Baratoonni 400tti siqan Aanaa Darraa irraa qorumsaa kutaa 12 fudhatan gara maatiisaaniitti deebi’uu hin dandeenye

Godina Shawaa Kaabaatti kan argamtu Aanaan Darraa aanota godinichaa sababa rakkoo nageenyaatiin raafamaa jiran keessaa tokko.

Qorumsa biyyaalessaa Kutaa 12 baranaa torbee lamaan dura dhaabbilee barnootaa Olaanoo keessatti kennamaa tureefis barattoonni aanichaa 395 tahan raayyaa ittisa Biyyaatiin eegamuun gara Yunvarsiitii Salaalee seenanii ture.

Qorumsichi A.L.I Adoolessa 14 bara 2016 kan xumurame yoo ta’u barattoonni aanaalee godinichaa irraa Yunvarsiitii Salaalee seenan gara bakka irraa dhufaniitti kan deebi’an yoo ta’u kanneen aanaa Darraa irraa deeman garuu hanga ammaatti mooraa Yunvarsiitichaa keessaa jiru.

Itti gaafatamtuun waajjira Kominikeeshinii aanaa Darraa Aadde Algaanesh Tesfaayee barattoonni aanicharraa qorumsaaf gara Yunvarsiitii Salaalee, magaala Fiichee deeman 395 yoo ta’an kanneen keessaa 255 dhiira, 140 ammoo dubartoota.

Aanichi wiirtuu hidhattootni naannolee lamaa (Hidhattoota Faannoo fi WBO) keessa socho’an waan ta’eefis imalli geejjibaa magaalattiirraa gara Fiichee taasifamu erga adda cite bubbuleera.

“Haalli Nageenya aanaa keenyaa rakkisaa waan ta’eef barattoonni kuni gaafa qorumsaaf deeman raayyaa ittisaatu ajjabee geesse. Aanaa kuni raakkoo nageenyaa qaba. Sababa hidhattootaan geejjibni akka barbaade hin jiru”

“Sanbiratti daandiin Magaala Fiichee irraa gara Magaala Gundomasqal geessu waqtii gannaa kana manca’eera waan ta’eef geejjibaaf rakkisaadha” jedhan.

Barattoonni aanicharraa qorumsaaf gara magaala Fiichee deemanii ture hanga ammaa maatiitti akka hin deebinee fi Yunvarsiitichuma keessa akka turan ta’uu odeeffannoon qaba jedhan aadde Algaanesh.

Yunvarsiitii Salaaleetti Daayireektara kominikeeshinii fi qunnamtii alaa Kan tahan Dr. Yeshimbeet Boggaalaa, barattoonni aanaalee biraarraa dhufan battala qorumsi xumurametti deebi’anii galuu fi kanneen aanaa Darraa irraa dhufan garuu mooraa yunvarsiitichaa keessa jiraachuu himan.

“Jalqaba yeroo dhufanis Raayyaa ittisa biyyaatiin eegamaanii dhufan. Deebi’uuf haalli nageenyaa mijataa waan hin taaneef hanga ammaa mooruma yunvarsiitii keessa akka turan ta’eera” jedhan.

Haala qabiinsa barattoota kanaa kan ilaaleenis bakka bultii fi nyaatni isaanii yunvarsiitiin haala mijeessee waan jiruuf turtii isaaniitiin wanti rakkoo itti ta’u akka hin jiraanne dubbatan.

“Barattoota kana waan barbaachisu yunvarsiitiin mijeessee jira. nyaata, bakka bultii, yaala fi eegumsi taasifamaafii jira. kuni hanga gara maatii deebi’anitti haalli mijatuufitti. Asturuu isaaniitiin miidhaan addatti isaanirra gahe hin jiru” jedhan

Qooda fudhattoonni waajjira barnootaa aanaa Darraa barattoota kana fidanii dhufanis haala barattoota kanaa guyyaa guyyaadhaan hordofuun waan isaan baraachisuu fi haala maatitti deebi’uu hordofaa jiraachuus eeran.

Hanga haalli mijatee gara maatii isaaniitti deebi’anitti mooraa yunvarsiitichaa keessa turuu akka itti fufanii fi mooraa yunvarsiitiin alati bahuun garuu akka hin heeyyamamneefis himan.

Miidiyaa haawaasummaa irratti Odeeffannoon Barattoonni aanaa Darraa irraa dhufanii Magaala Fiichee keessatti rakkachaa jiru jedhu dogoggoraa fi dhugaarraa kan fagaate akka ta’es himan.

“Barattoonni biroo kan dhaabbilee barnoota olaanoo biroo irraa dhufanii saababa rakkoo nageenyaatiif gara aanaa Darraa adeemuu dadhabanii magaala Fiichee kana keessa jiran jiraachuu malu. Yoo isaan ta’e malee warri qormaataf dhufan rakkoon isaanirra gahe homtuu hin jiru” jedhan.

Magaalli Guddoon aanaa Darraa, Gundomasqal Magaala Fiichee irraa 120KM kan fagaatti.

Hidhattoonni Naannoo Amaaraa yeroo adda addaaatti haleellaa banuun aanichi naannoo Amaaraa jala akka galuuf duula taasisaa jiraachuu ammaan dura Jiraattonni BBCtti himanii ture.

Gama biraatiin hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo aanaalee Warra jaarsoo, Dagamii fi Hidhabuu Abootee irraa garasitti cehuun rakkoo adda addaa geessisaa turuutu himama.

Godina shawaa kaabaatti aanaaleen akkaa Kuyyuu, Dagam, hidhabuu Abootee, Yaayyaa Gullallee, fi warra Jaarsoo jedhaman sababa hidhattootaan erga nageenyi irraa fagaatee lammiilee Nagaa irratti dararaan cimee waggootni lakkaa’amaa jiru.