Dirooniin Kooriyaa Kaabaa magaalaa guddoo Kooriyaa Kibbaatti dhiyaatte

Dirooniin Kooriyaa Kaabaa kana dura daangaa Kooriyaa seene

Madda suuraa, Getty Images

Qondaaltonni waraanaa Kooriyaa Kibbaa akka himanitti, Kooriyaan Kaabaa dirooniiwwan shan daangaa biyyoota lamaaniirratti bobbaaste.

Xiyyaaronni nam-maleessa rimootiin fagoodhaa to’ataman kunneen daangaa Kooriyaa Kibbaa cabsanii seenuu isaanii hoggaanaan waraana Kooriyaa Kibbaa himaniiru.

Dirooniin tokko sirumayyuu fiixe magaalaa guddoo Kooriyaa Kibbaa Se'ul dhiyaatte booda gara daangaa biyyoota lamaanitti deebite.

Kooriyaan Kibbaa jeettiiwwaniifi helikoptaroota dirooniiwwaan kana haleelan kan bobbaaste yoo ta’u, helikooptaronni si’a 100’n lakkaa’amu dirooniwwaan kanatti dhukaasanii kuffisuu dadhaban.

Qondaalli Kooriyaa Kibbaa akka himanitti, dirooniwwaan kana hunda isaanii jalqaba arguu hin dandeenye ture, amma garuu balaliirra hin jiran.

Biyyoota lamaan gidduutti muddamni wayita hammaate kanatti Kooriyaan Kaabaa barana miisaayiloota hedduu shaakalaa turte.

Xiyyaarota Kooriyaa Kibbaa oppireshinii waraanaa kanarratti akka hirmaatan bobbaaste keessaa tokko kuftee caccabdeetti.

Balaliistonni xiyyaarichaa lama garuu du’arraa hafan.

Xiyyaarichi kaampii ykn maadhee waraanaa Wonjuu jedhamurraa erga balalii eegalee otoo xiqqoo hin turiin Baha magaalaa Se’oolitti kufee caccabe.

Kooriyaan Kibbaa xiyyaaaronni buufataalee xiyyaarotaa Gimpo fi Inchiyoon jedhaman irra s’aatii tokkoof akka hin kaane fi hin qubanne uggurteetti.

Qondaalli waraanaa Kooriyaa Kibbaa xiyyaaronni Kooriyaa Kaabaa kun daangaa qaxxaamuranii seenuun kun gocha dubbii barbaachaati jedhan.

Qondaallii kun waraanni keenya kutannoon gocha dubbi barbaachaa kanaaf deebii barbaachisaa Kooriyaa Kaabaatiif kennuu itti fufa jedhan.

Dirooniiwwan Kooriyaa Kaabaa si’a xumuraaf daangaa Kooriyaa Kibbaa cabsanii kan seenan waggaa shanan kana bara 2017tti ture.

Dirooniiwwan Kooriyaa Kaabaa basaasummaafi haleellaa raawwachuuf kan oolan yoo ta’u, nageenya biyyattiirratti yaaddoo uumaniiru.

Ogeeyyiin akka jedhanitti, Kooriyaan Kibbaa dandeettii gama meeshaalee waraanaatiin qabdu fooyyeeffachuurra jirti.