Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Raayyaan Jiillee Dhummuggaa fi bakkeewwan Shawaa Kaabaa seenuun tasgabbeessuu eegale
Raayyaan Ittisa Biyyaa bakkeewwan Godina Addaa Saba Oromoofi Godina Shawaa Kaabaa jiran seenuun tasgabbeessuu eegaluu qondaalli mootummaa BBC’tti himan.
Rakkoo nageenyaa Sambata darbe bakkee Aanaa Jiillee Dhummuggaafi Aanaa Efraataa Gidim daangessu Jawwaa jedhamutti jalqabe, torban kana bakkee kaanitti babal'ateera.
Ka’umsa waldhibdee yaadi waldarbu irratti dhagahame kanaan humnoota nageenyaa dabalatee lubbuu namaafi qabeenyarratti miidhaan gaheera.
Badii bakkeewwan waldaangessanitti dhaqqabe kana lakkoofsaan adda baasuun garuu hin danda’amne.
Bulchaan Godina Addaa Saba Oromoo Obbo Ahimad Aliyyii gama hawaasaafi humnoota nageenyaa ‘’badiin dhaqqabe olaanaa’’ jechuun ibsan.
Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Efraataa Gidim, magaalaa Axaayyeetti dhukaasi fi manneen gubataa akka jiran nami magaalattii fira qaban odeeffachuu BBC’tti himaniiru.
Akkasumas geejjibi magaalaa Daseefi Finfinnee gidduu dhaabatuu dubbatani.
Bulchinsi magaalaa Shawaa Roobitis ‘’nagaafi tasgabbiif’’ jecha sochiin namaafi bajaajii [konkolaataa miila sadii] sa’aati 12 booda daangeffamuu ibse.
Bulchaan Godina Addaa Saba Oromoo Obbo Ahimad Aliyyii waraanni federaalaa seenu guyyaa Kibxataa BBC’tti himani.
‘’Har’a haalli jiru baay’ee fooyya’aadha. Humni Raayyaa Ittisa Biyyaa galgala [Wiixata] seenee naannoo Jilleefi karaa Shawaa Kaabaatiin kan jiru tasgabbeessee jira. Iddoo baay’eetti lolli dhaabbatee jira.
‘’Dhukaasni hin jiru. Iddoo lamaan tokko rakkoon jira ture. Isas dafnee waliin dubbachuudhaan gaggeessaan godina lamaanii, maanguddonniifi ummannis tattaaffii godheen qabbaneessuuf yaalamee jira,’’ jechuun Kibxata dubbatan.
Haa ta’u malee, gama Godina Shawaa Kaabaa haala jiru qondaala mootummaarraa odeeffachuun hin danda’amne.
Naannoo Amaaraa Godina Addaa Saba Oromoo bakkeewwan aanolee Godina Shawaa Kaabaa daangessanitti walitti bu’iinsi irra deddeebiin ni mudata.
Rakkoon akkamiin eegale?
Sababa rakkoo kanaarratti yaada wal dhiibu lamatu dhagahame. Gabaasonni biroo humnooti Godina Addaa Saba Oromoo keessaa kaampii poolisiirratti lola banuu ibsan.
Jiraataafi Bulchaan Godina Addaa Saba Oromoo garuu dura humni addaa dargaggoota torba ajjeessuun himatanii, eegasii walitti bu'iinsi hammaatuu himan.
Obbo Ahimad waan rakkoo tibbanaaf sababa ta’e akkanaan ibsu:
‘’Jawwaa bakka jedhamutti dargaggoota bakka tokko ta’an wajjiin humni addaa walitti bu’ee ture. Osoo waliin dubbatanii dhimmichi gara humnaa deemee tasgabbaa’uu hin dandeenye,’’ jedhan.
Haleellaa kanaan namoonni torba ajjeefamuu bulchaan BBC’tti himaniiru.
‘’San booda ummanni yeroo sanaatti dhukaasa yeroo dhagahu walitti ba’ee rakkoon dhaqqabee ture humna addaa irrattis ummata keenya irrattis,'' jedhan.
Gaafuma Sambataallee humnoota addaarratti dabalatee miidhaan dhaqqabuu ibsameera.
Gaafa Wiixataas immoo bakka Wasan Qurqur jedhamu rakkoon uumamee akka ture Obbo Ahimad himan.
‘’Ammarratti adda hin baafne namni hedduu akka miidhamedha ragaan jiru. Araddaan hedduu gubatee jira. Namoota miidhaman adda baasuun hin danda’amne,'' jedhan.
Jiraataan maqaa naaf dhoksaa jedhaniifi bakka rakkoon dhalate akka turan himan guyyaa ‘’Wiixataa haala badaarra oole,’’ jedhan.
Gaafa Sambataa haleellaan dargagoota ‘’jimaa qama’aa turan’’ irratti dhaqqabuu himu.
‘’Naannoo kanatti 'Shaneetu' jira jedhanii shakkaa waan turaniif,’’ walitti bu’insi kuni dhalatuu dubbatani.
‘’Shaneen immoo nubira hin jiru. Kan keenya ummata qote-bulaadha,’’ jechuun deebisan.
Ebla waggaa darbe walitti bu’insa Aanaa Jiillee Dhummuugaa fi Godina Kaaba Shawaa Aanaa Efiraataa Gidim keessatti uumameen gama lamaanii namoonni 20tti siqan ajjeefamaniiru.
Kanaafis aangawoonni gama lamaanii qaamota ‘Shanee’ fi ‘Faannoo’ jedhan himatani.
Kana dura irra deddeebiin hawaasi godinichaa humni addaa naannichaa ‘’dararaa’’ nurraan gaha jechuun himataa akka tureefi kanas sirreessuuf dalagamaa turuu aangawoonni himu.
‘’Dararaan jira. Walqixa nu hin ilaalani. Yeroo adda addaatti namoota hidhuun, tumuun namoota eenyummaa isaaniitiin dararuun jira,’’ jechuun himu Obbo Ahimad.
Naannoo Amaaraa Godina Addaa Saba Oromoo keessa ummata Oromootu bal’inaan jiraata.
Rakkoo irra-deddeebiin aanolee godina kana keessatti mudatuuf aangawoonni naannichaa humnoota ‘shanee’ jedhan himatu, aangawoonni godinichaa garuu ni waakkatu.
Yeroo waraana Kaaba Itoophiyaa humnooti WBO kan mootummaan Shanee jedhu Godina Addaa Saba Oromootti qaamaan TPLF waliin walitti dhufuun mootummaa loluu ibsuun isaanii garuu ni yaadatama.