'Turkiin humna lafoo nutti bobbaafti taanaan ISIS mana hidhaatii gadi lakkifna' - humnoota Kurdootaa

Janaraal Mazlum Abdi

Humnoonni Kurdootaa Kaaba Sooriyaa maandheeffatan buufataalee loltoonni ISIS itti hidhamanii jiran gadi lakkisanii bahuuf akka dirqaman BBCtti himan. Tarkiin haleellaa humna lafoo bifa haaran eegalti taanan, kaampiwwan humnoonni fi deeggartoonni ISIS itti hidhamanii jiran tiksuuf humna akka hin qabne gareen 'Syrian Democratic Forces (SDF)' beeksise.

Haleellaa boombii mgaala Istaanbul keessatti mudate hordofee Tarkiin haleellaa qilleensarraa hedduu buufatee SDF irratti gaggeessuu beeksifte.

Dhohiinsa boombiii magaala Istaanbulitti gaggeeffameef Turkiin garee humnoota Kurdii kana gaafatamaa goote. Garichi garuu himannaa kana waakkateera.

Humnoonni Kurdootaa 'Syrian Democratic Forces' jedhaman kun deeggarsa US qabu.

Turkiin humna lafoo bobbaasti taanan gareen ISIS deebi'ee humna akka horatuuf carraa banuu akka ta'e dubbate ajajaan humnoota SDF Janaraal Mazlum Abdi. "Kuni waraanni waliinii Sooriyaatti deebi'ee akka ka'u taasisa. Nuti ammoo lola garee ISIS irratti gaggeessinu ni dhaabna.

Akka walii galtee qindoomina addunyaatti IS lollee mo'anneerra, waanti Turkiin gochaa jirtu kana kan xiqqeessudha," jedhe Janaraal Mazlum Abdi.

Yeroo biyyoonni hedduu tokkummaan ISIS irratti duulaa turan US adda dureen hidhattoota 'Syrian Democratic Forces' irratti hundaa'un IS lolaa turte.

Ammas taanan buufataalee loltoonni fi maatiin loltoota ISIS itti hidhamanii jiran kan eegu fi to'atu hidhattoota kanaadha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kaampin guddaan loltoonni fi maatin ISIS itti eegaman kan argamu bakka al-Hol jedhamutti yoo ta'u namoota 50,000 ta'antu achi keessatti humnoota SDFtin eegamaa jira.

Haleellaa qilleensarraa Turkiin gaggeessiteen lammiilen biyya alaa ISIS waliin hidhata qaban jaha kaampicha keessaa miliqanii turanis boodarra qabamuu gareen hidhattoota SDF kun beeksise.

Tarkaanfin Turkiin fudhattu itti fufa taanan hidhattoonni isaa kaampiwwan loltoonni ISIS fi kanneen garicha wajjin hidhata qaban itti eegaman tiksuuf akka rakkatan hima Janaraal Mazlum Abdu: "Loltoonni keenya uummata keenya tiksuutti qabamuu tiksuutti qabamu waan ta'eef kaampiwwan kana eeguu dhiisuu dandeenya."

"Angawoonni Turkii lammiilee nagaa, bu'uraalee tajaajila uummataa kanneen akka buufata anniisaaa, fi buufata omisha boba'aa fa'aa irratti xiyyeeffachuun haleellaa gaggeessan. Kuni ammoo buqqaatii lammiilee nagaa heddu qaqqabsiisa."

Bara 2016 irraa kaasee Turkiin Kaaba Sooriyaatti duula waraanaa cimaa hidhattoota Kurdii irratti gaggeessaa turte. Duula amma Turkiitti gaggeessaa jirtuun magaala Kabone jedhamu qabachuufi sodaa jedhu qabu hidhattoonni Kurdii kun.