Karoora haaraa Pirezidant Kiim Jong Un biyyoota lixaa yaaddesse

Hogganaa Kooriyaa Kaabaafi intalasaa

Madda suuraa, KCNA

Yeroo addunyaan bara haaraa simatte kanatti dureen Kooriyaa Kaabaa Kiim Jong Un ammoo haleellaa misaa’eela shaakaluuf asiifi achi jechaa turan.

Simannaa bara haaraatiif biyyoonni lixaa yoo richitii hawwatoo samiitti dhukaasan mul’atan.

Kiim garuu barri haaraan eegaluuf daqiiqawwan muraasni yoo hafan irraa qabee sochii miisaa’eela shaakalaa turan.

Barri 2022 dhugaatti Kooriyaa Kaabaatiif bara milkaa’inaa ture.

Tokkoffaa biyyattiin bara kamuu caalaa waggaa tokko darbe kana keessatti misaa’eelota hedduu dhukaafte.

Lammaffaa ammo, biyyattiin meeshaa waraanaa niwkilaraa qabaachuu ishee bara ifatti mirkanneessiteedha.

Kana ta’usaattis naannawa galoo galaanaa Kooriyaatti kan bara 2017 yeroo Donaald Tiraampiin wal dhabanii turanii asiitii muddamni umameera.

Bara 2023 kanatti Kiim maal yaadaniiru laata? Biyyootni Lixaa maaliif yaadda'an?

Gabbisa meeshaalee waraanaa nikularaa

Kooriyaan Kaabaa bara 2022'tti bara itti gabbisa meeshaalee waraanaatiin itti caalte ta’u kaafneerra.

Baricha kan eegaltes miisaa’eel fageenya gabaabaa Kooriyaa Kibbaa haleeluu danda’u yaaluun ture.

Ittaansee ammoo misaa’eela fageenya jiddugalaa Jaappaan haleeluu danda’u oomishite.

Dhuma barichaarratti ammoo misaa’eela seenaa biyyattii keessa hin turreefi kan dheerina ardiiwwan qaxxaamuruu danda’u omishite.

Misaa’elli Hwasong 17 jedhamu kunis yaadni rimeensaa furgugifamuun Ameerikaa keessatti iddoo irratti xiyyeefate barbadeessuudha.

Kiim erga Fulbaana darbe biyyisaanii haala duubatti hin deebifamneen meeshaa waraanaa nikularaa hidhachuu ifatti ibsanii boodas meeshaan isaan gabbisan kun kana booda haleellaa qolachuu qofaaf kan ooluu akka hin taane dubbatanii ture.

Lammiileen biyyaa bara haaraa osoo simatanu

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haala gara biraatiin ammo ittisa irraa gara haleellaa raawwachuutti darbu isaanii himan. Kiim dhuma bara 2022 irratti hoggantoota Paartii Hojjattootaa olaanoo ta’an walitti qabanii ture.

Kanaanis bara 2023'tti maal haa raawwannu jechuun mariisiisanii jiru. Karooras baafatan.

Haala karoora kanaatiinis, kaayyoo muummee jedhamuun kan kaa’ame, meeshaalee nikulaaraa hedduu oomishuudha.

Kiim meeshaalee niikularaa xixiqqaa taakitikaa (tarsimaawaa) jedhan gabbisuu kan barbaadaniifi, waraanaa biyya ollaasaanii Kooriyaa Kibbaa waliin gaggeessuuf ‘hin ollee’ ta’eef barbaachisaa ta’e waan itti mul’ateefidha.

Akka ogeessa meeshaalee waraanaa nikularaa dhaabbata Carnegie Endowment for International Peace irraa Ankit Pandaa jedhaniitti, kun jijjiirama baay'ee cimaadha.

Kooriyaan Kaabaa meeshaalee waraanaa nikularaa taaktikaa omishuuf jalqaba kan ittiin boombii nikulaaraa to’atamu oomishuu qabdi. Innis kan misaa’elootiin xixiqqaan itti fe’amaniidha.

Addunyaanis Kooriyaan Kaabaa kana gochuu dandeessu ta’u mirkanneessuuf jira.

Oggeessoonni hawaasa tikaatiis bara 2022 irra caalaa meeshaa sana yoo kan shaakaltuu akka ta’e eegaa ture. Garuu yaaliin isaa hin raawwatamne, tarii bara 2023 keessa ta’u mala.

Dhimmi biraa karoora bara haaraa Kiim keessaa tokko saatalaayitii basaasaa ergudha.

Ergamni saataalaayitii kanaa inni guddaan erga samiitti ergamte booda waan lafarra jiru basaasuudha.

Saataalaatii kana ragaa argachuuf barbaachisaafi murteessaa ta’e argadheera jette Kooriyaa Kaabaa.

Kanaafu bara 2023'ttis biyyattiin akkuma bara duraa meeshaa waraanaa oomishuun dabarsiti jedhame eegama.

Gabbisa meeshaalee waraanaa akka hin raawwanneef qoqophiin UN irra jiraatus biyyattiin kana kan yaadattu hin fakkaatu.

Misaa'eloota bara 2022tti dhokaafte keessaa tokko

Madda suuraa, KCNA

Kooriyaa Kaabaa waliin mariin ni jiraataa?

Hogganaan biyyoota lixaa Kiim waliin yeroo dhumaatiif haala waliigaltee garii irra waliin gahanii turan kan jedhaman Tiraamp turan.

Haata’u malee akka jalqabaniitti itti hin fufne. Kiim bara haaraatti Ameerikaa waliin mari’achuuf karoora hin qaban.

Mariin qaxanicha yaaddoo nikulaaraa irraa bilisa gochu bara 2019'tti eegalamee baruma sanatti erga dhaabbateen booda yaalii cimaan hin taasifamne.

Xinxaltoonnis Kiim eegaa kan jiran meeshaa waraanaa dandeettii marii isaa irratti humna dabaluuf danda’u hanga oomishanii xumuraniitti jedhu.

Kiim biyyisaanii biyyoota ollaa fi Ameerikaa irratti haleellaa cimaa raawwachuuf meeshaalee murteessoo ta’an omishuu tokkicha yoo mirkanneeffatan, gara mariitti deebi’u ni danda’u ta’a.

Bara darbe keessa Kooriyaa Kaabaa Chaayinaafi Raashiyaatti kan caalaa itti maxxante ture.

Kiim hawwiinsaanii milkaa’ee meeshaa waaraanaa cimaa omishanii xumuranii gara Raashiyaatti yoo maxxanan tarii hanga dhumaatti hiriirri siyaasa addunyaa jijiramu akka danda’u xinxaltoonni ni dubbatu.

Kiim bara darbee yaaliiwwan misaa’eloota furguggifamanii milkaa’eefiira.

Hogganaan Kooriyaa Kibbaa Kooriyaa Kaabaatiif fuula hin kennine

Qaxanichatti caalaa muddamni akka umamuu kan taasisee yaaliiwwan misaa’eelaa Kooriyaa Kaabaa qofaa miti. Pirezidantii haaraa Kooriyaa Kibbaa fi haalli hoggansa isaaniis kanaaf goomateera.

Pirezidantiin Kooriyaa Kibbaa biyya ollaasaanii Kooriyaa Kaabaatiif fuula kennuu hin barbaachisu jedhanii amanu.

Pirezidanti Yuun Suuk Yawool Kooriyaan Kaabaa yoo dubbii harbeessitu walumaan dubbi cimsutuu baasa jedhanii amanu.

Kanaafuu Kooriyaan Kaabaa yaaliiwwan milkaa’aniifi hin milkoofne wayita raawwaatuutti deebiin kennamuuf qaba jedhan.

Kanaafiidha walitti fufiinsaan Ameerikaa waliin shaakala waraanaa waloo gochuudhaan Kiimin caalaa akka aaran kan taasisan.

Torban darbees kanumatu ta'e. Kooriyaan Kaabaa haala hin eegamneen dirooniiwwan shan gara naannoo qilleensa Kooriyaa Kibbaatti ergite jirti.

Kooriyaan Kibbaa rukkuttee kuffisuu hin dandeenye. Kunis haala qaawwa qophii Kooriyaa Kibbaa saaxileera.

Pirezidaantichi kun akka irra hin deebineef akeekkachiisaniiru. Kanaan booda dubbii barbaacha Kooriyaa Kaabaatiif osoo deebii hin kennin hirribni akka hinqabnes waadaa seenan.

Dhimmi kun dhugaa yoo ta’e bara 2023'tti biyyoonni lamaan muddama cimaa keessa galu danda’u jedhamee sodaatameera.

Kiim Joongi Un intalasaanii waliin

Madda suuraa, KCNA

Ibsa waa'ee suuraa, Kiim Joongi Un intalasaanii waliin

Kooriyaan Kaabaa daangaashee bantee jirti?

Gaaffiin biraa Kooriyaa Kaabaa daangaa ishee biyyoota addunyaatiif ni saaqxi laata? kan jedhuudha.

Hir’ina nyaataa Kooriyaa Kaabaatti jira. Kunis kan Kiim mataan isaanii yeroo jalqabaatiif amananiidha. Lammiileen sodaa keessa jiraatu. Covid-19 biyya keenya hin seennee osoo jedhanu, booda Kiim ofiinuu dhabamsiifneera jedhan.

Ta’us daangaan biyyattii cufaadha. Vaayirasichi akka hin seenneef of eeggannoo olaanaatu taasifama.

Haalli kun garuu hanga yoomiitti itti fufuu danda’a jechuun gaafatu xinxaltoonni siyaasaa tokko tokko.

Daangaan yoo saaqamee malee diinagdeen biyyattii kufuu danda’a. Biyyi michuu daldalaa isaanii Chaayinaan ammoo ammas vaayirasichaan rakkataa jirti.

Kanaafiidha Kooriyaa Kaabaatti barri haaraan rakkoo ta’u kan itti danda’u. Gaaffiin gara biraa ammoo Kiim osoo wanti tokko mudate biyyasaanii eenyutu hoggana? kan jedhudha.

Kiim jalqaba baatii Sadaasaa irratti intalasaanii dubaraa waliin mul’achuu isaanii hordofes lammileen biyyattii ajaa'iba jechaa turan.

Gochaan hogganaa Kooriyaa Kaabaa gonkumaa hin baramne kunis tibbanas yeroo lammaaffaaf irra deebi’ameera.

Tarii Kiim osoo du’aan boqatanii kan bakka buutu intalasaanii ta’u hin ooltu jedhamaa jira.