Lafee namoota 240 ol gamoo man-kuusaa jalaa argame

UK'tti qorattoonni ambaa fi seenaa (archaeologist) ambaalee bara kan giddugaleessaa (medieval) irraa ta'uun hin oollee jedhame kan daa'immanii dabalatee, lafee namoota 240 ol kutaa gamoo man-kuusaa tokko jalaa qotanii baasuu beeksiisan.
Lafeen ambaa ilmaan namaa kan ''baayyee barbaachisaa'' jedheme kunis gamoo Waayiit jedhamuufi kan Haverfordwest Pembrokeshire keessatti argamu jalatti jedheera.
Qorattoonnis ambaa lafee namootaa argame kun kan gadaamiin monokseewwan Dominikaaniin bara 1256 hundeeffame ta'uu akka hin ollee amanu.
Ogeessi arkiyoolojii tokko akka himanitti, argannoon kun Haverfordwest bara giddugaleessatti maal akka fakkaattu foddaa ittiin ilaallu,’’ jedhan.
Gamoon sun jaarraa tokkoo oliif man-kusaa beekamaa ture hanga kutaan gamoo kanaa gara qarqara lagaatti argamu bara 2013 cufametti.


Qindeessaan qorannoo kanaa Andiriiw Shobrook, gadaamiin sun doormii, iddoo barreeffamni itti baayyifamuu fi kaa’amu, akkasumaa hospitaala qaba ture jedhan.
'‘Gadaamiin kun iddoo awwalchaa kabaja qabudha. Innis kan dureeyyii fi jiraattoonni magaalaa itti awwalamaniidha,’’ jedhe Andiriiw Shobrook.
Iddoo awwaalchaa sanatti namoota awwaaluun jalqaba jaarraa 18ffaarra eegale.
Lafee namootaa naannichaa argame keessaa gartokkeen daa’immaan yoo ta’an, bara durii sanatti du’aatiin ijoollee olaanaa ta’uu agarsiise.
Lafeen namootaa naannichatti argame hundi osoo deebifamee iddoo awwaalchaa dihiyootti argamutti hin awwaalamiin dura ogeeyyii ispeeshaalistootaan qoratameera.
Hambaan lafee namootaa argame muraasni lolarratti mataan kan buruqe yoo ta’u, bara sana heeboo ykn xiyyaan waraanamuu hin oolle jedhan qorataa Andiriiw Shobrook .












