Barataa kutaa 12 si'a lama qorame amma gosa barnootaa 52n A+ fiduudhaan waancaa gonfate

Martinuu Toleeraa barataa qaxalee maatii qotee bulaa keessaa bahedha. Oromiyaa Godina Lixa Shawaa Aanaa Baakkoo Tibbeetti dhalatee kan guddate Martinuun, barnootasaa sadarkaa tokkoffaas achumatti goolabe.

Maatii bal’aa keessatti kan dhalate dargaggeessi kun maatii isaatiif mucaa dhumaati. Obboloonnisaa hundi kan baratan yoo ta’an, innis faanuma isaanii qabachuun barnootaan qaxalee akka ta’e hima.

Baarnootasaa sadarkaa lammaffaafi qophaa’inaa ammoo magaalaa Baakkootti kan hordofe Martinuun, kutaa 1ffaatii hanga kutaa 12ffaatti tokkoffaa ba’aa akka tures dubbata.

Martinuun qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa yeroo lammaffaa kan fudhate yoo ta’u, isa jalqabaatiin qabxii 565 fiduudhaan barnoota fayyaa namaa (medicine) Yunivarsiitii Jimmaatti eegale.

Rakkoo fayyaa isa mudateen garuu barnooticha addaan kute. Yeroo lammaffaaf qormaata biyyoolessaa fudhachuun qabxii 570 fiduudhaan Yunivarsiitii Ambootti Akkaawontingii fi Faayinaansii barachuu jalqabe.

Martinuunis eebbifamaa bara kanaa yoo ta’u, koorsota fudhate 52 guutummaa A+ fiduudhaan waancaa fi meeedaaliyaa warqee badhaafameera.

Martinuu akkamiin milkaa’ee gosa barnootaa mara A+ fiduu danda’e? Maaltu qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa irra deebi’ee akka fudhatu dirqamsiise? Mudannoo fi akkamitti akka irra darbe dabalee iciitii milkaa’inasaa irratti BBC waliin turtii taasiseera.

'Guyyaa tokkoyyuu sadarkaa gadhiisee hin beeku'

“Nama seenaa dalaguu danda’u; nama jijjiiramee seenaansaa akka gaariitti kaa’uu danda’u, nama jijjiirama guddaa uumuu danda’u [ta’uuf] irratti hojjechaan ture” jechuun abjuu ijoollummaasaa yaadata Martinuun.

Martinuu Toleeraa eebbifamtoota bara kanaa qabxii olaanaa galmeessuun maqaa isaanii waamamu keessaa tokkodha.

Barataan kun Yunivarsiitii Ambootti badhaafamaa waancaa fi meedaaliyaa warqee yoo ta’u, koorsota barnootaa fudhate hunda A+ fiduudhaan seenaa haaraa galmeessiseera.

Maatii isaa keessaa mucaa quxisuu ta’uu kan kaasu Martinuun, “anis obbolootakoo hangafa ilaaleetan kanan barachaa ture” jechuun milkaa’ina isaa har’aatiif imala barnoota obbolootasaa fakkeenya guddaa akka ta’eef hima.

“Abbaayeenkoo daa’imummaa kootii kaasee [na hordofa] ture. Ennaa ergaa na ergu, ennaa waantota biroo natti dubbatu, Afaan Ingiliziidhaani.

Hojii manakoofaa, dabtrakoo [baruullee] check godha [ni hordofa]. Barsiisota faanas [hariiroo] qaba. Abbaankoo] qotee bulaa ta’us nama xinnoo barnoota qabudha, kanaaf jajjabina guddaa naaf ta’e.

Haatikoollee daa’imummaa kootii kaastee na deeggaraa turte. Maatiikoo keessaa, seenaan nama kamiiyyuu na jajjabeessaa ture,” jechuun maatiinsaa hundi milkaa’ina barnootasaaf bu’uura ta’uu dubbata.

Qorumsa kutaa 12ffaa maaliif si’a lama qorame?

Martinuun qorumsa biyyoolessaa kutaa 12ffaa qoramee, qabxii 565 fiduudhaan Yunivarsiitii Jimmaatti barnoota fayyaa namaa (medicine) ramadame.

Waanti inni eegee fi achitti isa mudate garuu tokko hin turre. Ogummaan fayyaa namaa hawaasa keessattis ‘kabaja’ guddaa waan qabuuf, maatiin isaas akka barnoota kana baratu akka barbaadan yaadata Martinuun.

Oduun inni waa’ee barnootichaa barattoota buleeyyiirraa dhaga’aa ture, maatiirraa fagaatee deemuunsaa fi haalli barnootaa haaraa itti ta’uun akka isa jeeqaa ture yaadata.

Haalli kun ammoo mogolee isa buusuun, xiinsammuu isaarratti akka dhiibbaa uumes kaasa. Boodarras dhiphinaa fi yaaddoo hamaa keessa galuun dhukkubsachaa akka ture hima.

Akkuma ta’etti samisteera tokkoffaa goolabuu kan kaasu Martinuun, samisteera lammaffaa erga barnootatti deebi’ee boodas haalonni inni keessa ture akka itti hin fooyya’iin dubbata.

“Haalli sun natti jajjabaachaa dhufe. Hanga baay’ee na dhukkubuutti gahe. Hiriyoonnikoo ennaa dubbisan ani dubbisuun dadhabe. Sanarraa ka’ee xiqqoo [xiinsammuu] dhaanis nan miidhame. Waantonni kun ennaa na jeeqan nan dhiise; addaanin kute” jechuun barnoota dhiisee gara maatiitti galuuf akka dirqames ibsa.

Erga gara maatii isaatti deebi’ee booda garuu sagantaa barnoota al-idilee yookaan kolleejjota dhuunfaa hordofuu qaba ture.

Sagantaa idileetiin yunivarsiitii seenee barachuun al ammoo barachuu akka hin barbaanne kaasa. Kanaaf, irradeebi’ee qorumsa biyyoolessaa kutaa 12ffaa fudhachuuf galmaa’e.

Qabxii duraan galmeessise bira darbuun 570 fiduun Yunivarsiitii Ambootti muummee Akkaawontiingii fi Faayinaansiitti ramadame. Turtii isaa keessattis obboleettiisaa magaalaa Amboo jiraattu bira taa’uun barnootasaa idilee haala mijataa keessatti hordofaa akka ture hima Martinuun.

Yunivarsiitii Amboo yeroo seenu, obbolaansaa hedduun achuma magaalittii waan jiraataniif, haalli haaraa akka itti hin taaneefi maatii isaattis dhiyaachuun

Yeroo Yunivarsiitii Jimmaatti barnoota fayyaa namaa hordofuuf deemetti, barattoonni buleeyyiin “barnoonni medicine akka garmalee ulfaatuufi guyyaa dheeraa, sa’aatii dheeraa akka dubbistudha kan nutti himame.

Achiin keessikoo sodaachaa; ofitti amanamummaa dhabaa dhufe.” Kun ammoo dandeettii cimaa inni qabu akkanni humna dhoowwee ture hima.

Bilchina dhabuu isaas sababoota haalanni keessa tureef gumaachan keessaa tokkoo akka ture kan yaadatu Martinuun, waan isa mudaterraa barattootaaf dhaameera.

“Duriyyuu kan kanaa olii hojjettee dhufte. [Oduu hin dandeessu, sitti ulfaata jedhaman] amanuu hin qabdu.

[Barnoonni] ennaa cimtee hojjette, salphachaa adeema malee ulfaachaa hin adeemu. [Dandeettii] qabaachuu duwwaan [gahaa] miti; ofitti amanamummaa qabaachuun [barbaachisaadha]” jedha.

'Maatiin yaadaan na jajjabeessaa turan; garuu keessi isaanii gaddee ture’

Kaleessa barnoota fayyaa namaa yunivarsiitiidhaa addaan kutee galuu isaatti keessi isaanii kan gadde, maatiin Martinuu har’a ammoo milkaa’ina inni barnoota Akkaawontiingii fi Faayinaansiitiin argateen fuulli ifeera.

Meedaaliyaa warqee fi waancaa inni gonfateenis gadda kaleessaa dagataniiru.

Martinuu milkaa’ina “hin eegnen argadhe” jedhus, garuu waan akka carraa dhufe miti jedha. Kutannoo fi cichoominnisaa kaleessaa har’a milkaa’ina har’aatiin isa gahuus dubbata.

“Sadarkaa kanatti hin eegne. Miirri gammachuu isaanitti [maatiitti] dhaga’ame guddaadha. Isaan duwwaa otoo hin taane namootumti seenaakoo beekaniyyuu bilbilanii ati baay’ee cimaadha, garuu waanta si mudataa turerraa [ka’ee] sadarkaa kanarra geessa jennee hin yaanne naan jechaa turani.

Ajaa’iba! Hanga extra ordinary [waan jirredha] jedhamutti gahe. Baay’ee gammadani” jechuun miira gammachuu ture ibsa Martinuun.

“Koorsii tokko A+ fiduun akka carraa ta’uu danda’a. Koorsii [hunda] garuu A+ fiduun ammoo homaayyuu carraa wajjin wal hin qabatu. Baay’ee hojjechuukee, [humna] guddaa baasuukee [agarsiisa]” jechuun dhamaatiisaa dubbata eebbifamaan koorsota barate mara A+ fide.

Milkaa’ina kana gonfachuuf, xiyyeeffannoo addaa akka barbaadus itti dabaluun dubbata.

Miidiyaa hawaasaas dhimma isa ijaaran qofarratti fayyadamaa akka ture kan himu Martinuun, hiriyoonnisaa yunivarsiitiis namoota milkaa’ina isaatiif gumaachan kan turan ta’uu kaasa.

“Ani dargaggeessa nama baratee hin quufnedha. Haalli naa mijatee kana caala MA, PhD-koo otoon hojjedhee natti tola.

Otoon carraa argadhee barnootaan kana caala waan guddaa hojjedhee; jijiiraman addunyaa kanarratti uumuu danda’u otoon uumee natti tola” jechuun fedhiisaa fuulduraa ibsa Martinuun.

“Gara fuulduraa otoon barnoota irratti [xiyyeeffadhee] addunyaa kana jijjiiruu danda’ee natti tola” jedha.

Yunivarsiitiin Amboo sirna eebbaa ALI Waxabajjii 27, 2016 geggeesseen barattoota 2607 eebbisiiseera.

Gadda kaleessaafi gammachuu har’aa

Martinuun barnootasaa addaan kutee galuusaatti maatiin hunduu akka gaddan hima. ‘Kana caalayyuu hojjettee jijjiiramuu dandeessa’ jechaa isa jajjabeessaa turanis fuula isaaniirraa garuu miira gaddaa dubbisaa akka ture kaasa barataan kun.

Yeroo inni barnoota fayyaa namaa Yunivarsiitii Jimmaatii addaan kutee manatti deebi’e maatiinsaa, baay’ee gaddanii akka turan kan yaadatu Martinuun, “Fayyaankoo dursuu waan qabuuf, yaadaan na jajjabeessaa turani; keessi isaanii garuu gaddee ture” jechuun haala ture ibsa.

“Kaleessa Yunivarsiitii Jimmaa ergan dhiisee, miira kana [gammachuu] nan fida jedhee yaadee hin beeku. Bakka guddaa kana nan gaha jedhee yaadee hin beeku.

Isa durayyuu yunivarsiitii [galee] xumuruuniyyuu erga natti ulfaatee, barataa waancaa [badhaafamu] ta’ee xumuruun immoo hammam akka ulfaatu tilmaamuu dandeessu.

Maatiinkoos ‘xumuriituma achi keessaa bahi’ naan jechaa turani” jechuun abdii kutannaa ture ibsa.