Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
MM Itoophiyaa Abiy Ahimed qondaalota Ameerikaa waliin dhimma naannichaarratti mari'atan
Anga'oota ministeera hajaa alaa dabalatee, jilli qondaalota Ameerikaa garagaraa of keessaa qabu, Finfinneetti MM Abiy waliin mari'atan.
MM Abiy Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa US, Ambaasadar Maayik Haamer fi US Isteet Dippaartimenti irraa ammoo Moolii Fee waliin dhimmoota naannoo [qaxanaa] adda addaa irratti mari'achuu fuula X [Tiwiterii] irratti barreessan.
Jilli kun dhimmoota akkamii irratti akka bal'inaan mari'atan ibsi bal'aan kenname hin jiru.
Garuu dhimmi waliigaltee hulaa Galaanaa Itoophiyaan Somaaliilaandi waliin mallatteesite naannichatti muddama uumeera.
Ameerikaanis Gaanfa Afrikaatti jeequmsa biraa kaasa yaaddoo jedhu qabdi.
Maayik Haamer ammoo Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa US tahuun kan hojjetaa jiran yoo tahu naannichatti nageenya fiduuf carraaqu.
Dabalataan akkuma marii nagaa mootummaa Itoophiyaa fi TPLF gidduutti milkeessan, WBO fi mootummaa Itoophiyaa gidduutti marii nagaa jalqabe milkeessuufis nama adda durummaan socho'aa jiranidha.
Ibsa torban darbe US Isteet Dippaartimenti baaseen xiyyeeffannoon jila kanaa Yaa'ii Gamtaa Afrikaa (AU) akka tahe kan ibsame ogguu tahu, turtiisaatiinis qondaalota mootummaa Itoophiyaa wajjin dhimmoota adda addaa irratti ni mari'ata jedhe.
Waggoota dabran keessa Finfinneetti deddeebi'aa ka turan ministeera dhimma alaatti qondaala dhimmoota Afrikaa kan tahan Moolii fi, akkasumas Gaanfa Afrikaatti ergamaan addaa Ameerikaa Ambaasaaddar Maayik Haamar jila kana dursuun Finfinnee galaniiru.
Kana dura Ibsa waajirri dhimmoota alaa Ameerikaa baaseen, Aaddee Moolii Fii turtii isaanii Finfinnee kanaan, anga'oota Itoophiyaa waliin dhimmoota waloo fi naannichaa kaasuun ni mari'atu jedheera.
Jilli qondaalota Ameerikaa olaanoo Wiixata Guraandhala 12 Finfinnee galuun guyyoota jahaaf turu kun, bakka bu'oota ministeera dhimma alaa, fayyaa fi dhaabbata qarqaarsaa biyyattii kan of keessatti hammatedha.
Jilli kun Yaa'ii Gamtaa Afriikaa (AU) torban kana Finfinneetti taa'amurratti, dureewwan biyyaa fi ministiroota akkasumas anga'oota olaanoo Gamtichaa wajjin akka mari'atan ni eegama.
"Yunaayitid Isteetis, Gamtaa Afrikaa cimaa tahe kan jajjabeessitu ennaa tahu, hooggantoota Gamtichaas waltajjiiwwan addunyaarratti ni simatti," jedha ibsi waajirri dhimmoota alaa Ameerikaa baase.
Dabaluunis: "Michummaa cimaa AU, biyyoota miseensa tahaniifi uummata Afrikaa wajjin qabnuun ni boonna," jedha.
Jila Finfinneetti imalu kana keessa anga'oota ministeera dhimma alaa biyyattiin alatti; qindeessaan 'U.S. Global AIDS fi qondaala olaanaa Biiroo Nageenya Fayyaa Addunyaa fi Dippiloomaasii Dr. John Nkengasong, akkasumas hooggantuu ittaantuun USAID damee Afrikaa Monde Muyaangwa fi kaanis keessatti argamu.
Yaa'iin dureewwan Gamtaa Afrikaa 37ffaa Sambataa fi Dilbata dhufu kan gaggeeffamu ogguu tahu, isaan dura garuu walgahiin mana maree hojii raawwachiiftuu biyyoota miseensotaa Guraandhala 14 fi 15 gaggeeffama.