Gareen Islaamik Isteet (IS) gaggeessaan isaa ajjeefamuu ibse

Loltuu IS

Madda suuraa, Reuters

Dursaa garee jihaadistii Islaamik Isteet (IS) kan ta'e Abu al-Hasan al-Hashemi al-Quraayshi ajjeefamuu isaa garichi ibse.

Oduu himaan garee IS ergaa sagaleedhaan waraabee dabarseen dursaan garichaa du'uu isaa mirkaneesse.

Abu al-Hassan al-Hashemi al-Quraayshi "osoo diinota Waaqayyoo" loluu dirree lolaa irratti ajjeefame jechuun ergaa dabarse oduu himaan kun.

US akka ibsitetti dursaan garee IS kun oppireeshinii hidhattoonni Free Syrian Army Kibba Baha Sooriyaatti gaggeessaniin ji'a Onkoloolessaa keessa ajjeefame.

Abu al-Hassan al-Hashemi al-Quraayshi dursaa garee IS ta'uun kan ibsamee ture ji'a Bitootessaa keessadha.

Isa dura garicha dursaa kan ture Abu Ibrahim al-Quraayshin haleellaa US gaggeessiteen boombii dhootudhaan of ajjeesee ture.

Abu al-Hassan al-Hashemi al-Quraayshi erga ajjeefamee booda gaggeessaa haaraa maqaan isaa Abu al-Huseen al-Quraayshi jedhamuun bakka bu'uu oduu himaan garichaa ergaa dabarseen ibseera.

Dursaa garichaa haaraa kana maqaan isaa inni dhugaan eenyu akka ta'e, lammii biyya kamii fi eenyummaa isaa hin ibsine.

Abu al-Huseen "loltuu warra mujaahiddiin" keessaa tokko akka ta'eefi deeggartoonni garichaa hojii isaa irratti deeggarsa akka godhaniif waamicha dhiyeesse oduu himaan garee IS kuni.

Kan ajjeefame Abu al-Hasan waa'en isaa baay'ee hin beekamu. Maqaa isaatiin bahee dubbatees ta'ee ibsa kennee hin beeku.

Garuu gaafa Wiixataa deeggartoonni garee al-Qaayidaa kan garee IS waliin wal hin jaalanne fuula Telegiraamii isaanii gubbaatti Abu al-Hasan erga ajjeefamee "bubbuleera" jechuun barreessan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Abu al-Hasan hidhattoota Free Syrian Army'tin ajjeefamuu isaa Giddu Galli Ajaja Waraana US beeksise.

Hidhattoota Free Syrian Army Sooriyaa keessatti mootummaa Bashir al-Assad humnaan aangoo irraa buusuf warra falmaniidha.

Haa ta'u garuu opppireeshinii kana keessatti waraanni US akka hin hirmaatin oduu himaan waraana US beeksise.

Oduu himaa Mana Maree Nageenya US kan ta'an Joon Karbi: "Gaggeessan IS kan biraa kana booda addunyaa kana irraa godaanuu isaa isin beeksisuu feena" jedhanii ture.

Gareen IS kanaan dura Baha Iraaqii kaasee hanga Lixa Sooriyatti lafa iskuweer mayilii 34,000 dhuunfachuun lammiilee miliyeena saddeet ta'an irratti bulchiinsa gara jabina fe'ee ture.

Dhuma irratti haleellaa qindaa'a irratti gaggeeffameen lafa qabate hunduma hari'amee bahuu danda'e.

Haa ta'u garuu gareen hafe ammayyuu yaaddoo uuma jechuun UN ji'a Adoolessaa keessa dubbatee ture.

Ammatti loltoonni garee IS 6,000 hanga 10,000 ta'an baadiyyaa Sooriyaa fi Iraaq keessa socho'uun haleellaa tasaa inuma gaggeessu.