US yaaddoo Kooriyaa Kaabaarraa dhufu qolachuuf damee 'humna ittisaa hawaa' See'ulitti bante

Madda suuraa, EPA
US biiroo Humna Waraanaa Hawaarraa damee biyya alaa yeroo jalqabaaf Kooriyaa Kibbaatti bante.
Kaayyoon damee waraanaa kanaa Kooriyaa Kibbaatti jalqabuu US yaaddoo nageenyaa biyyoota akka Kooriyaa Kaabaa, Raashiyaa fi Chaayinaa irraa dhufu to'achuufi jedhame.
US bara 2019 Humna Ittisaa Hawaa (US Space Force) erga hundeessitee booda damee biyya alaa Kooriyaa Kibbaatti banuun ishee kun kan jalqabaati.
Dameen Humna Ittisaa Hawaa kun Kooriyaa Kibbaa magaale See'ul irraa fageenya 65 km irratti kan argamu buufata humna qilleensaa Osan jedhamutti.
Sagantaa baniinsaa kan irratti gaggeessan damee Humna Ittisaa Hawaa haaraa banamee kan ta'an Lt. Koloneel Joshuwaa Makkuliyoon akka jedhanitti, "yaaddoo nageenyaa cimaa" kan taate Kooriyaa Kaabaa irratti akka xiyyeeffatan dubatan.
"Kuni yaaddoo ofirraa qolachuuf of qopheessuu qabnuudha, barbaachisaa taanan mo'achuudhaaf," jechuun dubbatan.
Humni Ittisaa US- damee waraana US bifa haaraan waggaa sadi dura gurmaa'e yoo ta'u saatalaayitiiwwan fi qabeenya biroo US hawaa keessaa qabdu ittisuuf kan kaayyefateedha.
Garuu Kooriyaa Kibbaa maalif filatte?
Murteen kun sababoota lama irraa kan maddu akka ta'u himu xinxaaltonni: inni jalqabaa Kooriyaan kaabaa bara 2022 keessa bifa kana dura hin baramneen misaa'eloota heddu dhukaasun ishee yaaddoo uumuu isaati.
Lammaffaan waraanni US fi Kooriyaa Kibbaa wal-ta'iinsa cimaa waggoota 44 lakkoofsise qabaachuu isaati.
"US dhimma waraanaan wal-qabatu tokko Kooriyaa Kibbaatti hundeessu ni salphataaf. Sababni isaa duraanuu wal-ta'iinsa akkasii qabu waan ta'eef," jedhu Dhaabbata Biruukiliinitti ogeessa dhimma Kooriyaa kan ta'an Andiriwu Yeo.
Humni Ittisaa Hawaa kun sochii misaa'eloota to'achuu fi sochii waraanaa naannichatti taasifamu hordofuuf itti fayyadamu.
Bara 2019 yeroo Humni Ittisaa Hawaa yeroo hundeeffamu Donaald Tiramp "damee waraanaa haraa" jechuun ibsanii turan.
"Humni Ittisaa Hawaa haleella kamiyyuu qolachuuf akkasumas hundumaa caalanii argamuuf nu gargaara," jedhan Tiraamp yeroo sana.
Biyyoonni biroo kanneen akka UK, Faransaayi fi Awustiraaliyaa damee waraanaa Humna Ittisa Hawaa kan ofii isaanii hundeessaniiru.
Humni qilleensaa Kooriyaa Kibbaas Humna Ittisa Hawaa kan mataa isaa akka hundeesse ji'a kana beeksisee ture.
Dameen Humna Ittisa Hawaa Kooriyaa Kibbaatti jalqabame kun yaaddoo nageenyaa Kooriyaa Kaabaa irraa dhufu qofa osoo hin taane yaaddowwan farra saatalaayitii Chaayinaa fi Raaashiyaan omishan irraa dhufuu malus to'achuuf kan gargaarudha jedhame.
Gama biraan Chaayinaan misaa'ela waraanaa hayipparsonikii jedhamuu fi saffisa sagalee harka shan caalu omishuu danda'uun ishee US fi Chaayinaa wal-morkii meeshaa waraanaa ammayyaa hidhachuu keessa isaan galcheera.












