Haqni ce’umsaa Itoophiyaa eessa geessisa?

Madda suuraa, Getty Images
Manni-maree ministeerotaa torban lama dura imaammata haqa ce’umsaa raggaasiseera. Haala Itoophiyaa bu’uura kan godhate “adeemsa haqni ce’umsaa qindaa’aafi walsimataa ta’e ittiin gaggeeffamuufi sirna ittiin hojiirra oolu diriirsuu” kan jedhu kaayyoo imaammatichaati.
“Nageenya waara’aa, araara, olaantummaan seeraa, haqaafi dimokiraasiin kan keessatti mirkanaa’u haala mijeessuu” kan jedhu kaayyoo imaammatichaa biraa ta’uu sanadicharratti eerameera.
Sanadiin imaammatichaa mana-maree ministeerotaatiin kan raggaasifame filannoowwan imaammataa haqa ce’umsaa (green paper) hayyootaan erga qophaa’ee waggaa tokkoon boodadha.
Imaammata kana wixineessuudhaaf gareen hayyootaa Ministeera Haqaa jalatti hundeeffame kutaalee biyyattii gara garaa keessatti marii gaggeesseera.
Osoo hin raggaasifamiin dura gareen hayyootaa Ministeera Haqaa jalatti hundeeffame kun filannoowwan imaammataa irratti biyyattii bakka gara garaatti mariiwwan gaggeesseera.
Gareen hayyootaa kun mariiwwan kana booda gabaasni adeemsa marii ummatichaafi galtee walitti qabuu Mudde darbe ifa godhameera.
Manni-maree ministeerotaa imaammata haqa ce’umsaa kana kan raggaasise adeemsawwan kanneen boodadha.
Seensi imaammata kanaa jijjiirama siyaasaa A L I bara 2010 biyyattii keessatti uumame hordofee mootummaan, “waldhabdee, walitti bu’insa, sarabama mirgoota namoomaafi gaaffiiwwan ummataa gara garaatiif furmaata kennu kan jedhu “fooyya’insa seeraafi dhaabbilee hojiirra oolcheera,” jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
“Haata’u malee, waggoota darbaniifi isaan duras baroota turan keessa kutaawwan biyyattii bakka hedduu keessatti waldhabdeen, mufiin, walitti bu’insawwan ciccimoon, akkasumas sarbamni mirgoota namoomaa uumamaniiru,” jedha itti dabalauun.
Sarbama mirgoota namoomaa kanneen, walitti bu’insawwan, seenessawwan hin qulqullaa’iiniifi miidhaawwan sirreessuuf carraaqqiin gara garaa taasifamuu kan kaase imaammatichi, “yaaliiwwan turan furmaata waara’aa barbaadame argamsiisuu hin dandeenye,” jedha.
Furmaanni barbaadame kan hin argamneef ammoo “fala haqa ce’umsaa hundagaleessa, hirmaachisaa haala mirga namoomaarratti xiyyeeffateen dhugaatiin araaraan, dhiifamaafi haqaan hundaa'eefi imaammata ifa ta’een gaggeeffamuu dhabuusaa” ta’uu ibsa.
Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaafi Biyyoota Gamtoomaniitti Komishiniin Oalaanaa Mirgoota Namoomaa gabaasa waloo baasaniin, yakkawwan waraana Kaaba Itoophiyaatti raawwatamaniif haqa ce’umsaatiin ilaalamuu akka qabu yaada furmaataa dhiyeesseera.
Waliigalteen Piritooriyaas haaluma walfakkaatuun sarbama mirgoota namoomaa waraana tureen raawwatameef itti-gaafatamummaan akka jiraatu gochuuf mootummaan Federaalaa imaammata ce’umsa haqaa hojiirra akka oolchu dubbata.
Waliigaltee nagaa Piritooriyaan booda kan ifoome imaammanni haqa ce’umsaa qeeqi irratti dhiyaataa tureera.
Qeeqawwan irratti dhiyaatan keessaa hayyoota seeraafi beektotarraa kan dhufanirra darbee, paartileen siyaasaa mormitootaa biyyattii keessa socho’an adeemsa isaa qeeqaa turaniiru.
Bara darbe A L I Bitootessa 2015 marii filannoowwan imaammata haqa ce’umsaa gaggeeffame paartileen siyaasaa hangi tokko dhiitanii bahanii ture. Paartileen mormitootaa kunneen yeroo sanatti hojiirra oolmaa imaammata haqa ce’umsaa hojiirra oolchuun dura “mariin biyyaalessaa dursee walitti bu’insawwan dhaabbachuu qabu” ejjennoo jedhu qabatanii ture.
Gareen hayyootaa gama paartileen siyaasaatiin mormiin isaan mudatullee magaalota 56 keessatti garuu marii galtee walitti qabuu godhaniiru.
Haqa ce’umsaa “gaafatamummaa jalaa ba’uufimoo yakkamtoota adabuuf?”
Imaammanni haqa ce’umsaa Itoophiyaan hojiirra oolchuuf qophiitti jirtu, “gaafatamummaa fiduuf kaayyoo kan godhate miti,” jechuun qeeqi irratti dhiyaata.
Ogeessi mirga namoomaa maqaan isaa akka eeramu hin barbaadne tokko adeemsi haqa ce’umsaa, “dhiibbaa idil-addunyaafi qoqqobbii jalaa karaattiin miliqanidha,” jedha.
Ogeessi kun yeroo waraana Kaaba Itoophiyaa uleen Itoophiyaarratti cimee ture yeroo ammaa kana deebiyee laafuu akka agarsiistuutti kaa’u. Adeemsi imammata haqaa wixineessuu erga jalqabameen booda, biyyoonni Lixaa hariiroo Itoophiyaa waliin qaban haaromsuu jalqabaniiru.
Hayyuun mirga namoomaa sababa kana ta’eef yeroo ibsu, “qooda fudhattoonni idil-addunyaa qaxanaa sana keessatti tasgabbiin akka jiraatuuf gahee ijoo kan taphattu Itoophiyaa waliin hariiroo qaban idilee taasisuufi biyyattii tasgabbeessuu barbaadu.
Adeemsi haqa ce’umsaa mudaa qabu amma argaa jirru kun foyya’insi tokko argamee hariiroon biyyattii waliiin qaban garaa duraan turetti deebisuudhaaf sababa ta’aaf” jedha.
Mana-murtii idil-addunyaa Heegitti argamutti ogeessa seeraa kan ta’e Obbo Kaasahun Mollaas, “mootummaan imaammata haqaa kana kan jalqabeef hawaasa idil-addunyaa sossobuudhaafidha ykn dhiibbaa dhufurraa dandamachuudhaaf himanni jedhu jira,” jedhu.
Obbo Kaasahun himannichi, “lafumaa ka’ee kan dhiyaate miti” jechuun dubbatu.
“Mootummaan gareen ogeessota Komishinii Mirgoota Namoomaa Biyyoota Gamtoomanii yakka Itoophiyaa keessatti raawwatme qorachuudhaaf yaalii taaisaniif dhugaa baasan haguuguudhaaf haala fakkaatuun biyya akka hin seenne godheera,” jechuun himannaa dhiyaatuuf sababiin qabataa jiraachuu ibsa.
“[Mootummaan] garee ogeessotaa tumsuudhaaf hayyamamaa hin turre,” kan jedhu Obbo Kaasahun, “Isarra darbee ammoo yeroo turtii garee kanaa addaan kutuudhaaf hojjetamaa tureera.
Kun kan agarsiisu mootummaan qaama walabaafi bilisa ta’een yakkawwan raawwatamaniifi haalli biyyattii keessa jiru akka ala hin bane barbaadamoo kan jedhu gaaffii keessa galcha,” jedha.
Biyyoota Gamtoomaniitti Mana-maree Mirgoota Namoomaatiin gareen qorannoo hundeeffame yeroon turtiisaa Onkoloolessa darbe xumuramuun isa ani yaadatama.
Turtiin yeroo garee qorannaa kanaa akka dheeratuuf wixineen yaada furmaataa Mana-maree Mirgoota Namoomaa Biyyoota Gamtoomaniitiif dhiyaachuu dhabuusaa quuqamtoota mirgoota namoomaatiin qeeqni irratti dhiyaataa tureera.
Mootummaan Itoophiyaa yeroon turtii garee kanaa akka hin dheeranneef irra deddeebiin yaaliiwwan taasisaa turuun isa ani yaadatama.
Kanaan alattis gareen qorannoo Komishinii Qorannoos gara biyyattiitti erguudhaaf barbaadulleen mootummaa Itoophiyaarraa hayyama hin arganne ture.
Ogeessi mirga namoomaa akka maqaan isaa eeramu hin barbaanne, sababoota akka Komishinichi cufamu taasisan keessaa tokko, “mootummaan Itoophiyaa adeemsa haqa ce’umsaa jalqabeera jechuusaa” akka ta’e eera.
Ogeessu kun, “adeemsi haqa ce’umsaa jaqabameera jedhamuun isaa abaarsa idil-addunyaarra dhufu hir’iseera; Komishinichas cufsiiseera. Kun mootummaa Itoophiyaatiif milkaa’ina guddaadha,” jedha.
Akka ogeessa mirga namoomaatti, “Kun haqaaf kasaaraa ta’uu danda’a garuu siyaasaafi qooda fudhattoota dippilomaasota hundaa fayyadamtoota kan taasisudha.
Kollejjii Yunivarsiitii Landanitti gargaartuu piroofeesaraa kan taate Keet Orniin kitaaba yaada ogeessota lamaanii yaada jabeessu qabu barreessiteetti.
Kitaaba mata-dureen isaa “Hypocrisy and Human Rights Resisting Accountability for mass atrocities” jedhu barreessiteen, “dirqama mirga namoomaasaanii ba’uudhaaf hayyamamoo mootummoonni hin taane yeroo baayyee deebii dhiibbaa idil-addunyaatiif haala nama ajaa’ibsiisuun ejjennoosaanii jijjiiru,” jetti.
Keet kitaabumashee kana keessatti, “mootonni adabbii[idil-addunyaa] jalaa ba’uudhaaf carraaqqii gahaadha jedhan qofa gochu,” yaada jedhu kaasti. Akka ibsa Keet kanatti, yaaliwwan kunneen sarbamoota mirga namoomaa raawwataman sirriitti qorachuudhaaf hin dandeessisan.
Ogeessi mirgoota namoomaa kun yaadni Keet kun haala qabatamaa Itoophiyaa ibsa jechuun dubbata.
Ogeessi kun, “mootummaan Itoophiyaa adabbii jalaa ba’uudhaaf hanga barbaadamuun olitti hojjechaa jira,” kan jedhu ogeessi kun, adeemsi haqa ce’umsaa jalqabamuun hariiroowwan gara bakka duraan turaniitti akka deebiyan taasiseera jechuun BBCtti dubbate.
“Mootummaan Itoophiyaa kana kan godhuuf irra caalaan gaafatamummaa jalaa ba’uudhaafidha,” kan jedhu hayyuun kun, “[biyyattiitti] abbaa irrummaas ta’e waraanni kan itti fufe ta’uusaa qofa osoo hin taane, mootummaan Itoophiyaa haqni akka jiraatu yaadni inni karoorse salphaatti kan amanamu miti,” jedha.
Kanaan alatti adeemsi haqa ce’umsaa, “hirmaachisaa miti” kan jedhu qeeqi irratti dhiyaata.
Obbo Kaasahun Mollaa “[adeemsichi] gaggeessitoota walitti bu’insaa ykn namoota gahee olaanaa taphachuu danda’am, keessumaa ammoo [garee] qabsoo hidhannoo warra taasisaa jiran, paartileen mormitootaafi waldaaleen sivikii hin hirmaachifne,” jechuun qeeqa.
Obbo Kaasahun itti dabaluun, “warri qasboo hidhannoo gaggeessaa jiran, keessumaa warri walitti bu’insa gaggeessuufi kakaasuu danda’an kan itti hin hirmaanne yoo ta’e, dhimni isaa gara bu’aa barbaadameetti geessa jechuun rakkisaadha,” jechuun adeemsi isaa hirmaachisaa akka hin taane ibsa.
Ji’a torba dura bulchiinsi yeroo ce’umsaa naannoo Tigraay, adeemsi haqa ce’umsichaa mootummaa Federaalaa qofaan kan qabamedha sababa jedhuun adeemsicha akka hin fudhanne baaeksiisuu isaa gaazexaan Rippoortar gabaasee ture.
Obbo Kaasahun bulchiinsi yeroo naannoo Tigraay adeemsa haqa ce’umsaa kufaa taasisuun isaa dhiibbaa qabaata jedha.
Itti-aanaan pirezidantii bulchiinsa yeroo Tigraay L/Jeneraal Tsaadiqaan Gabre-Tinsaa’een xalayaa Ministeera Haqaatiif barreesseen, adeemsi haqa ce’umsaa “waliigaltee Piritooriyaa bu’uura kan hin godhatiin” ta’uu eeruun hoggantoota ministeera haqaa waliin mariin akka qohaa’uuf gaafatee ture.
Ogeessi akka maqaan isaa hin eeramne barbaadu, “bulchiinsi yeroo naannoo Tigiraay kufaa taasisuun anaaf waan ajaa’ibu miti, sababiin isaas isaaniif wanti ifa ta’e tokko jira,” jedha.
Ogeessi kun itti dabaluun, “adeemsi haqa ce’umsaa kun namoota gaaftamoo ta’an gaafatamummaatiif dhiyeessa amantaa jedhu [kan qaban hin fakkaatu] qabu.
Mootumman Itoophiyaa of qoratee gaafatamaa of taasisa amantaa jedhu hin qabu, qabaachuusi hin qaban,” jechuun ibsa.
“Adeemsa kana mootummaan guutummaan guutuutti ofumaan qabatee yoo deeme tarii tajaajila siyaasaatiif oola,” jechuun yaaddoo qabu dubbata.
Ogeessi kun, “Mootummaan Itoophiyaa kana kan godhuuf irra caalaan gaafatamummaa caalaa miliquudhaafidha. Dhiibbaa idil-addunyaa addaan kutuufidha; adeemsawwan qorannoon idil-addunyaa biroon akka hin jalqabamne karaa ittiin maseensanidha,” jedha.
Ogeessotaan qeeqni irratti kan dhiyaatuufi hawaasa idil-addunyaatiin kan jajamu haqni ce’umsaa torban sadii dura mana-maree ministeerotaatiin raggaasifameera.

Madda suuraa, Getty Images
Imaammanni haqa ce’umsaa kun maal qabateera?
Dhimmoonni waliigalaa imaammata haqa ce’umsaa: dhimmoota imaammataafi kallattiiwwan, akkasumas mootummaafi qaamoleen dhimmi ilaallatu tarreessu kutaalee sadii qaba.
Kutaan jalqabaa, kaayyoo imaammatichaa, qajeelfamoota, daangaa hojiirra oolmaafi dhimmoota kanaan walfakkaatan kan qabatedha.
Kutaa gara caalaa imaammatichaa kan qabateefi kutaan lamaffaa isaa itti gaafatamummaa yakkaa; dhugaa barbaaduu, ifa baasuufi hojii araaraa, dhiifama, beenyaa, fooyya’insa dhaabbilee, daangaa yeroo imaammatichi itti hojiirra oolu kan ilaallatu tarsiimoowwan haqa ce’imsaa ijoo kan hammatedha.
Adeemsi haqa ce’umsaa hojiirra oolu, “qorannoo yakkaa gaggeessuuniifi himata banuudhaan warri balleesse sirna gaafatamoo itti ta’an diriirsuudhaan ta’a,,” jechuun ibsa imaammatichi. Qorannoofi himmanni kan raawwatamu, “sarbama mirgoot anamoomaa ifatti mul’aturratti kan xiyyeeffate” akka ta’I imaammatichi kaa’eera.
Imaammatichaan sarbama mirgoota namoomaa ifatti mul’atan jedhamanii adda kan ba’an, “bifa tarsiimawaatiin, bifa bal’aa ta’een ykn walitti fufinsaan (Pattern) bifa qabuun kan raawwatamanidha”.
Imaammatichi yakkamtoonni qorannoon irratti gaggeeffamuufi himanni irratti banamu isaan kam akka ta’an kaa’eera.
“Haala qabatamaa biyyattiirraa kan ka’een warra balleessan hunda irratti qorannoo gaggeessuufi himata banuun adeemsa filatamaa miti,” kan jedhe imaammatichi qorannoon kan gaggeeffamuufi himanni kan banamu “yakkamtoota hirmaannaa guddaa qabanirratti qofaadha,” jechuun ibsa.
Imaammanni haqa ce’umsaa kun dhimma biraa inni kaasu hojmaata dhaabbilee qorannoo yakkaafi himanni itti raawwatamudha.
Adeemsa haqa ce’umsaa keessatti gochi yakka qorachuufi himannaa banuu kan raawwatamu, dhaabbata abbaa alangaatiin ala, addatti abbaa alangaa biraa “walabaafi bilisa ta’ee of danda’ee hundeeffamuun ta’a.












