Itoophiyaan konkolaataa elektirikiin hojjatu beeksisuuf tajaajila geejjiba bilisaa eegalte

konkolaataa elektirikii

Madda suuraa, Ministry of Transport and Logistics

Fedhiin biyyoonni tibbana konkolataa elektirikaan hojjatuuf qaban, keessumaa gatiin boba’aa dabaluun walqabatee, yeroodhaa yerootti dabalaa jira.

Itoophiyaanis fayyadama konkolaataa elektirikaa biyyattii dabaluuf tarkaanfiiwwan adda addaa fudhachaa jirti.

Kana keessa tokko tajaajilamtoonni konkolaataa kanaa sa'aatiiwwan murtaa'an keessatti geejjiba bilsaa akka argatan gochuu ta'uu Ministeerri Geejiibaa fi Loojistiikii Itoophiyaa beeksiise.

Akkasumas Ministerrichi Waxabajjii 13, 2020 irraa kaasuun dhaabbata Giriin Teek Afrikaa (Green Tech Africa) damee Itoophiyaa waliin ta’uun karoora baafate socho'aa jira.

Ministeera Geejjibaa fi Lojistikii Itoophiyaatti Hogganaa kominikeeshinii fi qunnamtii Ummataa, Obbo Taaxxaq Nagaash, karoora wagga 10 ministeerichi baafate keessa tokko konkolaataa elektirikiin hojjatan hawaasatti beeksisuu akka ta’e BBC’tti himan.

“Waggaa 10 keessatti yoo xiqqaate atoobisoota anniisaa elektiriin hojjatan 4,800 ta’anii fi konkolaattota manaa kuma100 ol biyya keessa akka seenan gochuudha” jechuun karoora isaanii ibsan Obbo Taaxxaq.

Duula humannoo cimsu kanaan Green Tech Africa waliin ta’uun konkolaattota guutummaa guutuun annisaa elektirikiitin hojjetan gara biyyatti galchuu fi wiirtuulee itti konkolaattonni kunneen chaarjii ta’an ykn anniisaa guuttattan 40 hundeessuun hojjatamu ibsan.

Dabalataanis konkolaataa annisaa elektirikiin hojjatan ummataatti beeksisuuf, ji’a tokkoof konkolaattonni kunneen geejjiba Magaalaa Finfinnee keessatti tajaajila bilisaa eegalee akka kennan taasifamu himaniiru.

Tajaajilli bilisaa konkolaataawwan kanneeniin ummataaf kennamus Waxabajjii 14 irraa eegaluun ''ganama sa'aatii tokkoo hanga galgala sa'aatii tokkootti Finfinneetti'' akka dhiyaataa jiraachu himan Obbo Taaxaqi.

Baatii kana keessatti hojiiwwan konkolaataawwan anniisaa elektiriikiin hojjatan kunneen hangam mijaataa akka ta'aniifi hagam nageenya akka qabu mirkaneessuu akka hojjetamu himaniiru.

Ammattis konkolaattonni elektiriin hojjattan 60 tajaajila geejjibaa bilisaa kennuuf qophaa’uu kan himan Obbo Taaxaeqi, isaan keessaa afur minii-baasaasii namoota 13 fe’an ta’uu himaniiru.

Akka Obbo Taaxaqi jedhanitti, kanaan dura Dhaabbati Gireen Teek Itoophiyaa keessatti konkolataa elektirikii gabaaf dhiyeessee kan ture yoo ta’u, konkolaatonni elektirikii 200 ta’an biyyattii keessa jiru.

 Ta’us garuu, “hawaasni konkolaattonni kunnee kan elektirikiin hojjetan ta’uu isaanii odeeffanoo hin qabu ture” jedhu.

Duula kanaanis uummatni konkolaatonni kunneen bu’aa buusaa akka jiran taasifuufi gara fulduraattis abbootiin qabeenyaa biroos gara hojii kanaatti akka galan abdachuun ta’uu ibsaniiru.

Amma dhaabbileen Gireen Teek Itoophiyaa, Maaratoon mootarsii fi Korreentii Mootarsi kan jedhaman konkaalottota elektirikii gara Itoophiyaatti galchuu fi suphuu irratti hojjechaa akka jiran anga’aan kun BBC’tti himaniiru.

konkolaattota elektirikii

Madda suuraa, Ministry of Transport and Logistics

Faayidaa fi yaaddoo konkolaataa elektirikii?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bu’aalee konkolaataa elektirikii kanaa jedhamuun kanneen eraman keessa tokko faalama qilleensaa hambisuudha. Inni lammataa ammoo baasiin isaa kan konkolaataa boba’aan hojjetuun gadi aanaa ta’uu isaati.

Itoophiyaan waggaatti boba’aaf qofa baasii doolara biiliyoona 4 akka baastu kan himan Obbo Taaxaqi, baasiin elektirikiif ba’u kan baasii boba’aatiin bayyee gadaanaa ta’uu mirkanaa'u ibsan.

“Boba’aa qofa osoo hin taane wantoonni akka zaayita, suphaa mootaraa fi birootiinis konkolaattonni boba’aa gatiin isaanii akka dabaluuf sababa ni ta’u,” jechuun konkolataan elektirikii irra akka filatamaa ta’u eeraniiru.

Itoophiyaa keessatti tajaajilli ibsaa amansiisaan waan hin taaneef konkolaatotta elektirikii irratti shaakkii fi yaaddoo uumuu malu.

Obbo Taaxaqi ammoo adda ciccituun tajaajila elektirikii, keessumaa Finfinneetti mudatu hir’isaa dhufuun isaa yaaddoo guddaa akka hin uumne dubbatu.

Dabaluunis gara fuulduraatti taajijilli ibsaa hidhaa guddicha Abbayyaa irraa argamus abdii akka qabu eeraniiru.

Abbaan qabeenya konkolaataa elektirkii tokko mana jireenyaasaatti chaarjii gochuu akka danda’uu fi tarii yoo daandirratti baatiriin isaa hir’iseef ammoo wiirtuuleen chaarjii jiran kun tajaajila akka kennan ibsaniiru.

Wiirtuulee chaarjii akkanaa lakkoofsa isaanii dabaluuf bulchiinsa Magaalaa Finfinnee waliin mari’achaa jiraachuus Obbo Taaxaq himaniiru.