin baheera.

Tarii Arsenaal jifataa kubbaa fiixaan baasu isa barbaachisaa laata?

Kilabiin Landan Kaabaa, Arsenaal bara dorgommii kana keessa gooliiwwan 29 lakkoofsiseera. Bara darbe yeroo wal fakkaataatti goolii 11 kana caalaalakkoofsisee ture.

Gooliiwwan 29 keessaa lama goolii peenaaliitiirraa argamtedha. ISaan keessaa 9 ammoo goolii kubbaa dhaabbatee dhiitamurraati. Keessumaa ammoo kubbaa goleerraa (koornaarraa)dhiitamurraa baayyee akka lakkoofsisan lakkoofsi ni mul'isa.

Lkoofsi kunneen ammoo Arsenaaliif jifataan kubbaa bakkaan gahu (lakkoofsisu) akka isa barbaachisu agarsiisu.

Arsenaal jijjiirraa taphattootaa Amajjii dhufu kanatti taphataa jifatu (goolii lakkoofsisu) mallatteessifatuu laata?

Taphataan Niiwukasil Aleksaader Isaaq fi taphataan Juuventuus Dusaan Vilaahooviich taphattoota maqaansaanii Arsenaal waliin ka'aa jiranidha.

Taphataan sarara ittisaa duraanii Arsenaal Maartiin Keewun Arsenaal jifataa "eessaayyu ka'ee goolii lakkoofsisuu danda'u" isaan barbaachisa jechuun falma.

Bara dorgommii darberraa kaasee Bukaayoo Saakaa fi Kaay Haaveertis goolii Arsenaal lakkoofsise keessaa walakkaa isaa maqaa isaaniitiin galmeessisiifataniiru.

Haata'u malee, tapha Sambataa irratti Kaay Haavertis kubbaa inni itti hin fayyadamiin hafe taphataan lammii Jarmanii kun jifataa bilchaataa akka hin taane agarsiiftuudha.

Taphoota Sambata Mudde 14, 2024 galgala gaggeeffamee biroon Liiverpuul walqixa yoo bahu, Niiwukasil Leesteriin 4-0n mo'ateera, Ipsiwiich ammoo Woolvisiin 2-1, Nootingihaam Aston Viilaatiin 2-1n mo'ateera.