Xayyaarri Keeniyaa sababa yaaddoo nageenyan bakka biraa akka qubatuuf humni qiileensaa UK dirqisiise

Madda suuraa, GABBY COLENSO/BBC
Xiyyaarrii Keenyaa magaalaa guddoo biyyattii Naayiroobii irraa gara buufata xiyyaara idil-addunyaa Heeziroo kan UKtti argamuutti balalii’aa ture ‘‘sababii nageenyaatiif jedhamuun’’ bakka qubannaa akka jijjiru diriqisiifame.
Xiyyaarichis loltoota humna qilleensaa UKtiin eddo qubannaa isaa jijjiruun magaala Iseeksii kan baha Biriteeniitti argamtu keessatti buufata xiyyaaraa Istaansteed akka qubatuuf dirqisiifameera.
Dubbii Himaan Landan Istaandsteed, xiyyaarri Booying 787 qabeenyummaansaa kan Daandii Qilleensa Keeniyaa ta’e bakka poolisoonni Iseeksii argamaniitti ngaan qubachuu ibse.
‘‘Xiiyaarichi jeettota waraanaa UKtiin marfamee erga bakka fagaatetti geeffameen booda hojiisaa idilee hojjataa’’ jiraachu dubbatan.
Ammaan kanattis miseensoonni poolisii Iseeksii haalicha tasgabbeessaa jiraachu beeksiisan.
Poolisiin qorannoo taasisuun wanti nama yaaddessuu homtuu akka hin jirre erga adda baafameen booda, xiyyaarichi gara buufata xiyyaaraa duraan yaadameetti deebiifamuun ibfameera.
Dubbii Himaan Raayyaa Ittisa UK, xiyyaara kaleessa waaree booda gara UKtti dhiyaachaa ture irratti hordoffiin yaaddoo kuna qilleessaan irratti taasifamaa akka ture ibseera.
Xiyyaarichi hanga buufata xiyyaara Istaansteeditti dabaalliin godhameef yaaddoon homaatuu akka hin jirree mirkanaa’uu ibsan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Itti dabaluunis, ammattis adeemsichi bulchiinsa siviilii jalatti akka argamu himan.
Polisoonni Iseeksii gasaatiin xiyyaarrii Naayiroobii irraa gara buufata xiyyaara Heezirootti imalaa ture kallattiisaa gara buufata xiyyaara Istaansteediitti akka jijjiruu taasisuu ibseera. Buufanni xiyyaarichaas tajaajilaaf saaqaa taasifamuu kaaseera.
Daandin Qilleensa Keeniyaa gamasaatiin xiyyaarri kaleessa balaliirra ture yaaddoo nageenyaa cimaa qaba jechuudhaan akeekkachiifni akka isa gahe ibseera.
‘‘Daandin qilleensaa Keeniyaa hordooffii yaaddoo nageenyaa irratti sakatta'iinsa taasifamu irratti mootummaa Keeniyaafi UK waliin hojjataa jira. Hojjattoota balaliinsa irra turaniif ibsi kennameefiira. Dursees hojjattoota balaliinsa irra turaniifi imaltootaf of eeggannoon nageenyaa barbaachisu taasifameefira,’’ jedhe.
Hojii Gaggeessaa Olaanaan Daandii Qilleensa Keeniyaa, Ilaan Kiilaavikaa ‘‘Namoota imala irra turan muraasa irratti shakkiitu ture. Ta’us boombii ykn waan kana fakkaatuun wal hin qabatu,’’ jedhan.
‘‘Sababii yaaddoon dabaleef tarkaanfii of eeggannoo dursaa fudhanne. Wanti nama yaaddeesu homtuu akka hin jirre mirkanneessuuf kana taasifne’’ jedhan.












