Biyyoota Baha Giddu-galeessaa kamitu diroonii caalaa omishee fayyadama?

Diroonii Tarkiin omishtu

Madda suuraa, Getty Images

Diroonii ykn Xiyyaarota xixiqqoo nama malee fi ‘dhorkaa malee’ samiirra balali’anidha. Yoo barbaadan magaalaa keessaa ka’anii magaaluma keessa qubachuu danda’u.

Akkasumas bosona keessa ka’anii bosonuma keessas qubachuu ni danda’u. Yookaan ammoo doonii waraanaa galaanarra jirurraa ka’aniis kallattii ergamni itti kennameen deemanii waan ajajaman raawwatu.

Dirooniin bakka itti ergan deemee ni basaasa, nama ykn qama barbaadamu faana-dhaha, bakka adda baasanii irratti xiyyeeffatanii rukkutuu barbaadan ittiin haleeluufis ni gargaara.

Akkasums yoo barbaachisaa ta’e ammoo waraana guutuu keessatti meeshaa qixxee hin qabne ta’aa jira.

Tekinooloojiin kun waggoota dhiyoon as dirree waraanaa keessaa madaallii humna lolaa jijjiiraa akka jiran ogeeyyiin ni kaasu.

Meeshaan haaraa kun raayyaa lolaa baayyee hin barbaadu. Namni ajaju ykn ergu lafarra wiirtuu tokko keessa taa’ee erga.

Dirooniin naannoo Baha Giddu-galeessaa waraanaafi walitti bu’insi itti hammaate keessatti dirooniin meeshaa waraanaa sodaafi yaaddoo uume ta’eera.

Xixiqqoofi gatiin isaa salphaa ta’uu isaarraa kan ka’een humnoonni waraanaas ta’e gareewwan hidhattootaa karaa adda addaatiin diroonii qabaachuu danda’u.

Akka Inistitiyuutiin Qorannoo Imaammata Idil-addunyaa (ISPI)tti tilmaamutti, biyyootiin Baha Giddu-galeessaa (Israa’el malee) waggoota shaman darban keessa diroonii waraanaatiif yoo xiqqaate Dolaara Biliyoona 1.5 baasaniiru.

Jaarraa dirooniin dhalate kana keessa naannoon Baha Giddu-galeessaa jijjiirama ji’oopolotiksii guddaa keessa galeera jedha dhaabbanni barnootaa wallaba ta’e Inistitiyuutiin Baha Giddu-galeessaa (MEI).

Sooriyaatii hanga Liibiyaatti, Yamanirraa hanga Iraaqitti xiyyaarri nama-maleessi [unmanned aerial vehicles (UAVs)] kun dirree waraanaarratti jijjiirama guddaa fideera.

Dorgommiin meeshaa waraanaa kanaa yoom jalqabe?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Namoonni tokko tokko dorgommiin diroonii waraanaa qabaachuu mormii biyyoota Arabaa keessatti dhalate Arab Spring jedhamuun walqabatee jalqabe jedhanii amanu.

Haata’u malee, dorgommiin meeshaa waraanaa kun isa dura jalqabe akka yaada Dr. Jams Paaton Yunivarsiitii Korneelitti daarektara Inistitiyuutii Imaammaataafi Tekinooloojiitti.

Dorgommiin kun baroora 1970moota gara dhumaa ykn baroota 1980 gara jalqabaa eegale jedha daarektarri kun. Erga baroota sanaatii Israa’el fi Iraan dirooniiwwan hojjetaadhuma jiru.

Biyyoonni lamaanuu misaa’elii fageenyatti dhukaafamu qabaachuu akka qama biyya ofii eeggachuu murteessaa ta’eetti ilaalu.

Haata’u malee, diroonii fayyadamuu ilaalchisee jijjiiramni qabatamaan kan dhufe erga Tarkiin bara 2020 keessa Sooriyaan akka humnoota mormitootaa hin barbadeessine ittisuuf itti gargaaramte ture. Diroonii Tarkiin oomishtu Bayraktar jedhamu yeroo sanatti taankiiwwan 100 ol gareewwan mormitootaa duraan itti dhufaa turan qolateera.

Isaan booda dirooniiwwan Baha Giddu-galeessaa keessatti ballinaan omishamuun hojiirra ooluu jalqabe.

Faawondaashinii Baha Giddu-galeessaatti daarektarri Sagantaa Tarsiimoo Tekinooloojiifi Nageenya Saayibarii Muhaammad Suleymaan, Baha Giddu-galeessaa keessatti biyyoonni sadii dirooniin baayyinaan hojjetu jedha.

Israa’el

Akka Muhaammad Suleyman jedhutti, Israa’el diroonii fayyadamuudhaan biyya jalqabaati. Sababiin isaa Israa’el deeggersa Yunaayitid Isteetirraa argatteen Israel “jalqaba Waraana Libaanos 2006 keessatti biyya jalqaba dirooniiwwan fayyadamtedha”.

Israa’el dirooniiwwan baayyinaan omishuufi alatti erguudhaan biyya dursitudha. Akka ibsa Ministeera Ittisaa Israa’elitti, bara 2022 keessa meeshaa waraanaa Israa’el gurgurtu keessaa parsantaa 25 kan qabatu dirooniidha.

Dirooniiwwan Israa’el omishtu keessaa tokko “IAI Eitan” kan jedhamudha. Dirooniin kun qilleensarra sa’aatii 36 turuu danda’a. Kana malees, dirooniin kun misaa’ela kiiloogiraama 1,000 baachuu danda’a.

Akka miidiyaaleen gabaasanitti, Israa’el dirooniiwwan Hermes 450 fi Hermes 900 haleellaafi opperaationii waraanaa Gaazaa keessatti gaggeessiturratti itti gargaaramteetti.

Tarkii

Akka Muhaammad Suleyimaan jedhutti, Tarkiin biyyoota Baha Giddu-galeessaa keessaa diroonii omishan keessaa lamaffaadha.

Tarkiin dizaayinaafi hayyama biyyoota Lixaarratti, keessumaa Yunaayitid Isteet irratti hundaa’uun meeshaa dheedhii ykn galtee biyyuma keessaa qabduun omishte.

Dirooniin Tarkii Bayraktar TB2 jedhamu kan biyyattiin yeroo jalqabaatiif omishtedha jedhama. Dirooniin kun lafarraa ol samiitti kiiloomeetira 7.6 ol fagaatee sa’aatii 24 qilleensarra turuu danda’a.

Dirooniin Tarkii kun waraana Sooriyaa bara 2016 ture keessatti meeshaa waraanaa hunda caalaa gahee qabu turedha jedha Muhaammad Suleyimaan. Bara 2019 keessas dirooniin Tarkii Bayraktar jedhamu kun Liibiyaatti wayita Janaraal Kaliifaa Haftaar magaalaa Tiriippoolii qabachuuf ulaasheerra gahetti kan dhaabedha.

Akka ragaan qabatamaa Tarkii agarsiisutti bara 2022 keessa, kampaaniin diroonii omishu, Bayraktar, biyyoota 27 waliin kontoraata meeshaa waraanaa kana dhiyeessuu mallatteesseera. Biyyoota kanneeniif dhiyeessee ammoo galii Dolaara Biliyoona 1.8 irraa argate.

Biyyoota diroonii Tarkii kana bitachuun adda duree ta’an keessatti Yukireen, Polaand, Azerbajaan, Morookoo, Kuweet, Emireetis, Itoophiyaa, Turkeministaan, Kiriigistaan, Romaaniyaa fi Albaaniyaan ni argamu.

Diroonii Iraan omishtu

Madda suuraa, Getty Images

Iraan

Biyyi sadaffaan Iraan yoo taatu, qoqqobbii dinagdee jala biyya jirtu waan taateef dirooniiwwan rakasa ykn gatiin isaanii gadi aanaa ta’e dhiyeessiti.

Iraan sagantaa diroonii omishuu bara 1980moota, yeroo Iraaq waliin waraana keessa turte (1980-1988) jalqabde.

Iraan dirooniiwwan hanga tokko hojjettee Raashiyaatti erguuf karoorri qabattee turte Yunaayitid Isteetiin kan aarsedha. US neetiwoorkiiwwan dhaabbileen kudhaniifi namoota dhuunfaa afur Iraan, Maleezhiyaa, Chaayinaafi Indoneezhiyaa keessa socho’aniirra qoqqobbii keesseetti.

Akka Ministeera Dhimma Alaa US jedhutti, qoqqobbiin kun kan kaa’ameef meeshaalee elektirooniksii siriin isaanii Ameerikaarraa ta’e dhiibbileen Ittisa Warraaqsa Iraan waliin hidhata qabanitti akkaataa ittiin gurguramuu danda’anitti haala mijeessan.

Kana malees, US Iraan dirooniiwwan Huutiif dhiyeessuun akka gareen kun dooniiwwan Galaana Diimaarratti haleelan gochaa jirti jechuun himatti.

Onkoloolessa darbe, Ministeerri Ittisaa Iraan, diroonii "Mohajer 10" jedhamu omishuu beeksise. Dirooniin Iraan inni kun lafarraa meetira 7,000 ol fagaatee sa’aatii 24 qilleensarra turuu danda’a. Kana malees, lafa hanga kiiloomeetira kuma lama fagaaturratti hojjechuus ni danda’a.

Biyyoota Baha Giddu-galeessaa biroo

Yunaayitid Araba Emiretis (UAE) fi Israa’el waliin dirooniiwwan misoomsuurratti hojjechaa jiru. Kampaaniin Emiretis Edge jedhamuufi kan Israa’el Aerospace Industries Kampanii jedhamu meeshaa farra diroonii ykn haleellaa diroonii qolatu hojjechaa jiru akka Reuters gabaasetti.

Sa’ud Arabiyaan ammoo diroonii “Sky Guard” jedhamu omishuufi misoomsuurratti hojjechaa jirti. Akka oduun marsariitii Ittisaa Hagayya 21, 2021 bahe agarsiisetti, kampaaniiwwan Sa’udii lama omisha diroonii “Sky Guard” kana keessatti hirmaachuuf waliigaltee mallatteesaniiru.

Kana malees, Sa’ud Arabiyaa xiyyaara Tarkiirraa bitatteetti. Akkasumas Fulbaana 2023 muddama ji’oopolotikaal biyyoota lamaan gidduu waggootaaf tureen booda kampanii Tarkii tokko waliin waliigaltee mallatteessiteetti.

Faawondeeshinii Baha Giddu-galeessaatti daarektarri Sagantaa Tarsiimoo Tekinooloojiifi Nageenya Saayibarii Muhaammda Suleyimaan akka jedhutti, Masiriin biyyoota gurguddoo waliin meeshaa waraanaa omishuufi dizaayina ammayyaafi hayyama argachuudhaaf waliigalteen taasifte diroonii akka omishtuuf carraa baneef.

Masiriin diroonii saffisa sa’aatii tokko keessatti kiiloomeetira 260 deemuufi walitti fufinsaan sa’aatii 30 balali’uu danda’u omishti.

“Hanga ammaatti, sistemiin kallattiin farra diroonii ta’e [hojiirra oole] hin jiru; sistemoonni kunneen sadarkaa yaaliirratti argamu,” jedha Muhaammad Suleyiman.

Kampaaniiwwan baayyee meeshaa harkatti qabatamu ykn qoleerratti baatamu kan dirooniiwwanitti kiyyoo darbachuu danda’u, kan akka kaattuun isaanii hin diriirre dhorkuun akka kufan taasisu hojjetaniiru.

Dr. Jams Paaton Roojars akkas jedha: “Amma Baha Giddu-galeessaa keessatti sadarkaa dirooniiwwan wal walirratti omishamanii bahan to’annootiin ala ta’erra geenyeerra. Har’a gareen ta’e ykn mootummaan tekinooloojii diroonii fayyadamuu ni danda’a.”