Qufaa tibbana ijoollee barnootarraa hambisaa jiruufi tasgabbii dhowwe

Dubartii qufaan qabamtee afaan haguuggattee jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Tibbana magaalaa Finfinneetti qufaan namoota hedduu miidhaa ture vaayirasii infuleenzaa, koronaa ykn dhukkuba sirna hargansuu hubu ta'uu mala jedhame.

Ittigaafatamaa Ittaanaan Biiroo Fayyaa magaalaa Finifinnee Dr. Muluugetaa Indaale BBC'tti akka himanitti, jalqaba baatii Onkoloolessaarraa eegalee lakkoofsi namoota dhukkuba qufaa fakkaatuun qabamuun dhaabbilee fayyaa dhufanii dhibbeentaa jahaan dabale.

Namoonni gara dhaabbilee fayyaa dhaqan mallattolee akka qufaa, ho’a qaamaa, nyaata jibbuu, dhukkubbii buusaa lafee fi bowwoo mataa fa’aatu irratti mul’ata.

Daa'immanirratti dhukkubbii garaa fi furriin funyaanii yaa'u itti heddummachuu dabalatee, mallattoolee walfakkaatan akka isaanirratti mul’atu eeru.

Dabaluunis, maalummaa dhibichaa adda baasuuf saamudi namoota 178 irraa fudhatamee qoratame jedhan.

Firiin qorannichaa namoonni shan koronaavaayirasiin qabamuu agarsiisa, saamuda qorataman keessaa dhibbeentaa 13 ammoo vaayirasiin infuleenzaan qabamuu isaanii agarsiisa jedhan.

Doktar Muluugetaan BBC'tti akka himanitti, namoota sana keessaa dhibbeentaa afur irratti vaayirasiin sirna hargansuu miidhu argame.

''Namoota dhukkubsatanii dhaabbilee fayyaa dhufan keessa %20 Covid, vaayirasii infuleenzaa ykn vaayirasii sirna hargansuutiin qabamuun isaanii mirkanaa’e," jedhu Dr. Mulugetaan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhukkuba infuleenzaatiin lakkoofsi namoota qabamanii, kan waggoota sadan darbanirraa garaagarummaa guddaa akka hin qabne ibsan.

Dhibeen qufaa fakkaatu kun ji'oota Eblaa fi Caamsaa keessa akka mudatu ibsuun, miidhaa dhibichi qaqqabsiisu hamaa akka hin taane dubbatan.

"Dhukkuba sireerraatti nama hambisu ykn du'aaf nama saaxilu ykn miidhaa cimaa geessisu miti," jedhan.

Namoonni dhukkuba qufaa salphaadha jedhanii dhaabbilee fayyaa hin dhaqne akkuma jiran; lakkoofsi namoota wal’aansa barbaacha dhaabbilee fayyaa dhaqanii Onkoloolessa dura dhibbeentaa jahaan dabaluu himan.

Dhukkuboonni qufaa fakkaatan kun yeroo tamsa’uuf haala mijataa argatan namoota hedduu akka huban Dr Mulugetaan ibsaniiru.

Kana malees, jijjiiramni sochii namootarratti yoo dabalu, manneen barnootaa banamuun dhibeen kun akka babal’atuuf carraa uuma jedhu.

Namoonni dhibee qufaa fakkaatu kanarraa of eeguuf qulqullina dhuunfaa akka eeggatan, keessattuu harka dhiqachuu akka qaban Dr Mulugetaan gorsan.

Bakka namoonni itti baay'atanitti haguuggii afaanii keewwachuun filatamaa ta’uus gorsan.

Maanguddoonnii fi namootni dhukkuba biroon qabaman of eeggachuu akka qaban, yoo dhukkubsatan atattamaan dhaabbata fayyaa deemuun wal’aanamuun akka barbaachisu gorsan.