Kooriyaan Kaabaa diroonii bishaan jalaa niwukilaraa gadhiisuu danda'u furguggisuu himte

Madda suuraa, EPA
Kooriyaan Kaabaa diroonii bishaan jala deemuufi badii guddaa geessisuu malu yaaluu ishee beeksiste.
''Meeshaan iccitii'' kuni qarqara bulchiinsa Hamgiyoongitti bishaan jala gadhiifamuu miidiyaan mootummaa biyyattii KCNA gabaaseera.
Akka gabaasichaatti meeshaan waraanaa kuni sa'aatii 59 bishaan keessa 80m - 150m gad fagaatee imalaa erga tureen booda gama bahaa dhoheera.
Xiinxaltoonni garuu dandeettii meeshaa waraanaa Kooriyaan himaa jirtu kanarraa shakkii qabu.
Biyyoota gama Kooriyaatti muddamni akkuma cimeetti jira.
Ameerikaafi Kooriyaan Kibbaa waggoota shan keessa shaakala meeshaa waraanaa waloo guddicha jedhame dhihoo xumuran.
Pirezidantiin Kooriyaa Kibbaa Yoon Suk-ye'ool ''dubbii Kooriyaan Kaabaa barbaadaa jirtuf gatii ishee argatti,'' jechuun gaafa Jimaataa akeekkachiisan.
Kooriyaan meeshaa kana ''Haeil'' jettiin. Afaan Kooriyaan sunaamii jechuunis bubbee hamaa akka jechuuti.
Akka miidiyaan biyyattii gabaasetti, meeshaan waraanaa kuni dooniifi buufata doonii diinaa 'raadiyoo aktivii guddaa' gadhiisuun haleela.
Hoogganaan Kooriyaa Kaabaa Kim Jong Un yeroo yaaliin taasifamu qaamaan argamaniiru.
Ameerikaa fi Kooriyaan Kibbaa ''humna waraana niwukilaraa ofirraa dhorku'' biyyattiin ''saffisaan cimaa jiru'' akka akeekkachiisaatti akka hubatan Kim Jonh Un dubbachuu AFP gabaaseera.
Meeshaan waraanaa tibbanaa Kooriyaan Kaabaa ifa goote meeshaa Raashiyaa 'Poseidon torpedoes' jedhamu kan faana bu'e hordofe fakkaata.
Meeshaan Raashiyaa humna magaalota qarqara galaanaa US balleessuu danda'udha jedhama.
Meeshaan waraanaa kuni waan kana dura hin turreefi Kooriyaan Kibbaas ta'e US dursanii bira gahuu danda'an miti jedhu dhaabbata Korea Institute for National Unification'tti qorataa kan ta'an Hong Min.

Madda suuraa, Reuters
Yunivarsiitii Ewha magaalaa Se'ul argamutti pirofeesara kan ta'an Leif-Eric Easley immoo meeshaa Kooriyaan Kaabaa teellana ifa goote ija shakkiin warra ilaalan keessaati.
Kamisa darbe Kooriyaan Kaabaa hoogganoonni Jappaaniifi Kooriyaa Kibbaa mariif wal arguun dura misaayilii ardiiwwan qaxxaamuru furguggisteetti
Bara 2022 keessa Kooriyaan Kaabaa misaayilii 90 ol furguggiste. Waggaa tokko keessa hammana furguggistee hin beektu.
Biyyattiin UN, US, Gamtaa Awurooppaafi biyyoonni ollaa ishee qoqqobanis misaayila furguggisuu hin dhiifne.
Keessumaa bulchiinsa Kim Jong Un jalatti imaammata niwukilaraa isheen ofitti amanamummaa guddaa horatteetti.












